Vocabulary lists.
- Hirmaana: sa’aa dhiyoo dhalee jabbii isaa hoosisuuf gara manatti fiigu.
- Gurruu: Qaamaa sa’aa kan Aannaan ittii kuufamu(kan muchii ittii dhadhaabatu).
- Duraan Daandoo gorsaa: akka ijii namaa hin dhoofne karaa irraa gorsaa.
Daandoo: Imala nama ykn daandii nama ykn daandii balloo. - Booree: horii fuulaa isaa irraa halluu lamaaf sana olii qabu. Oboree jechuu yoo sirbaa qaban ittii fayyaadamu.
4.Buleen bifa looniiti. - Araara: yeroo horii bishaan dhuguuf gara lagaa deemu ammoo hanga aduu sirriittii hoo’uutti akkaa bishaan sirriittii dhuguuf turfamu.
Hanga saatii 5 ykn 6tti.
Nami hanga sana horii tursuu Kuni “Araarsitu” jedhama.
6.Gorfa: Qodaa Aannaan horii ittii naqamu.
7.Gurruu gorfaa: sa’aa sirriittii Aannaan qabu jechuu. - Rukkiifta: saawwan baayyee yeroo tokkootti hirmaanaaf fiigan.
- Manaadha-Mana Haadha
- Lukkiftaa: lukkiisu jechuun yeroo saawwan mana citaaa keessaa citaa muraasa harkiisan nyaatan.
:mana Haadha lukkiifta: mana Haadha keessaa citaa nyaatta.
11.Boonayyaa- Bona hagayyaa
Bonaa hagayyaa jechuun waktii ji’a hagayyaatti Booranaa laftii goga waan taateef bishaan horii obaasuuf araara barbaachisa.
12.huursa: sagalee yeroo loowwaan baayyeen waliin deeman dhageessisan.
13.Waatii: jabbii loon tana dhiyoo dhalaatti.(Dhaltuu)
14.Dhoobbuu Arooreessa:
Dhoobbu: Moonaa jabbii kana mukaa fi dhoqqee jaarame.
Arooreessa:Maqaa mukaa ijaarsaaf toluu kana qunceellee qabu. - Dorrooba: sa’aa dhaluuf guyyooti muraasi hafeef.
16.Arooressa : maqaa mukaa qeenxe(singular)
Harooreyyii: plural
17.Bookee: ilbiisa loon nyaatu
Dhaata: dhowwaata (ofirraa ittiisa).
Hundaa bookee dheeta: hunda mukaa Arooreessa sana jalaa bookee baqata. - Harooreyyii golbaa baanan agoogatta:
Golba:teesuma lafaa bu’aa bayii qabdu.
Baanan: biqiltee dagaagnaan
Agoogatta: Mukaa biqilee dagaagee walqaxxaamure. - Akkuma harooressa lakkooleen wal ooblata(wal hammata).
20.Wal ooblatee(wal hammate) bulee wal hoofe godaanaa.
Wal hoofe godaanaa: wal dhiibe ykn mariyatee gara lafa margii jirutti godaanaa. - Godaanna badheessaa(Caamsaa gannaa) qeerroo siif lammeessa.
- Yooyyaa galoo saameetti galoo dirraan dhaane.
Galoo: mukeen walqaban jiran kana yeroo horiin tokkoo addaan baasee gidduu dabruu walittii deebi’uu.
Dirraan: dugda horii. - Yooyyaa galoo saameetti galoo didee dhaane.
:deemuu didnan dhaane(rukutee). - Agaloo maalaan dhaane , maali ofii korreen dhaane.
Maala: qaamaa horiiti.
Korree: meeshaa akka sagalee dhageessisuuf morma horii hidhan.
Waan ofii osoo hin taa’iin:
Maala ofii. - Agaloo maalaan dhaane maali yakkee tiksaan dhaane?
- Oromoo Booranaa damee lama qaba: Sabboo(Galalchaa) fi Goona(Jilliicha)
Anatomy of cow. - Akka faayaa himee dureessa kosiitti hime.
~Moonaa dureessa kosii looni laaltee beekuu dandeetta jechuu. - Dureessa kosiitti hime, kos bonaa elemtuutti hime.
:kos jechuun looni yeroo bonaa Aannaan hir’isuu jechuu.
Elemtuutti: nama looni elmu. - Hoosisa dalluutti hime:
Hoosisa: sa’aa jabbiin hootu.
Dalluu: gooba
Sa’aa hoosisa dalluun isaa hirdhachaa deema jechuu. - Daalla waaqii roobe dalluu isaa waaqii koobe.
Daalla: dagalee
Koobe: ittii godhuu. - Dalloo mummee (dhuma) lafaa, dalluu mummeen harkaa.
- Dalluu sukaan sukaa, deeman tee sussuuka,
Sussuuka: deemaa suuta.
Sukaan sukaa: mirgaa bitaati micciiramu.
35.Dalluu qirqirfatte waaqni roobnaan gingilfattee.
Qirqirfatte: akka nami harkaan tuquu hin barbaadu.
Gingilfattee: bishaan ofirraa jigsuuf sochoofatte. - Hirmaanoyyee tiyyaa hirmaana galuu dhowwa.
Hirmaanoyyee: hirmaana kiyyaa - Dalluu siree taate hiriira galtee yaate,
Dalluun ykn goobdi akka sireeti dirriirte, yeroo boba’uu hiriira deeme.
