Waanin nyaadhu dhabee
Beelaan waxalamee,
Harka namaa ilaalee
Kajeeltuu jedhamee,
Bakkan bulu dhabee
Karaatti gatamee


Kopheen narraa dhumnaan
Miila qullaa deemee,
Bututtuu uffadhee
Maraatuu jedhamee,
Firaafi hiriyyaakoon
Hedduu tuffatamee,


Osoo nan ilaaliin
Jiraan yoon dhibame,
Du’ee obbaafannaan
Rakkoo na qunname,
Kolfaa na gaggeessi
Gaafan awwaalame

Maddi: Kuusaa Walaloo Afaan Oromoo Google Play irraa buufadhaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *