What Is Leadership?

Geggeessummaan nama ga’oomsuudha malee nama gowwoomsuu miti. Geggeessummaan adeemsa imala ka’umsaafi ga’umsa of keessaa qabuudha. Kanaaf, dandeettii kana gonfachuuf adeemsa darbamuu qabu darbuun dirqama.

Geggeessummaan dubbiifi hojii akka samiifi lafaati. Saayinsiisaa beekuufi hojiisaa adeemsisuun baay’ee garagara.

Dandeettii geggeessummaatti guddachuuf

  1. Mul’ata Qabaachuu

Mul’ata malee mul’achuun hinjiru. Mul’ata jechuun imala sammuuti. Biyyifi dhaloonni mul’ata ifaafi tarkaanfachiisu hinqabne, dhaloota qilleensa abootuudha. Qilleensa qabachuuf yaaluu jechuudha. Dhaloota waa qabatu ta’uuf jalqaba mul’ata amansiisaafi tarkaanfachiisaa qabaachuun dirqama.

Abjuu kee du’a irraa eeguu qabda. Wantoonni abjuu dhaloota ajjeesan baay’eedha.  Isaan keessaa muraasni:

  • Abdii kutannaa
  • Gabaabsanii yaaduu
  • Sirna addunyaafi imala karaa addunyaa addaa baafachuu dhabu.
  • Of gowwoomsuu
  • Jijjiiramaaaf qaama biroo eeguu
  • Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu
  • Of tuffachuu
  • Hiyyummaa kunuunsuu
  • Ittigaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu

Mul’anni hinbitamu. Mul’anni bifa hinfilatu, kutannoofi obsaan galma ga’uu gaafata malee.

  • Karoora Qabaachuu 

Karoorri riqicha ittiin mul’ata dhugoomsaniidha. Karoorri madaala eenyummaa dhala namaa eega. Madaala kee hin eeggattu yoo ta’e, sarara kee gadi dhiistee sarara biraa seenta. Dhaloonni sarara mul’ata isaa eegee hinfiigne, dhaloota sarara kumaatama  irra  si’a tokkoo  fiiguuf  qophaa’e  jechuudha. Akkasitti immoo galmi gonkumaa sirriin hinjiraatu.

Karoorri wantoota lama si hubachiisa

  • Maal hojjechuu akka qabdu
  • Maal hojjechuu akka hinqabne
  • Ejjennoo Cimaa

Ejjennoon onnee mul’ataati. Saffisa mul’ata kee sarara irratti siif eeguudha. Bakkaafi haala kam keessatti eenyummaa dhaabbataa qabaachuu jechuudha.

  • Amanamummaa 

Amanamummaan wahiyyoo (element) nama mul’ata qabuuti. Jalqaba mul’ata keenyaaf amanamummaa qabaachuu qabna. Amanamummaa malee namni madaala hinqabaatu. Mul’ata keef amanamuun, bor biyyaaf amanamuutti si geessa.

  • Xiyyeeffannoo

FOCUS:-

F- Follow

O-One

C-Course

U- Until

S- Successful

Namni mul’ataa wanta dhibba hojjeta osoo hintaane, wanta tokko karaa dhibba hojjeta jedhama. Waan maraa jalqabanii jalqabatti gadi dhiisuun amala nama mul’ataa miti. Namni mul’ata wanta jalqabe hamma galmaan ga’utti xiyyeeffannoon hojjeta malee hinboqotu. Kanaaf, xiyyeeffannoon hanga jedhame bira ga’anitti wanta qabanitti cichuu jechuudha.

  • Of qabuu

Of qaban malee wanta yaadan hinqaban. Waa qabachuuf of qabuun ni dursa. Haalaan ofuma dhiisaanii, mul’ataan of qabanii deemuun firii ajaa’ibsiisaa nama hammachiisa.

  • Ilaalcha

Ilaalchi kee waan hunda keeti. Namni waanuma nyaate fakkaata. Waanuma keessa kee jiru baastee mul’ista.

Ilaalcha gaarii qabaannaan firii gaarii argatta. Firiin ati argattu ilaalcha ati ofiif akkasumas biyyaaf qabdu murteessa.

Ilaalchi kee eenyuufi maal ta’uu akka qabdu murteessa. Addunyaa ilaalcha biliyoonaan  guutte  keessa  teessa, kan kee isa mul’ate kee wajjin deemu filachuun garuu dirqama.

  • Dorgommii

Guyyaatti  waan  haaraa  arguu  barbaadda  yoo  ta’e, guyyaa dhumatti waan haaraa baradhu jedhama. Addunyaa dorgommii keessa rafanii dabarsuun hindanda’amu.

Kanaaf, mul’atni, karoorri, ejjennoon, amanamummaan, xiyyeeffannoon, of qabuun, ilaalchiifi dorgommiif of qopheessuun dandeettii geggeessummaa guddisuu danda’u.

Geggeessummaan  salphaadha, imaanaa ta’uusaa malee. Si’ana imaanaan onnee hoggantoota danuu keessaa waan dhokate fakkaata. Kanaafuu hoggantoonni baay’een ittigaafatamummaa harkasaanii jiru  akka lafa maatiisaaniirraa dhaalaniitti ilaalu.

Hoggantummaan imaanaarraa kan fagaate yoo ta’u, sirnaan ittifayyadamuu baannaa bu’aansaa sukanneessaa ta’a. hoggantummaan bu’aafi ittiquufiinsa fayyadamummaarraa argamuun safarama.

Akkuma beekamu sanyii gaariin facaafamee sanyii gadhee hinkennu, sanyii gadheenis ija gaarii hinkennu. Waanuma facaafte sana  haammata. Biyya hoggansi imaanaasaa dagatee ummatarraa hatu jirutti ummanni akka hattuu ta’u beekamaadha.

Akkasumas biyya hoggansi amanamaafi qajeeltoon, ummata guddina fooyya’aafi qaroominaan hoggani jirutti ammoo ummanni hojii kennameef amanamummaadhaan  ni bahata. Hogganummaan imaanaadha. Imaanaan ammoo hin nyatamu. Imaanaa nyaachuun akka imimmaan (dafqa) namaa nyaachuuti. Kanaafuu imaanaa hogganummaa sii kennameen hordoftoota dursuun gara kaa’ameetti imaluu ta’uun  hubatamuu qaba. Hogganummaan  tajajiluudha. Onnee ummataa keessaa bahanii ummata hogganaan waan gonkumaa hin yaadamneedha.

Kanaanfis qabxiileen irranatti tarreeffaman ofitti amanamummaa si gonfachiisu.

Egaa waan hundumaa caalaa ati dargaggeessaa/ttii fi geggeessaa/ituu akka taate hindagatiin!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

%d bloggers like this: