Ati anaaf nama ani jaalladhuufi mararfadhudha. Homaa tokkoyyuu gatii sirraa hin barbaadu akkasumaan si jaalladha. Utuu ati nan beekin sin beeka. Maqaa kees ta’ee seenaa kee isa sirriin beeka. Dhuguman siin jedha ana malee namni siif ta’u hin jiru. Lafa dadhabbii kee hunda siifan dhaabbadha. Mudaan kee ana biratti hin argamu. Aniifi ati situ hin hubanne malee walitti jirra. Homtuu gargar nu hin baasu. Hin duutu jedheen siif du’e. Ammas waan sirakkisuuf itti gaafatamaan kee ana waan ta’eef hin sodaatin. Na dudduuba deemtee isa cubbuu hojjettu dhiisii garaa kee guutuu naaf amanami anis siifan amanamaa jedhee xalayaa jaalalaa kana kan gara keetti erge ana isa waan hundumaa dura ture, isa jiruu fi isa jiraataa YESUUS ilma waaqayyooti. Sin jaalladha.

Ganameeffadhu ka’i.
Bakka Yaaddee ga’i .
Ifa Tulluuraa ga’i.
Duubafi fuulduraan ifi.
Amantiitti Jabbaadhu.
Ogummaa qabaadhu.
Waaqa sodaadhuu.
Hamtuun si hin argiin.
Gaariin si hin darbiin.
Kan dhalatee sif haa guddatu.
Yoo loltu mirga argadhu.

Yoo baratu qabxii argaadhu.
Yoo daldaltu bu’a argaadhu.
Mo’ii malee hin mo’amin.
Argaadhu malee hin dhabin.
Bakka yaaddes hin hanqatin.
Horaa Bulaa! deban!
Ameen!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *