What’s Afaan Oromoo?

Afaan oromoo afaan baay’innan Afrikaa keessatti dubbataman keessaa sadarkaa Afraffaa irra jira. Kana Jechuun Afaan Arabaa(Arebic), Afaan Iswaahilii(KiSwahil), fi Afaan Hawusaatti aanee sadarkaa 4ffaa irratti argama.Afaan Arabaa fi Afaan Iswaahilii afaanota biyya Alaa yommuu ta’u, Afaanota Ardii isaa keessatti dubbatamu keessaa Afaan Oromoo Lammaffaadha. Afaan Oromoo, Maatii afaanii Afro-Eshiyaatik jalatti damee Afaan KUUSH jalatti kan ramadamu, yommuu ta’u Afaanota kuush keessaa Afaan Sabni baay’een dubbatuudha. Yeroo ammaa Itoopiyaa keessatti Ummatni 52%tti hiqu Afaan Oromoo kan dubbatan yoo ta’u, Biyyootni Afrikaa hedduun(Garri irra caalu), Ameerikaa, Awurooppaa fi Eeshiyaa garagaraa kessatti bal’innaan ni dubbatama. Afaan Oromoo gita cunqursaa hedduu keessa darbus, hardha Hedduu guddachaa kan jiruuf Kitaabotni hedduunis kan ittiin maxxanfamaa jiru waan ta’eef nuti. Dhalootni Qubee/Haaraa(Qubee Generation):-Afaan Oromo sirritti Qubeessuu/barreessuu, dubbisuu, dubbachuu qabna.

Guddinna Afaan Oromootiif Gahee nurraa eegamu bahuu qabna.

Oromomummaa
HUB: Ummatni Oromoo Iddoo Jirutti Afaansaa(Afaan Oromoo) Bararachuu fi Barsiisuu qaba.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *