Barumsaa kana keessatti namootni afaan dhaloota isaani barachuu barbaadan jechuunnis afaan oromoo, barumsii kun isaaniif kan qoopha’eedha. Barumsaa kanaf muxaannoo barumsaa dursaa tokkoo illee osoo hin qabannee, kallattin gara keessaa seennun barachuun ni danda’ama. Innis kan bilisaan nama hundaaf kan dhiyaatteedha. Barumsaa kana keessatti gaaffi qabduu tannaan #Koommentii irratti barreessu hin dagattina. Yaadas yoo qabattaan lakkoofsa bilbilaa koos ta’ee midiyaallee kanneen biiro fayyadamuun na qunnammuu ni dandeessu. Barumsaa kana filaatanni waan barachuuf dhuftanni galanni koo guddaadha.
- Qubeen Maalii? – Qube jechuun barumsaa afaan oromoo keessatti mallattoo adda addaa yoo sagaleewwan garagaraa barreessinu kan walitti dhufee bakke tokko dhaabbatu jechuudha. Afaan Oromoon qubee laatinii 26 (digdamii ja’a) fi qubee dachaa 7 (torba) of keessa qaba.
- Qubeen dachaa maalii? – Qubee dachaa jechuun quboota lama addaan ba’u kan hin dandeenye, sagalee biraa kennuudhaaf akka qube tokkotti kan lakkaawwamanidha.
Horaa bula!
Requirements
- Barumsaa kana barachuuf dursaan isiin barbaachisuu hin jiruu. Garuu, Isiin yaada keessan of qopheessu qabdu. Namni tokkoo wanta feedhe kam iyyuu maaf hin hojjeettin yaada isaa of hin qoophessu tannaan bu'aa inni argattuu tokkoo iyyuu hin jiru. Kanaaf yaada ofii of qoopheessuun barumsaa kanaf bu'uraadha.
Features
- Qubee afaan oromoo hundaa ni barattu.
- Fakkeenyaa waan qabuuf hubaachuf baay'ee salphaadha.
- Gaaffi yeroom kam iyyuu gaafachu ni dandeessu.
Target audiences
- Namnootni afaan oromoo hin beekne kam iyyuu barumsaa kana barachuu ni danda'uu.
- Barumsii kun umurii hin dangesssuu.
- Barumsii kun beekafi wallalaa hin jedhu.
- Namni feedhi afaan oromoo barachuu qabu kam iyyuu barachuu ni danda'aa.