Dubartiin takka erga mana Abbaa fi haadha isiitii baatee heerumtee ajaja Abbaa manaa isii jala Kan seente taati kanumaan Wal _Qabatee Abbaan manaatis waan isiin barbaadde hunda Akka humna isaatiin dhiheessuu fi isheenis hojii ishee fakkaataa irratti hojjachuu fi waan Abbaan manaa ishee gaafate tole jechuudha. kana Jechuun Garuu mirga ofii kennitee Akka gabratti haa bultu Jechuu miti Inumaahuu Dubartiin Abbaa manaa isiitiif yoo of kennite irra caalaa bilisummaan socho’uu dandeetti
Yeroo keenna kana sochiin adda addaa Kan mirga dubartiif dhaabanne jedhan baay’ataa jiru jarri Kunis dubartiin waan barbaadde hunda ofii isiitif dalaguu mirga Guutuu Qabdi Jedhan Kan dalagaa dhiiraa kun ammoo Kan dubartii Jedhanii Qooduun maali ? jedhu Yaada isaanii Jallataa Kanaan maatii nagaan Jiraatu adda diigaa jiru Dubartiin gaariin Garuu jara kana waliin hin jirtu Abbaa manaa isiitif tole Jechuun qofti Gammachuu Guddaa kennaaf kunis Faayidaa Guddaa Akka Qabu hubatti
egaa dhugaadha barri walqixxummaadha. Garuu barri walqixxummaadha jettee haati manaa kee ganama qixa kee raftee yoo ganamaan kaatee ciree gaarii siif hin qopheessinee maalumaaf fuuteeyyu ree? Ani Akka ofii kootti kan itti amanu walqixxummaan waljaalachuudha jaalala keessa walqixxummaanis jira waan ta’eef. Haati manaa abbaa manaa ishee yoo ka sirritti jaalatu ta’e waan Inni fedhu hunda hojjattiif hojii mana keessaa bira darbitee hojii inni alatti hojjatu hunda gargaaruu dandeessi. Abbaan manaatis haadha manaa isaa sirritti kan jaalatu taanaan hamma hojii mana keessaatuu waan tokko tokko sirritti gargaaruu danda’a. Jireenyi abbaa manaaf haadha manaa kan walooti. Tokko itti miicame tokko itti boonuun hin taatu, jireenyi kan mi’oofu yoo isaan lachenuu walii galanii Mariin waan barbaachisu dalaganiidha.
Haadha manaa gaarii fi hiree gaarii hin dhabinaa!
Yaadi kee baayee naa boonsee eebbifami, ammaas yaadni kanaa caaluu si keessaa haa burquu…