{"id":2134,"date":"2020-08-27T00:34:10","date_gmt":"2020-08-26T21:34:10","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=2134"},"modified":"2020-08-27T00:34:10","modified_gmt":"2020-08-26T21:34:10","slug":"geediyoon","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/08\/27\/geediyoon\/","title":{"rendered":"Geediyoon"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-justify\">Dhaloonni isaa qomoo Minaasee keessati. Abbaan isaa Iiyyoo&#8217;aas jedhama. Oofiraa keessa jiraataa ture. Guyyaa tokko midiyamota jalaa dheessuuf halkan yoo dhokatee qamadii dhahu ergamaan Waaqayyoo itti muldhatee, &#8220;Gooftaan sirra buleen, &#8216;Israa&#8217;eloota Midiyaam jalaa bilisa baasa koottu siin jedha&#8217; jedhiin&#8221; jedheen. Geediyoonis ergamichaan, &#8220;Erga akkas ta&#8217;ee na eegi,&#8221; jedhee sa&#8217;a qalee wareega dhiyeesseera. Ergamaan qabannaa isaatiin aarsaa inni dhiyeesse tuqnaaniif gubateeraaf. Geediyoonis deebisee, &#8220;Oobdiirra rifeensa hoolaa nan diriirsa, sana booda yoo fixeensi rifeensa kana qofaarra bu&#8217;ee lafti kaan immoo gogaa ta&#8217;e ati narra bultee ijoollee Israa&#8217;eel akka fayyistu nan bara&#8221; jedheen. Akkuma jedhe fixeensi rifeensicha irra qofa bu\u2019e. Kana qabatee gara qomoo isaatti ergaa ergee namoota kuma 32 walitti Gooftaanis, &#8220;Namoonni ati walitti qabde baay&#8217;ataniiru, jabina keenyaan diina moone akka hin jenne kan sodaate haa deebi&#8217;u,&#8221; jedheen. Yeroo kana kumni 22 keessaa ni deebi&#8217;an. Ammas lagarra gahanii, &#8220;Warra jilbiiffatanii bishaan dhugan deebisi,&#8221; jedhamnaa ni deebise. Namoota 300 qofa qabate Midiyaamotatti duule. Gara isaaniittis nama ergisiisee waan jarri jettus erga dhagayee booda, &#8220;Faaggaa 300fi Faanosa 300 qopheessuun akkan ani isinitti agarsiisu taasisaa!&#8221; jedheen. Yoo achi gahu humni kan Waaqayyoti jedhee faanosii dhaamsee faaggaa afuufe. Midiyaamonni rifatanii baqataniiru (Abboota Murtee 7:1)<br \/>Sana booda Israa&#8217;eloonni, &#8220;Siif bitamna,&#8221; jennaan, &#8220;Waaqayyoof bitamaa! Anaaf garuu warqiifi meetii naa kennaa,&#8221; jedheen. Geediyoon ijoollee 70 dhalcheera (Abboota Murtee 8:31).<br \/>Walumaa galatti seenaan isaa kitaaba abboota Firdii\/Murtii\/ boqonnaa 6-9 irratti bal&#8217;inaan ni argama.<br \/>Guyyaan yaadannoo isaas Muddee 16 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta&#8217;u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa<br \/>ta&#8217;u. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dhaloonni isaa qomoo Minaasee keessati. Abbaan isaa Iiyyoo&#8217;aas jedhama. Oofiraa keessa jiraataa ture. Guyyaa tokko midiyamota jalaa dheessuuf halkan yoo dhokatee qamadii dhahu ergamaan Waaqayyoo itti muldhatee, &#8220;Gooftaan sirra buleen, &#8216;Israa&#8217;eloota Midiyaam jalaa bilisa baasa koottu siin jedha&#8217; jedhiin&#8221; jedheen. Geediyoonis ergamichaan, &#8220;Erga akkas ta&#8217;ee na eegi,&#8221; jedhee sa&#8217;a qalee wareega dhiyeesseera. Ergamaan qabannaa isaatiin &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/08\/27\/geediyoon\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Geediyoon<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[3],"tags":[55,78],"class_list":["post-2134","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-barumsaa","tag-geediyoon","tag-mootota"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2134","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2134"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2134\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2134"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2134"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2134"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}