{"id":2151,"date":"2020-09-01T09:20:12","date_gmt":"2020-09-01T06:20:12","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=2151"},"modified":"2020-09-01T09:20:12","modified_gmt":"2020-09-01T06:20:12","slug":"mootii-solomoon","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/09\/01\/mootii-solomoon\/","title":{"rendered":"Mootii Solomoon"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-justify\">Solomon jechuun nageenyawaa jechuudha. Abbaan isaa Daawit haati isaa immoo Beersaabeedha. Mootichi Daawit isa booda kan mootii ta&#8217;u Solomoon ta&#8217;uu dubbateera. Kanas Beersaabeetti himeera. Yeroo namni biraa Daawit booda aangoo qabachuu barbaadetti raajaa Naataan Beersaabeedhaan, &#8220;Dhaqi maaf akkas taha jedhiin anis immoo si duuba dhufee dubbii kee siifan cimsa.&#8221; jedhee gara Daawititti erge. Isheenis Daawit bira seentee, &#8220;Maali maaf akkas ta&#8217;a,&#8221; jetteen. Battaluma sanatti Naataan duuba dhufee akkasuma jedhee dubbii Beersaabee kana cimseef. Yeroo kana Daawit Beersaabee waamee &#8220;Dhugaa Waaqayyoo ana booda ilma keetu mooti ta&#8217;a,&#8221; jedhee kakateef.<br \/>Guyyuma sana, &#8220;Dibaati moosisaa,&#8221; jedhee raajaa Naataan fa&#8217;a ergeera. Isaanis isa dibuudhaan moosisaniiru. Garuu Abeseeloom, &#8220;Solomoon reefu daa&#8217;ima,&#8221; jedhee ofiif of muudee mootii ofiin jedhee ture. Yeroo gara masara mootummaas dibamee deebi&#8217;utti Daawit Solomonirratti harka isaa fe&#8217;ee, &#8220;Mootichaaf murtee kenni,&#8221; jedhee kadhateera. Innis uummata kana dhugaan akka bulchu gorseeni. Solomoon yeroo sanatti nama waggaa 12 ture. Daawit Solomooniin, &#8220;Ilma koo nama ta\u2019i\u201d jedhee waan gorseef gorsa abbaasaa kana dhagahee Gabaa&#8217;onitti aarsaa dhiyeesse. Gooftaan aarsaa Solomoonitti gammadee Solomooniin maal akka<br \/>barbaadu gaafateen, &#8220;Ani kanan si kadhadhu qabeenya miti bahaaf gala koo kan hin beekne daa&#8217;ima waanan ta&#8217;eef laphee hubatu kanan uummata kana ittiin bulchu naa kenni!&#8221; jedhee kadhateera. Gooftanis kan kadhattes kan hin kadhatiinis siif kenne jedheeniira (1Mot 3:4)<br \/>Mootii ta&#8217;ee murtee inni ogummadhaan guutamee dabarse keessaa tokko kana. Guyyaa tokko dubartoonni lama mana tokotti halkan tokkotti daa&#8217;ima dahanii tokko osoo raftu irra gara galtee daa&#8217;ima ishee waan ajjeefteef ishee kan biraa sana jalaa hattee of jala goote. Haati sun immoo yoo hirribaa kaatu mucaan kan ishee akka hin taane barte. Kana irratti wal lolanii dhufani nuuf murteessi jedhaniin.<br \/>Lamanuu nutu dhahe jedhan. Yeroo kana mootichi daa&#8217;imicha bakka lamatti baafadhaa jedheen. Isheen haati dhugaa sun garaan hin dandeenye ture. &#8220;Lakki ishiif haa ta&#8217;u malee bakka lamatti adda hin hiramiin,&#8221; jette. Isheen kuun garuu tole jette. Kanaan, &#8220;haadha dhugaan kan &#8216;ilmi koo akka hin duune&#8217; jette sanadha jedhee ishee dhugaaf murteesseera. Kunis, Israa&#8217;eloota biratti ni dhagahame. Abbaan isaa Daawit mana qulqullummaa ijaaru yoo barbaadetti inni akka hin dandeenye ilmi isaa garuu akka ijaaru itti himamee ture. Solomoonis gooftaan ogummaa isaa ibseefii mana Waaaqayyoof ijaareera. Kadhannaas achinatti taasiseera. Waaqayyos nama achitti kadhatu akka maaruuf waada galeeraaf. Mana qulqullummaa kanas waggaa 20 keessati xumureera (2Seenaa baraa 8). Bara 586 Dh.K.D Silminaasoor mana qulqullumaa kana diigeera.<br \/>Booda garuu Solomoon Waaqayyoon mufachiisuu eegale. Kan dubartii heddu, jaalatu ta&#8217;e. Haadha mana 700 fi sanyoo 300 godhate. Dubartoonni kunis hanga waaqharkee isaaniif sagaduu gahutti laphee isaa jalaa fudhatan. Gooftaanis, &#8220;Ilma keerratti motumma kee bakka lamattan addaan baasa&#8221; jedhee adabeera. &#8220;Mooticha Daawitiif waadaa waanan seeneef si irratti wanta hamaa hin fidu,&#8221; jedhe (lMot 16).<br \/>Boodas gaabbii galee dhiifama erga gaafateen booda dhalatee wagga 52tti boqote. Waggaa 40 Israa&#8217;eliin bulcheera. Kitaabota hedduus barreesseera. Ayyaanni yaadannoo isaas Waxabajjii 23 dha.<br \/>Galanni Waaqayyoof haa ta&#8217;u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta&#8217;u. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Solomon jechuun nageenyawaa jechuudha. Abbaan isaa Daawit haati isaa immoo Beersaabeedha. Mootichi Daawit isa booda kan mootii ta&#8217;u Solomoon ta&#8217;uu dubbateera. Kanas Beersaabeetti himeera. Yeroo namni biraa Daawit booda aangoo qabachuu barbaadetti raajaa Naataan Beersaabeedhaan, &#8220;Dhaqi maaf akkas taha jedhiin anis immoo si duuba dhufee dubbii kee siifan cimsa.&#8221; jedhee gara Daawititti erge. Isheenis Daawit &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/09\/01\/mootii-solomoon\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Mootii Solomoon<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[3,16],"tags":[],"class_list":["post-2151","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-barumsaa","category-mootota"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2151","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2151"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2151\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2151"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2151"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2151"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}