Beautiful young girl with relationship difficulties

Qofummaa kara lamaan hiikuu dandeenya. Tokko dhugumaan, namoota irraa qaamaan adda ba’anii jireenya qofaa jiraachuu yoo tahu, inni biraan utuma namoota wajjin jiranii hiriyaa dhugaa / aantee dhugaa / kan miira ofii hiraniif dhabuun miira qofummaan guutamuu dha.
Lachuu qofummaadhuma, miidhaa qofummaan namatti fidu hedduudha. Kanneen armaan gadii miidhaalee qofummaa keessaa muraasa:

 

 


Umurii namaa ni gabaabsa: Carraan umrii malee du’uu isaanii kannneen hariiroo fayyaaleessa namoota waliin qabaniin yoo madaalamu kan namoota qofummaan jiraatanii daran dabala.

 

Humna dhibee ittistuu qaamaa ni dadhabsa.
Fayyaaleessumaa soorataa ni hanqisa. Namoota qofummaa qaban waanuma argatan waan soorataniif carraan nyaata madaalamaa argachuu isaanii ni hir’ata.
Dhibee mukuu/gadddabuu ( depression ) fi muddama (stress) nama saaxila. Dandeettii mukuu / dhiphuu dandamachuu namaa illee ni hir’isa.
Araada gara garaaf nama saaxila.
Hariiroo hawaasumma daran nama harkaa balleessa.
Carraa of ajjeesuu namaa ni illee ni dabala.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *