Fayyummaa Sammuu Keenyaa
baay’ee irra daddarbuun sammuu miidha. Akka research
hedduun jedhutti barataan ganama ciree nyaatee manaa
ba’e dandeettiin waa qabachuu fi si’aawuu isaa kan warra
ciree hin nyaatiin baay’ee caala.
2. Hirriba ga’aa rafuu qabna (guyyaatti sa’aa 6 haga 8).
Akka research mirkaneessutti hirriba irraa halkan tokko
qofatti daqiiqaa 90 yoo hir’isne boor si’aawummaa
(alertness) haga 32% gadi bu’uu danda’a. Yeroo dheeraaf
(waggootaaf walitti fufnee) yoo hirriba xiqqaa (ga’aa hin
taane) rafne immoo rakkoo waa yadachuu fi yaaduu illee
nutti fida.
3. Nyaata ashaboo, sukkaara, carbonated beverages,
hedduu of keessaa qaban yeroo hedduu soorachuu irraa of
qusachuu. Kunis ashaboon dhiibbaa dhiigaa kan yaa’iinsa
dhiigaa gara sammuu geessu hir’isuun rakkoo yaadachuu,
yaaduu fi kkf sammuu keenyarratti waan fiduuf.
4. Sochii qaamaa gochuu (Guyyaatti yoo xiqqaate daqiiqaa
30 torbanitti guyyaa 4 fi isaa ol). Sochiin qaamaa
fayyummaa qaama keenyaa kan biroof kennu irratti
dabalee prootinotaa fi hormoonota sammuu keenya
kakasaan akka gadi lakkifamu waan taasisuufi.
5. Dhiphina sammuu (stress) hir’isuu. Wantoota sammu
keenya dhiphisan baay’een yoo jiraatan turtii yeroo dheeraa
booda carraa dhibee sammuun qabamuu waan olkaasaniif
dha.
6. Alkoolii baay’isanii dhuguu dhiisuu. Kunis
neurotransmitter miidhuu, vitaamin B1 qaama keessaa gad
hir’isuu fi ulfaatina sammuu keenya illee waan hir’isuuf
dha.
7. Sigaaraa xuuxuu irraa fagaachuu. Kunis turtii yeroo
dheeraa keessa sammuun keenya akka shuntuuruu
(shrinks) fi dhukkuba akka Alzheimer’s fi dementia illee
waan nutti fiduu danda’uufi.
8. Yoo dhukkubsatan boqonnaa ga’aa fudhachuu. Osoo
dhukkubsannuu boqochuu dhiisnee sammuu keenyaan hojii
hojjachuun illee sammuu keenya hedduu miidha.
Fayyaan Faaya