{"id":2184,"date":"2020-09-06T09:41:59","date_gmt":"2020-09-06T06:41:59","guid":{"rendered":"http:\/\/afanoromobatch.com\/?p=2184"},"modified":"2020-09-06T09:41:59","modified_gmt":"2020-09-06T06:41:59","slug":"mootii-kaaleeb","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/09\/06\/mootii-kaaleeb\/","title":{"rendered":"Mootii Kaaleeb"},"content":{"rendered":"\n<p class=\"has-text-align-justify\">Mootii Aksum ture. Kan muudames bara 485 yoo ta&#8217;u, hanga 515tti teessoo mootummaarra tureera. Ijoollees horateera. Baruumsa amantaas barateera. Amantaan isaas kan sirrii ta&#8217;eefi kan nama ajaa&#8217;ibsiisudha. Jaalalli haadha keeyaaf qabus addadha. Mootiin Ayihuud Finihaas jedhamu Naagiraan Yemen ammaatti Kiristoosiin ganaa jedhee nama ajjeessaa ture. Magaalattis guyyaa 40&#8217;f ibidda itti kaa&#8217;ee bobeesse. Seenaan isaa addunyaarratti dhagahamus kiristaanota sana baraaruuf kan yaale hin turre. Yeroo kana dhagahu gara bataskaanaa dhaqee sagadee, &#8220;Yaa gooftaa ani namoota dhiiga kiristaanaa dhangalaasan kana akkan haaloo bahuuf na gargaari. Baay&#8217;ina loltoota koon kanan of jaju miti; anis mo&#8217;amee kiristaanummaan akka hin tuffatamne achumatti na ajeesi,&#8221; jedhe akka kadhataniif monoksoota gadaamitti erge.<br \/>Osoo hin turinis farda, gaangee fi gaalaan Yemen gahe. Finihaasiin ajjeessee kiristaanota walaba baase. Imimmaaniifi dhiiga isaanii ni qoorseef. Manneen kiristaanaas ijaarefii gara Aksumitti deebi&#8217;e. Akkuma deebi&#8217;eenis gara Aksum Tsiyoon seenee, &#8220;Gooftaa koo wanta naa goote kana hundumaaf kanan kennu qaama koo malee qabeenya koo miti,&#8221; jedhee mootummaa isaa ilma isaatti dabarsee teessoo isaarra ka&#8217;ee gara kawaalaatti gale. Gonfoo Warqee kaawwachaa tures gara Iyyarusaaleem ergee abbaa Phanxaliyoon harkatti sirni monoksummaa raawwateef. Yeroo sanas qabeenya isaa keessaa kubbaayyaa tokkoofi qamisii tokko akkasumas qooddiroo\/handaqqii tokko qofa fudhatee monokkose. Innis gadaamii keessatti namaan osoo wal hin argiin kadhannaafi soomaan erga jiraatee booda waggaa 70tti bara 529 boqoteera. Gooftaanis kabaja isa gonfachiiseera.<br \/>Ayyaanni yaadannoo isaas Caamsaa 20dha. Galanni Waaqayyoof haa ta&#8217;u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta&#8217;u. Ameen!<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Mootii Aksum ture. Kan muudames bara 485 yoo ta&#8217;u, hanga 515tti teessoo mootummaarra tureera. Ijoollees horateera. Baruumsa amantaas barateera. Amantaan isaas kan sirrii ta&#8217;eefi kan nama ajaa&#8217;ibsiisudha. Jaalalli haadha keeyaaf qabus addadha. Mootiin Ayihuud Finihaas jedhamu Naagiraan Yemen ammaatti Kiristoosiin ganaa jedhee nama ajjeessaa ture. Magaalattis guyyaa 40&#8217;f ibidda itti kaa&#8217;ee bobeesse. Seenaan isaa addunyaarratti &hellip; <a href=\"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/2020\/09\/06\/mootii-kaaleeb\/\" class=\"more-link\">Continue reading <span class=\"screen-reader-text\">Mootii Kaaleeb<\/span> <span class=\"meta-nav\">&rarr;<\/span><\/a><\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[3,17],"tags":[67,78],"class_list":["post-2184","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-barumsaa","category-mootota-aksum","tag-kaaleeb","tag-mootota"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2184","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=2184"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/2184\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=2184"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=2184"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/yoosaad.com\/orthodox\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=2184"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}