Oromoo tokkummaa
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
Oromummaa dhiigaa
Hundee Sab-boonummaa
Daawitii Sabaadhaa
Gaaddisa tokkummaa
Afaan tokko qabnaa
Aadaa tokko qabnaa
Seenaa tokko qabnaa
Duudha tokko qabnaa
Hooda tokko qabnaa
Safuu tokko qabnaa
Biyya tokko qabnaa
Ulaagaa Sabummaa
Guutuu ta’u qabnaa
Oromummaa keenya
Tokkummaan tikfannaa!! (2)
Turtiin gabrummaadhaa
Miidhaa nurraan gehee
Saba dhiigaan tokkoo
Afaan wallaalchisee
Maalummaa Sabaadhaa
Hedduu dagachiisee
Oromummaan hafee
Gaallaa nu moggaasee
Ilmi Nafxenyaadhaa
Sahayla-sillaasee
Saba dhiigaan tokkoo
Adda nu Facaasee
Tooftaa Oromoo Cabsuu
Waa Sadi keewwatee
Amaara tokkoomsuu
Islaama balleessuu
Oromoo Oromoo Cabsuu
Kana karoorfatee
Duula Oromoo Cabsuu
Weerara jal-qabee
Hedduun irraa dhumee
Duubatti dacha’ee
Gootummaan Oromoo
Dhugaadhaan hubatee
Karoora Sadanuu
Milkaa’uu dadhabee
Tokkummaan Oromoo
Dhugaa ta’uu baree!! (2)
Erga mo’atamee
Toftaa jijjiirratee
Oromoo Cabsuudhaaf
Sagantaa baafatee
Oromoo Oromoon Cabsuu
Jechuu karoorfatee
Duula lammaaffaadhaa
Weerara eegalee
Oromoo Soddoomee
Harkatti galfatee
Goobanaa bitatee
Tokummaa Oromoo
Oromoodhaan Cabsee
Raas-mikaa’il jedhee
Maqaatti moggaasee
Kaaba Oromiyaa
Wallo dura Cabsee
Tooftaadhaan nu Cabsan
Tolaan hin gabroomnee!! (2)
Karoora akaakayyuu
Galmaan ge’uuf ka’ee
Duula Sadaffaadhaa
Milik bobba’ee
Quubsuma waraanaa
Manziin kan qubatee
Kaaba Oromiyaa
Guutuu barbadeessee
Habashoota mitii
Goobanaa nu Cabsee
Waraanni habashaa
Hararit bobba’ee
Lola Calii Calanqoo
Guyyaan san ita’ee
Waraanni habashaa
Dhumee daraa ta’ee
Dhiigni dirree guutee
Bishaan ta’ee yaa’ee
Tokkummaan Oromoo
Hedduu is isaan aarsee
Loltuu 4000 achitti kan dhabee
Gootummaan Oromoon
Mo’atamee galee
Leenca Oromoodhaa
Goods Oromoodhaa
Leenca Bakar waaree
Oromoo kan boonsee
Yoom baqatee galee
Seenaa Sobaan qabnuu
Qabna Seenaa lafee
Weerartuu habashaa
Morma qabee haamee!(2)
Oromoo Cabsuudhaaf
Humnaan dadhabanii
Goobanaa qabachuun
Oromoo Cabsanii
Har’allee kanumaa
Tooftaan jara Sanii
Oromoo Oromoon
Cabsuutti jiranii
Tokkummaa Oromoo
Gufuutti te’anii
Saba dhigaan tokkoo
Adda facaasanii
Saba koo Oromoo
Nu fixaa jiranii
Adaraa Oromummaa
Tokkoomi lammii kootii
Numattu waliif qorichaa
Numattu waliif dhiigaa
Abbaaf haadhaan tokkumma
Harka wal-qabadhaa
Buqqaasaa gabrummaa
Oromoof Oromiyaa
Bilisa baasuudhaa
Kaayyoon keenya dhumaa
Yoo tokkoomne
Bilisummaa baana! (2)
Tokkummaa
Oromoo
Tokkummaa
Saba koo
Tokummaa!!!!!!!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *