1. Hanqina jaalalaa osoo hin taane, hanqina michummaatu gaa’ila keessatti jireenya gammadaa hin taane uuma!
(Fireedirich Nazaanche).
2. Of-fudhadhu, of-jaaladhu, of-Sagadadhu, of-ayyaaneeffadhu.
(Ooshoo)
3. Yoo ofiif akka Biiftuutti calaqqisuu feete, dura ofiif akka isheettii gubadhu.
(Adoolf Hitler)
4. Amalli dhugaan namaa kan dhufu yoo dhugedha.
(charlie Chaplin)
5. Namoota jaalala keessatti kufaniif guulli harkisa lafaa(Gravitational force) harka keessaa hin qabu.
(Albeert Inastaayiin)
6. Eenyu akka taatee fi maal akka taate akka sitti himaniif eenyuniyyuu hin barbaadin, Ati suma mataa keetidha.
(Joon leenoon)
7. Dubartiin dogoggora lammaffaa waaqaati.
(Fireedirich Nazaanche)
8. Mummuranis erbeen Gaalaa harreef ta’uu hin dadhabu.
(Abbaa gadaa Dagalee Abdisaa)
9. Nama biraa ta’uu yaaluun Eenyu akka taate of balfaa deemuudha.
(Kurt Cobain)
10. Yoo horsiisee bulaan tokko du’e, Ilmi isaa Loon isaa dhaala. Garuu piroofeesarri tokko yoo du’e Ragaan barnoota(certificate)’n isaa kosii ta’a. Kanaafuu baasii balleessitan irraa loon bitadhaa!
(Rooberti Mugaabee ).
11. Yoo namatti afaan inni hubatuun itti haasofte, dubbiin kee sammuutti cobaaf; Yoo afaan isaatin itti haasofte garuu dubbiin kee sun onneetti cobaaf!
(Nielsen Mandela )
12. Gaafa gadaan cabderra ,gaafa gandatti galtetu nama aarsa. Gaafa duraa diinatu cabse, amma garuu numatu dabse!
(Alsan Gadaa Oromoo)