Itiyoophiyaa

Seenaan kaleessaa, har’aa fi boruu bifa gara garaan kan walitti hidhaman (wal keessa  jiran) yoo ta’u jiruu fi jireenya ilma namaa bocuu keessatti gahee ol’aanaa qabu. Seenaan kaleessaa amala ykn ilaalcha keenya har’aa irratti dhiibbaa waan uumuuf guutummaa guutuutti dagatamuu ykn dhiifamuu hin qabu. Namoonni dhuunfaanis ta’e gareedhaan waa’ee ofii kan hubatan; siyaasaa fi sabummaa isaanii kan ibsatan; fi walitti dhufeenya sabummaa fi aadaa isaaniin kan dhaadatan oduu durii, seeneffamaa fi mammaaksaani dha. Garuu, saboonni madaa gabrummaa ykn cunqursaa waliin jiraachuun akka waan sirrii ta’eetti yeroo dhiyaatu fi haqa dhabdummaan baroota darbanii haalamanii  akka seenessa sirrii ta’aniitti yoo dhiyaatan ykn deggeraman siyaasni  ammaa jiru gara fuulduraatti akka hin deemne dhorka ykn akka dhaabbatu taasisa.

Hubannoo seenaa ilaalchisee falmiin ka’u waltajjii siyaasaa Itiyoophiyaa irratti rakkoo idilee ta’ee mul’ataa jira. Hiikkaa qaamoleen  gara garaa seenaa darbeef kennan fiixeetti kan ba’e yoo ta’u, wal falmisiisaa  ta’uu irra  darbee akka biyyoolessaatti mata dhukkubbii guddaa ta’ee jira. Seenaa fi mudannoon baroota darbanii dantaa siyaasaaf kan oolfaman yoo ta’u haawaasa bal’aa akkasumas hayyoota siyaasaa gidduutti qoqqoodinasa uumeera. Seenaa wal faallaa akkasumas hubannoo seenaa finxalessummaa hir’isuuf jecha Seenaa Itiyoophiyaa akka hundaaf ta’utti barsiisuuf yaaliin taasifames ogeeyyonni seenaatillee qabiyyee kitaaba wixiname irratti waliigaluu waan dadhabaniif  kufaa ta’ee jira. Barnootni hedduun  bara jalqabaa yuunbarsitiitti kennaman jiraatanullee seenaan Itiyoophiyaa sadarkaa barnoota ol’aanaatti akka barnoota tokkootti hin kenamu. Kunis rodmaappiin barnoota ol’aanaa akka hin guutamne taasisee jira.

Sochii baratoottaa bara 1960tiin booda yaadni biyyi Itiyoophiyaa seena bara dheeraa  fi durdurii qabdi jedhu ilaalchawwan adda addaa kanneen akka eenyumma sabummaa, cunqursaa darbe irratti seeneffama jibbisiisaa fi hariiroo faallaa murna gara garaa gidduu jiruun gufate. Fakkiin seenaa Itiyoophiyaa ammayyaa Ertiraanota, Somaalota, Oromootaa fi Amaarota gidduutti kan wal faallessudha. Kunis, gama tokkoon tokkummaa deebisuu fi gaaffii hiree murteeffannaa naannolee  deebisuu yeroo ta’u gama biraatiin ammoo seenaan sirnoota darbanii bittaa humnaa akka ta’etti kan mul’isu dha. Ilaalchi faallaan seeneffama durii, inni tokko itti fufaa, tokkummaa fi eenyummaa aadaati kan jedhu yoo ta’u, inni biraan ammo humnaan qabamuu, garboomfamuu fi addaa adduummaa irratti kan xiyyeeffatedha jedha.

Guddina sabboonummaa sab-lammiiwwanii  bara 1990 keessatti uumameenis wal dhabdeen akkamiin waa’een durii (seenaan) hubatamuu fi hiikamuu qaba kan jedhu  walitti dhufeenya  siyaasaa Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa ol’aanaa geessisaa  jira. Seeneffamoonnii haaraan kan yaadannoo waliinii  sabaa deebisanii uumanii fi foyyeessan     yeroo kamiyyuu caalaa iddoo qabachaa dhufanii jiru. . Itti dabalaanis, bara 2018tti dirreen siyaasaa yeroo dheeraaf daanga’ee ture banamuunis waa’ee durii irratti wariitoo falmii fi walitti dhufeenyaa biroo uumee jira.

Gaaffii fi deebii yeroo tokko taasise irratti, yaadni hayyuun siyaasaa Jawaar Mohaammad kenne shakkii fi  wal falmii  seenaa Itiyoophiyaa ilaalchisee jiru kan sirriitti calaqqisiisudha. Jawaar af-gaaffii  kana osoo hin taasisiin dura, siidaa Anoolee daawwatee ture. Daawwannaan  isaa kun guyyaa Muummichi Ministeeraa Abiyyi Ahamad Masaraa Minilik 2ffaa keessatti Paarkii Tokkummaa eebbisiisan wajjin guyyaa wal fakkaataatti  ture. Daawwannnaa  isaa ilaalchisee af-gaaffii  taasise irratti, kaayyoon isaa “siyaasaa yaadannoo seenaa darbee” gaggeessuu akka ta’e kan ibse yoo ta’u, eenyullee taanaan mootota Itiyoophiyaa kanneen akka Minilik 2ffaa, Hayilasillaasee ykn Mallas kan dhaadessu (faarsu) yoo ta’e seenaa fokkisaa ykn sheexanummaa mootota kanaa saaxiluuf kan dirqamu ta’uu isaati. Dabalataanis, hiikkaa seenaa Itiyoophiyaa ilaalchisee filannoo lama kennee jira. Kunis, boqonnaa seenaa darbee cufuudhaan  gara itti aanutti darbuu ykn waa’ee seenaa darbee irratti dhugaa mareedhaan  dhufuuf carraa utuu hin kenning, seenaa dhugaa hunda osoo irraa hin sharafiin ifa baasuu fi beekamti akka argatu gochuudha. Dhuma irratti xiyyeeffannoo kennee kan inni dubbate, “Seenaan cunqurfamootaa, hiyyeeyyii fi miidhamtootaa beekamuu qaba; balballoomfamuus qaba” kan jedhu ture.

Gama biraan, siidaa Minilik 2ffaa Finfinnee keessatti argamu ilaalchisee garaa garummaa  ilaalchaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama. Bara 1991 ALAtti, Dhaabatni Demokiraasii Uummata Oromoo hiriira mormii qopheessee ture. Mormitoonni bahan siidaa Minilik IItti naanna’anii, siidicha huccuu gurraachaan haguuganii hatattamaan akka diigamu akeekkachiisanii  turan.  Haa ta’u  malee, guyyoota muraasa booda, hiriirri morkii (faallaa) gaggeeffameera. Hiriira kanarratti huccuun gurraachi Siidichatti haguugame akka ka’uu fi siidaa sana haaromsuuf maallaqani akka walitti qabamu waamichi taasifame jira. Garaa garummaan  ilaalchaa gama kanaan jiru itti fufee kan jiru yoo ta’u, sababii walitti bu’iinsa kanaatiin  bara 2019tti dargaggoota Oromoota siidaan Minilik haa diigamu jedhanii fi namoota gochaa kana morman gidduutti wal dhabdee  uumamee  tureen lubbuun namootaas darbeera.

Fiinxaalessummaa hiikkaa seenaa har’a mul’ataa jiruuf gaheen beektotaa ol’aanaadha. Beektonni siyaasaa fi rogeeyyiin sabboonummaa adda addaa fakkeenyaaf kanneen kabaja ykn salphina biyyaatiin qabaman seenaa fedhii isaanii yeroo ammaatiif mijataa ta’e irratti hundaa’uudhaan fakkii  seenaa durii ni uumu, ni jigsu, akka haaraatti ni caasessu  akkasumas bifa fedhii isaanii har’aatiif mijatuun  ta’e jedhanii ni yaadatu ykn ni irraanfatu.  Haa ta’u  malee,  wal dhabdeen  seenaa irratti jiru seenaa irraa kan madde osoo hin taane, beektonni siyaasaa kaayyoo  seenaa eenyummaa sabaatiif hiikkoo haaraa kennuu fi bifa fedhii dhiphummaa isaanii guutuun seenaa casessuu keessatti yeroo hirmaatan kan uumameedha.    Bifa nama gaddisiisuun qondaaltoti siyaasaa fi gaggeesitoonni yaada uummataa namoota seenaa hiikan ta’u.

Bifa kanaan , gochaa fi amalli sabboontotaa, hoogganootaa fi rogeeyyiis  illalcha qaamni seenaan darbe qajeelchuu danda’u,  egeree bifa hundaan garaa garummaaf banaa ta’e uumuu qaba jedhun masakamuu qaba.   Kana malees, fakkiiwwan wal faallesson waa’ee   seenaa durii namootni dhunfaan miira firummaa karaa uumamaa, bara gaarii, bara dhibee, iddoo fi yeroo dhabuu kkf akka horatan gochuudhaan  eenyummaa garee uumuu fi tursiisuudhaan    walitti dhufeenya jabaa kan  qabuudha . Kanaafuu, wal’aansoon seenaa irratti taasifamu wal’aansoo eenyummaa hawaasaa ta’ee jira.

Waa’een durii akka namoonni miiraan oofaman, tarkaanfii fudhachuuf akka kaka’an, deeggarsa akka argataniif kan gargaaru yoo ta’u, mala  hawwaasummaa  fi aadaan uummataa itti bocamu ta’ee jira. Saboota fi sab-lammiiwwan  garaa garaa gidduutti mallattoo, seeneffama, walitti dhufeenya  fi goota waliinii akka biyyaalessaatti qabaachuun ulfaataa ta’aa dhufee jira. . Rakkoon addunyaa bifa kanaan ilaaluu akkanaa kun yoo  kan itti fufu ta’e, yaaddoo diigamuu biyyitti cinatti siyaasni seenaa darbe keessatti sirreessuun hin danda’amnee fi egereen isaa dukkana’aa ta’e  mudachuu danda’a. Gama biraatiin, abdii dhugaa hin taaneen  sochiileen hawaasummaa gaabbisiisoonis bakka hundatti babal’achuu danda’u.  Haa ta’u  malee, tarkaanfiwwan siyaasaa fi caaseffama qofa osoo hin taane,  sadarkaa siyaasa duraattillee kan dhugoomfamu yoo ta’e,  dukkana kana darbuu ni dandeenya.

Marii waliinii fi  Siyaasaa duraa

Seeneffamoota seenaa wal faallessan  araarsuuf  yaaliin godhamaa tureera, haa ta’u  malee,  sabummaa-afaanii fi garaa garummaa  siyaasaa wal irraa adda baasuuf yaaliin mootummaan taasise hin milkoofne. Faallaa kanaatiin beektonni mootummaa cina jiran seeneffama seenaa garee tokkoo isa kaan irratti fe’uuf ykn seera qabeessa taasisuuf  carraaqaa turan. Yeroo dhiyoottis maqaa falaasama tokkummaatiin, eenyummaa seenaa jijjiirudhaan fuulota seenaa qoqqoodinsaa gara irraanfachuutti deemuuf ifa ta’aa kan jiru fakkata. Yaaliin duuchumatti waa’ee durii irraanfachuu garuu haqa dur dhabame har’a gaafatamaa jiruuf deebii hin ta’u.  Ta’e jedhanii irraanfachuun qofti madaa durii irra deebi’anii itti fufsiisu akka ta’eetti lakkaa’amu danda’a. Akkasumas miseensota garee siyaasaa sarbiinsa  haqa hawaasumma fi dinagdee jala jiraataniif ulfina dhorkuu akka ta’etti ilaalamuu danda’a.

Itiyoophiyaan seenaa darbe marii waloon yoo ta’e malee  walitti qabaadhaan  irraanfachuudhaan ykn yaadachuudhaan hin fayyadamtu. Rakkoo keenya se’anaa kana kallattiin ittiin furuun danda’amu, bifa haaraa ta’een sababeessuu hawwaasaa kan waliin dubbii, mare fi falmii bifa ijaarsaa irratti hundaa’ee godhamuun qofa. Akkasitti fedhii fi ilaalcha garee kan biraa bifa hin tuqneen,    sirrummaa seenaa garee tokkoo osoo hin dhabsiisiin kallattidhaan waliin mari’achhuudhaan  seenaan kaleessa darbe garaa garummaa   sabummaa fi afaanii har’a jiru irraa adda bahuun ni danda’a. . Kunis kan ta’u garaa garummaa  aadaa jiru qofaaf beekamtii  kennudhaan osoo  hin taane,  ilaalcha siyaasaa garaa garaa inni fiduufis  beekamtii kennudhaan. Tokko tokkoo namaatiif carraa seera qabeessummaan yaada isaa itti ibsatu kennuudhaan madallii miira sabboonummaa fi fafa isaa eeguun barbaachisadha. Sadarkaa sarbiinsa  haqaa fi gochaawwan (badiilee) baroota darbanitiif guutummaa guutuutti beekamtii kennuu fi amanuun siyaasaa haaraa ijaaruuf bu’uuradha. Kunis madaa durii fayyisu fi ilaalcha har’aa qajeelchaa  akkasumas ful-duree waliinii tolfachuuf gumaachuu danda’a.

Kaayyoon marii walii galaa garuu dhugaa garee biraa mul’isuuf qofa ta’uu hin qabu, garuu warraaqsaalee sabboonummaa fi geggeessitootni isaanii seena darbe bifa siyaasaa qabachiisuuf godhanillee tarkaanfii hir’isuuf godhamu hammachuu qaba. Gahee guddaan aktiivistootni seenaa darbe deebisanii hiika itti kennuu kesssa taphatan irra deebi’amee ilaalamuu qaba.  Gaaffii sirrii waa’ee seenaa dabeetii fi guyya guyyaatti seenaa kaleessaa soba gochuudhaaf godhamu adda baasuu irratti tarkaanfiin jiraachuu qaba.  Adeemsi araara buusuu sadarkaa hundummaattii fi kutaalee hawwaasaa hunda warra murtoo siyaasaa hiika qabeessaa keessaa baafamanii turan kan hamate geggeeffamuu qaba.

Garuu, rakkoo siyaasaa, hawaasumma fi dinagdee; yaalii biyya ijaaruu gufate; fi fedhii sabboonummaa gosaa mul’ataa jiru duuba dhugaa nama biraa hubachuu kan nama ittisu wanti ta’e kan jiru fakkaata. Wanta siyaasa irraa adda ta’e. Seenaa duriitiin qabamuun keenya, kan mammaksaa fi jechoota durii keessatti  calaqisiifamanilleen amantiwwan gurguddoo biyyittiidhaan mirkanaa’anii haala siyaasaa keessa jirru faalaa jiru. Tarii hubannoo yeroo fi aadaa irratti qabnu hubannoo siyaasaatiin  duraatti horachuun waan  gaarii ta’uu danda’a. Amalli muuxannoo nuti bara jireenya keenyaa argannu addunyaa keenya garamitti akka deemtu ajaju fi achi keessattis ofii keenya qajeelchuuf kallattii nutti agarsiisa. Muuxannoowwan siyaasaa fi hawaasummaa akkanaa irra deebi’anii karaa  madaalawwaa  ta’een yaaduun gara addunyaa siyaasaatti osoo hin seeniin dura haala qabatamaa jijjiiruu gaafata. Ilaalchi nuti safuu, haqaa, miidhaginaa fi yeroof qabnu mul’ata fi raawwii ejjennoo siyaasaa keenyaa dhugoomsuuf kan fayyadu ta’uu qaba.

Waan kana ta’eef, yaadota dhokatoo waa’ee uumama keenyaa isa qabatamaa ibsu gaafachuunii fi caaseffamin haala muuxannoo jireenya keenya ammaa, maaliif haalli qabatamaa keessa jirruu fi fi sirnii dhugaa keenyaa      maaliif akka isa darbe agarsiisuu ta’ee akka uumame gadi feegeenyaan hubachuuf  gahee gumaachuu danda’a. Akka hayyuun beekamaan Federico Campagna jedhamu jedhutti gaaffilee, “Addummaa yeroo keenya isa ammaa kan isa durii irra haala adda ta’een maaltu ibsa? Bifoonni aadaa fi dinagdee akkanaa akka mudataniif sadarkaa uumamaatti tilmaamota akkamiitu barbachisoodha? Wal makiinsa  barmaatilee hawaasummaa gargaaruuf waa’ee jiraachu fi jiraachuu dhabuu wanta ta’eetiif amantaa bifa kamiitu barbaachisa? Galmoota naamusaa dhaabilee hawaasummaa keenya yeroo ammaa mullatan keessa jiru ibsuuf qorannoo akkamiitu barbaachisa?” fi kanneen biroo gaafachuun gaariidha.

Yeroo ammaa kana nuti bakka of duuba deebi’uu  hin dandeenye  irra geenyee jirra. Lolli waliinii biyyittii hunkuraa jiru kallattiinis ta’e al-kallattiin wal dhabdee  siyaasaa durii irraa kan maddeedha. . Yoo guutuutti jalaa bahuu dadhabnellee, xiqqumallee  gaaddidduu durii sana daalacheessutti deemuu qabna. Yaadni siyaasaa haaraan dandeettii siyaasaa ilaaluu fi mul’ata godhachuu gaafata. Diigumsi itti fufiinsaan deemu qo’atamuu kan danda’u yeroo dheeraa tilmaama keessa galchuudhaan. Yeroon waan duwwaa ta’e miti; ga’umsaa fi tilmaama gara fuulduraatti geessudha. “Achi keessatti” akka Hayyuun qo’annoo amantii Paul Tillich jedhutti “Waa’ee fuuldura keenyaa achi keessatti murteessina.”

Kana ilaalchisee, xiinxala dabalataatiif toora dhumaa walaloo waloo beekamaa Kabbadaa Mikaa’el kan mata dureen isaa “‘ዓለም  እና ጊዜ’Addunyaa fi Yeroo” jedhu ilaaluu dandeenya. Walaloon kun wanta qabatamaan jiru kan darbee dho’insa yeroo (taatee yeroo) waliin walqabsiisuun gowwummaa akka ta’e akka itti aanutti ibsa:

አንዱ ስፍራ ሲለቅ፥ አንዱ እየተተካ፣

ሁሉም ርስቴ ነች፥ እያለ ሲመካ፣

ሞኝነት አድሮብን፥ ሳናስበው እኛ፣

ዓለም ሰፈር ሆና፥ ሕዝቡ መንገደኛ፣

ትውልድ ፈሳሽ ውሃ፥ መሬቷም ዥረት፣

መሆኑን ዘንግቶ፥ ይህ ሁሉ ፍጥረት፣

ስትመለከቱት፥ በሰልፍ ተጉዞ፣

ሁሉም በየተራው፥ ያልፋል ተያይዞ።

Tokko yeroo bakka gadi dhiisu kan biraa bakka bu’aa

Hundumtuu qabeenya kooti jedhee utuu dhaadatuu

Gowwummaan nu haguugee utuu nuti hin beekin

Addunyaan ganda taatee uummatni ishee kara-deemaa

Dhaloonni bishaan yaa’u dacheenis laga guddaa

Ta’uusaa dagatee uumamni kun hundi

Yeroo ilaaltanii hiriiraan adeemee

Hundumtuu darabeedhaan ni darba wal qabatee

Carraa yeroo seena qabeessa  keessa jiraachuutiin  “milkii isa yeroof” fi ga’umsa namoomaa [siyaasaa] kan yeroo ammaa duuba jiruu keessatti “mul’ata barabaraa ykn kan har’aan olii” horachuu dandeenya. Kan darbe irratti mari’achuun, madaa fayyifachuu fi araaramuun dhaabbilee  uummata fi mootummaa kan hirmaachisu fi aadaa nagummaa, garaa garummaa aadaa isa dhugaa, dimokiraatawuu kkf qofa kan barbaadu miti. Namoota mul’ata qabeeyyii ta’an, hayyoota falaasamaa, ogeeyyii qorqalbii (psychology) fi saayinsii afuuraa (theology), faayin artii, fi gosoota biroo irratti bobba’anii jiran kan yaada sammuu fi haala uumamaa walitti fidudhaan jijjiirama siyaasaa fi hawaasummaa fiduuf ga’umsa qaban hirmaachisuu gaafata.

Akka gudunfaatti, Itiyoophiyaan dhibee seenaa darbee irraa fayyuu qabdi. Hayyoonni akkasumas hawwaasni bal’aan seenaa darbe irratti rarra’uu dhiisanii gar fuul-duraatti tarkaanfachuu; guddina fi jijjiirama hawaasumma argamsiisuurratti xiyyeeffachuu qabu. Aangawoonni siyaasaa seenaa sobaa itti yaadanii kalaqan ykn kan seenaa dhugaa dabsan hawaasa bal’aan diniinfamuu (qoqqobamuu) qabu. Garaa garummaa fi qoqqoodinsi seenaa irraa maddu marii waliinii fi karaa siyaasaan ala ta’een furmaata argachuu qaba.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *