Humnas qabaattee miti
Kan bishaan si dadhabu
Bareeddees kaarruu miti
Kan biyyi siif gaggabu!
Atoo hoogganaas miti
Hin baranne doofadhaa
Xuriiyyuu hin dhiqattuu
Uffannikee moofadha
Faannikee babbaqaqaan
Saantima fayyaa galchaa
Dibatteen haxaawwattu
Fuulli keetuu daalacha.
Si jaalatu si faarsu
Akka koodee tiruutti
Teessoorraa ol siif jedhu
Akka mootii biyyaatti
Dulloomtee raagdeefoo
Haarrii hin biqilchine
Sooreessa siin jechuuf
Qottee hin dilbeechine
Waa’eedhumtikee kuni
Raajiidha nama dhiba
Iccitiin isaa hin baramu
Akka qixxaa irra dibaa
Warri biyya bulchanuu
Warreen qondaalaaf mootii
Amma kee hin kabajamu
Warri akka soddaa kootii.
Maal? Akkamiitti maaf?
Jennee gaafannus kalee
Iccitiin isaa as dhiyoodha
Hubannee reef nuu galee!
Dhugaaf kakattee duutaa
Bubbee nagaa bubbista.
Gad jeettee harka fuutaa
Xiqqaaf guddaa dubbista.
Maalumattuu hin sharaftuu
Dhugaadhaaf dhagaa baattaa
Qooqxee midhaan lagattee
Garaakee duwwaa kaatta.
Guddaa ormaa hawwitee
Xiqqaa kan kee hintuffattu
Garaan kee gaarii yaadaa
Hamaa namaan dubbattu.
Dhoksaan nuun si jaallannu
Kan lubbuu siif wareegnuufi
Icciitii biraa hinqabnu
Ni fakkeessan malee,
Qunceen arba hin hiitu;
Ni odeessan malee
Gaangeen samiin dhiittu !
Haa odeessaa ooluu
Namni yaada odeessa
Haa fakkeessaa ooluu
Namni yaada fakkeessa!
Dhuguma gaangeen utaaltee
Kotteedhaan samii geessii?
Qunceenis dhugum wal hiitee
Arba hidhuu dandeessii?
Sakaaltee of jala keessii?
Maaf jedhuumaaf odeessuu?
Waan hintaane maaf fakkeessu!
Maaliif sobaan nu waaduu?
Hamma yoom cilee addeessuu?
Shaggarii xaafii calleessanii
Gondaritti cidiin ija buutii?
Jiraatanis fakkeessanii
Namaaf hafaaree duuti?
Itti dhiisaa lakkisaa
Fakkeessuu beeku jarrii
Itti dhiibaa harkisaa
Bineensi si nyaate hin yuusu,
Lafa geesse hin dhageenye;
Joorees bu’aa hin buusu,
Abdii kutees hin teenye.
Har’as barbaachan dhiisne,
Lubbuun jirtamoo duutee?
Erga si dhabnee hin ciisne,
Nama bade eessa buute?
Wayi bineensi nyaatee,
Jiraa namni dhaga’e?
Hin dhufnehoo deebi‟ee
Miilli isaa erga bahee;
Baahee karaatti hafemoo,
Bakka yaade gahe?
Eessuma dhaqeetii,
Eessatti dhabamee?
Lafti itti dhiiteetii,
Kiyyoodhaan qabamee?
Gaafa itti yaadanii
Garaa nama nyaata
Gaafa manaa bahu
Maal himatee laata?
Ergaa hin dabarfannee,
Maatiitti hindhaammannee?!
Mee eenyutu beekaa,
Deemee garam gahee?
Yoom deebi’aa laata?
Namni dhugaaf bahe!
If you like the above poems download more poems from the play store by clicking on the link below. Thank you!
Beresa Abebe
Share this:
- Click to share on Facebook (Opens in new window)
- Click to share on LinkedIn (Opens in new window)
- Click to email a link to a friend (Opens in new window)
- Click to share on Telegram (Opens in new window)
- Click to share on Twitter (Opens in new window)
- Click to share on Pinterest (Opens in new window)
- Click to share on WhatsApp (Opens in new window)