Iji namaa fi bineensotaa kamiyyuu yeroo hunda imimmaan qaba. Imimmaan kun ‘Xannacha Imimmaanii’ (Lacrimal Glands) kan jedhaman keessaa madda. Hanga baay’ee xiqqoo ta’e qofaan madda. Sababa kanaaf imimmaan ija keenya irra jiraachuu isaa beekuu dhiisuu dandeenya (calaqqisuu isaa qofaan jiraachuu isaa hubachuu dandeenya). Imimmaan erga ija irra xiqqoo turee booda karaa ujummoo qal’oo (ujummoo imimmaanii) gara keessoo funyaaniitti gad bu’a.Imimmaan qabiyyeewwan akka bishaanii, zayitaa fi dhangala’oo biroo of keessaa qaba. Faayidaan bishaan imimmaanii ala ijaa jiisuu yoo ta’u, zayitni imimmaanii garuu hurka imimmaanii hir’isuu fi akka ija irra turu gochuuf kan gargaaru dha. Lachuu yoo waliin jiraatan malee imimmaan faayidaa irraa eegamu kennuu hin danda’u.

FAAYIDAAN IMIMMAANII MAAL FA’AA?

  1. Ala ijaa qulqulleessuuf gargaara (Fakkeenyaaf, awwaara irraa qulqulleessuuf)
  2. Yeroo iji libsatu, qolli ijaa akka salphaatti ija irra mucucaatuuf gargaara
  3. Soorata (nutrient) ala ijaatiif dhiyeessuu (tiishuun ala ijaa irratti argamu, kan koorniyaa jedhamu, hidda dhiigaa waan hin qabneef soorata isaaf malu karaa imimmaanii argata)
  4. Madinummaa (immunity) dhiiga keenya keessa jiru gara ala ijaatti fida (dhibeen adda addaa akka ija hin miineef kan gargaaru dha)
  5. Dandeettii agartuu qulqulleessuuf gargaara (bararreettii ijaa ittisa)
  6. Iji haala salphaan gara kallattii hundumaatti socho’uu akka danda’uuf gargaara.

DHIBEEN IMIMMAANII MAAL FA’A?

  1. Hanqina imimmaanii (hir’achuu madda imimmaanii yookaan baay’inaan ija irraa hurkuu dhaan kan dhufu dha)
  2. Baay’achuu imimmaanii (humnaa-ol madduu yookaan cufachuu ujummoo imimmaanii irraa kan dhufu dha).

HANQINA IMIMMAANII MAALTU FIDA?

  1. Umriin dabalaa deemuu (baay’inaan namoota gurguddoo irratti mul’ata; keessumaa immoo dhiirota irratti)
  2. Bakka qilleensi ho’aa fi gogaan jiru (gammoojjii) jiraachuu (hurka imimmaanii dabala)
  3. ‘Infekshinii’ andaara (qarqara) qola ijaa irratti argamu
  4. Dhibee alaarjikii ijaa, kan funyaanii fi kan ‘saayinasii’ (rhinosinusitis)
  5. Dhibee xannacha imimmaanii
  6. Hanqina ‘vaaytaamina A’ (baay’inaan daa’imman irratti mul’ata)
  7. ‘Kompiyuutara’ yookaan ‘televizhiinii’ ilaalaa turuu (dandeettii libsachuu ijaa waan hir’isuuf imimmaan akka baay’inaan ija irraa hurku taasisa)
  8. Yeroo dheeraaf ‘ventileetara’ fayyadamuu (yookaan baay’ee itti hiiquun taa’uu)
  9. ‘Kuulii’ andaara (qarqara) qola ijaatti butuun dibachuu
  10. Qorichoota dhibee ijaatiif yookaan dhibee dhaqna keessaatiif kennaman tokko tokko

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *