Akka tulluu gaaraa
Haraamas halaalas
Walumattin hara
Haqa namaas fe’adhee
Akka konkolaataatti
Millikoos gadinjedhu
Akka obonboleettii
Huubas lafa hinbuusu
Akkuma bubbeetti
Oliif gadin kaadha
Samiif lafa gidduu
Duumessas uffadhee
Hin qabu gaaddidduu
Koo yeroo hundaa
Harrabaan nama hidduu
Namas gerger baasuudha
Seenee nama gidduu
Akka bishaan gabateerraan
Asiif achi raafama
Namuma hundaanin
Oola Arrabsamaa
Yaarabbi badiikoo kana
Naaf godhi dhiifama
Takaallaan kuta malee
Kooraanis gangaladheen
Dhiitee burraaqa malee
Dhaabadhee luugama hin nyaadhu
Akka durii dachiirrattis gororee
Bishaan gabateerraas hinta’u
Asiif achi goggoreeeeeeeeee
Burraaqeen ofirraa baasa
Luugamaafi kooraaa
Maaliif abbaan barbaade
Dugdakoorra kora
Nadhiisi yaabooke
Obboleetti kanniisaa
Yoodidde akka gaaguraattin
Xaxee sifannisaaaaaaa
Luugamaan bishaan dhugee
Kooraadhaan sinbaadhu
Imaanaa fardaaf shimalaa
Nan bada malee hin nyaadhu
Halaakaan harree hindhowwu
Himimsuu fardaa
Goleettis sin hiine
Akka dhiittuuf gaadaa
Dugdatti foonkee baatta
Kanaaf waraabessi sigaada
Duraanuu sibeeka
Ati fardaa gadi
An duunaanis jetta
Dacheenis hin margin
Dacheen sichi margiti
Ati du’iii darbiiiiiiiiii
Hamma feetes halaaki
Farda hinxuqin malee
Gabaabbadhus hinjedhiniin
Dubbattee akka malee
Share this:
- Click to share on Facebook (Opens in new window)
- Click to share on LinkedIn (Opens in new window)
- Click to email a link to a friend (Opens in new window)
- Click to share on Telegram (Opens in new window)
- Click to share on Twitter (Opens in new window)
- Click to share on Pinterest (Opens in new window)
- Click to share on WhatsApp (Opens in new window)