IJAA FI FAYYUMMAA IJAA
Hundumtti namaa hanga jedhamun danda’amutti yoo fayyaan jiranitti waa’ee fayyummaa qaama isaanii tokkon tokkoon qaama isaaniitif waan dhiphatan hin fakkaatu. Faayidaa fi maalummaa qaamni tokko nuuf qabuu fi eegumsa qaama keenyaaf gochuu qabnu beekuf, hanga miidhaan irra gahutti eeguu hin qabnu. Qaamni keenya hundinuu akka nutti jireenya keenya guyyaa guyyaan gaggeeffannuu fi danqaa tokko malee akka waan barbaadne goonuu nu taasisu.
Wantootni ija keenya miidhaaf saaxilan maal fa’a?
1, Umrii :akkuma umriin dabalaa deemun rakkooleen ija waliin walqabatan dabalaa deemu.
2, Ifa guddaa, ballaqqee hammaan guddaa tahe yeroo dheeraaf kan saxilamnuu yoo ta’e, booda irratti miidhaa ija keenya irratti geesisuu danda’a
3,ija keenyaf osoo boqonnaa hin kennin waan akka kompiyutaraa, bilbila, televizhiina yeroo dheeraaf ilaaluu.
2,Dhukkuboota daddarboo hin taane kanneen akka dhukkuba Sukkaaraa/Diabetes mellitus 🙁 diabetic retinopathy cataract) fi dhiibbaa dhiigaa ol ka’e
4,Infekshinii kutaalee ijaa garagaraa irra gahu
5, Hanqina Vitaaminoota fi albuudota fayyina ijaa keenyaaf hedduu gargaaran(keessaattuu hanqinni viitaaminii” A”rakkoo ijaa fiduun beekama)
6.Wantoota alaa ykn naannoo irraa gara keessoo ijaatti seenan kanneen akka dhukee, cirrachoota xixiqqoo, ilbisota gosa adda addaa fi keemikaalota gosa adda addaa
7,Miidhamuu ijaa balaa garagaraattin ‘traumatic eye injuries’

Mallattoolee dhibee ijaa argarsiisan:-
✍ijji sirriitti ilaaluu dadhabuu (blurring of vision )
✍Dhangala’aan ija bahuu ( eye discharge)
✍ijji diimachuu
✍Nama hooksiisuu (itching sensation)
✍dhukkubbii ijaa
✍Dhiitaa’a ijaa fi naannoo ijaa
✍arguu dadhabuu(vision loss)
✍ijji nama boo’u ykn imimmaahuu
✍ifa ilaaluu dadhabuu

Fayyummaa Ija Akkamitti Eeggachuu Dandeenya?
🖕yeroo gara alaatti baanu, iddoo ifnii fi balaqqeen itti baayyatutti fuullee ijaa godhachuu qabna.
🖕Iddoon hojii keenyaa ija keenya balaaf kan saaxilu yoo ta’e, fknf carraan keemikaalli gara ija keenyaa seenuu yoo jiraate fuullee ijaa godhachuu qabna.
🖕Iddoo itti dubbisnutti ifa madaalawaa gochuu, garmalee guddisnees, xiqqeessinees fayyadamuu hin qabnu.
🖕Namoonni yeroo dheeraaf iskiriina koompitaraa irra turtan jidduutti ija keenyaf boqonnaa kennuu; sa’aa lama jidduutti daqiiqaa 15f teessoo irraa ka’uun boqonnaa gochuu.
*hamma ifaa (light) iskiriina kompitaraa madalawaa gochuu.
*Fuullee ijaa ykn koompitaraa fayyadamuu
*Ija keenya irra deddeebin lipsachuu; kun iji keenya akka hin gogne taasisa
🖕kitaaba fi wantoota biroos yeroo dubbisnu jidduu jidduutti, sekondii muraasaf ijaa keenya waan dubbisnu irraa kaasuun lipsachuu fi boqonnaa kennuu
🖕Dhibee sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa olka’aa yoo qabna ta’e yaalaa fi hordooffii sirnaa gochuu qabna.
🖕Nyaata madaalamaa soorachuu, fuduraa fi kuduraa fayyadamuu.
🖕Sochii qaamaa gochuu
🖕Ulfaatina madaalawaa ta’e qabaachuu
🖕Tamboo aarsuu dhiisuu
🖕Bishaan gahaa dhuguu
🖕Hirriiba gahaa rafuu.
🖕Qulqullina ija keenyaa eeguu;
*harka xuraawan faalameen ija qaqqabuu dhiisuu
*”make-up” yeroo fayyadamnu dafnee dhiqachuu, akkasumas ‘make-up’ yeroon irra darbe fayyadamuu dhiisuu
🖕Yeroo yeroon mana yaalaa deemuun ilaallamuu, kuniis rakkoon ijaa yoo jiraate yeroon akka beekkamuu fi osoo miidhaa guddaa hin geesisiin akka yaalaman taasisa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *