Akkamitti qormaataaf qayyabachuu qabdu: Qabxiilee barbaachisoo ta’an:
Qoramata heddutu isiin eeggachaa jira? Haala sammuu naga qabeessa keessa jiraachu qabdu!
Qoramaataaf keessa deebii gochuun ulfaatu danda’a- yeroo tokko tokko eessa biraa akka jalqabnu hin beeknu- ta’us garuu dandeettii yaadachuu, xiyyeeffachuufi haala keessaniyyuu fooyyeessu ni dandeettan.
Qabxiiwwaan armaan gadii haala isiin haala gaarii qormaataf qophoo’ooftaniifi barnoota keessa itti fuftaan isiin gargaara.
Garuu waanni jalqabaa:
- Cireefi nyaata sammuu keenyaaf gaarii ta’an
Nyaata gaha nyaachuun guddinna sammuu keenyaaf barbaachisadha
Qaamni keenya dalagaa isaa haala gaarii hojjachuuf anniisaa barbaada. Akkasumas haalli xiyyeeffannaa sammuu keenya humna annisaa gilukoosiirra argattu irratti hunda’a.
Akka qorannooni agarsiisutti baratoonni ganama ciree isaanii nyaatan xiyyeeffachuufi odeeffanno argatan haala salphaa ta’een yaadatu.
Kanaafuu, guyyaa keessan gosa nyaata Karboohayidereetii kan annisaa isaanii suuta suutan gad dhiisaniin jalqabaa- fakkenyaaf, marqa, daabboo yookiin nyaata hammi sukkaraa isaa gad-aanaa ta’e.
Qaama keessaan nyaata pirootinii ta’aniin kan akka aanaanii, itittuu yookiin killeen ijaaruus qabdu.
Gosoonni nyaataa sammuu keenya jabeessaan jedhamanii beekaman: killee, qurxummii, midhaan, rafuu, timaatimiifi abukaadoo fa’a.
Nyaata yeroo isaa eegamee nyaatamu hin dagatinaa!
- Yeroodhaan jalqabaa
Yeroodhaan ka’uu waan isiin baraachisu daftanii xumuruuf isin barbaachisa
Waa marafuu guyyaa qormaata yeroodhaan jalqaba. Akka hin cinqamneefi tasgaba’ooftan isiini gargaara.
Akkasumas ganama yeroodhaan qo’adha. Yeroo sammuun keessaan bilisa jiruttifi waantoonni isiin jeeqani hin jiraatani- irra deebii keessa waaree booda godhuu dhiisa, yoo carraa qabaattan dadhabuu dandeessu yookiin immoo halkaan turtanii akka hojjatan isiinarra eegamuu danda’a.
Irra deebii keessan haala walfakkaata osoo gootanii gaarii ta’a. Kunis immoo akka haala bareedaa ta’een guyyaa hundaa jalqabdanii xumurataniif isin gargaara.
- …akkasumas maalirratti akka xiyyeeffachuu qabdan adda baasaa.
Maaliif akka deemtaan yoo beektan akkaata isaatiin qophii taatu.
Gosoonni qormaataa garagaaraa akkataa gargaaraa qabu: kanaafu akaattaa qormaataa keessan adda baasufi gosa barnoota kam akka irra deebi’uu qabdan beekuu qabdu.
Gaafillee filannoo yookiin deebii gabaabaa kennu qo’annaan bal’aa barbaadu- ta’us garuu gad fageenya hamma ta’ee qofatu barbaachisa- gosa barnoota beeku.
- Karoora qabaadhaa.
Karoorri gaariin qabxii keessaniirratti bu’a gaarii qaba
Yeroo fudhachuu danda’a garuu karoora irra deebii qabaachuun yeroo keessan ni qusata. Karoora qabdu taanaan daqiiqaa tokko maal gochuu akka qabdan yaaduuf qisaasesitaan hin qabaatan. Akkasumas jijjiirama keessan beekuufis isiin gargaara.
Yeroo hiriyoota keessan waliin dabarsitan, ispoortii hojjachuufi boqachuu qabdanis hin dagatinaa.
- “Fageenyi” tumsa gaarii keessan ta’uu danda’a.
Irra deebii yeroo gabaabaaf irra dedeebitaanii godhuun qabxii gaariif isin fayyada
Irra deebii keessaniif yeroo bal’aa kennaa. Guyyaa tokkofi gosa barnoota tokkorratti sa’aatii 10 qo’achuurra, guyyoota kudhaniif gosa barnoota tokko sa’aatii tokko qo’achuutu irra fooyyee qaba.
Garuu haalli qormaata tokkof hojjate kan biraatiif hojjata jechuu miti.
Karaan biroo irra deebii goonu sammuu keenya keessatti kaarta uumuu, hojii garee, axereeraa baafachuu yookiin immoo sagalee keenya waraabuun yeroo biraa dhageeffachu fa’a of keessatti qabata.
Kanaaf kan yeroodhaan jalqabuun kan barbaachisuuf. Yeroo yaaliifi maaltu akka isiniif hojjattu adda baasuuf isin gargaara. Akka qorannoo ibsutti qarshii baasuun qofti haala barnoota keenya hin fooyyeessu.
- Of qoradhaa
Karaan bu’a qabeessi irra deebii goonu keessa inni tokko of qorachuudha
“Of qorachuun” haalota waan qo’atan ittin yaadatan isiin gargaaran keessa isa bu’a qabeessa jedhu ogeeyyii qor-sammufi niiroosaayintiistii.
Teekniikin kun haala salphaadhaan akka hubattan isiin fayyada. Kunis immoo cal jettanii yaadachuu qofa osoo hin taane hubannaa keessanis ni dabala. Kana malees beekumsa keessan keessatti bakka hir’ina qabdan adda baasuufis isin fayyada.
Karaan bu’a qabeessi dhuma irra deebii booda godhamu kan of qorachuuf fayyadan keessa waraaqaa yaalii yookiin gaafiin of qorachuudha.
- Barsiisa/tu ta’a
Waan tokko isiinitti ha himu…***
Ega amma irra deebii gootan, ofis qorattan…maaltu itti aanaa? Deemati nama biraa barsiisaa, eeyyee!
Dandeettii yaadachuu keessa jajjabeessa: nama biraa barsiisuun ofii keessanii beekuufi qindaa’ina beekumsa keessa karaa gaariin qabachuu isin gaafata.
- Qaroo ta’aa…bilbilla keessan dhoksaa
Yeroo qo’atan bilbilli isin hin barbaachisu
Bilbilli fayyida isaa qaba. Garuu yeroo qo’annaa miti.
Qorannoon akka ibsuti yeroo dheeraa bilbilla waliin dabarsuun qabxii barnoota akka gad buusu ibsa.
Bilbila keessan minjaalarra keessanii hin tuqu jechuun of hin gowwumsiina: bilbila keessan ilaaluun karaa salphaa ta’een xiyyeeffannaa keessaan cabsuu akka ta’eeti ilaalama jedha qorannoon.
- Muuziqaa xiqqeessa, callisuu baayyisa
Callisn gaariidha
Baratoonni naannoo cal’isaa keessatti qo’atan dandeetiin yaadachu isaanii bartoota muuziqaa dhageeffachaa qo’atan irra fooyyee qaba.
- Boqannaa gaha, qilleensa fudhachuufi ispoortii hojjachuu.
Saffisaan socho’uun hin barbaachisu- garuu daqiiqa 15 deemsa miilaa godhuu, sagalee simbiraa dhagahuun fayyaaf gaariidha
Irra deebii bu’a qabeessa jechuun yeroo dheeraa irratti dabarsuu jechuu miti: jiddu jidduun boqonnaa fudhachuun sammuun keessan akka waan hojjate san yaadatuuf carraa kennudha.
Dabalataan immoo sammuun keessaniifi qaamni keessan kan walitti hidhatedh: ispoortii hojjachuun akka dhiigni keesssan haala gaariin qaama keessa dedeebi’uu, oksijiinii gaha ta’e gara qaama keessan akka seenufi akka haalan hojjattu gargaara- akkuma waan guyyaa qormaata isiin barbaachisu.
Qilleensa fudhachuun gara minjaala qo’aannaa keessanii deebitanii haala gaariin akka xiyyeeffattaan isin gargaara.
- Hirriiba
Hirriba gaarii rafuun irra deebii keessaniif akka haalaan qophoftaan isin gargaara.
Guyyaa qormaataa dura hirriba gaarii isin barbaachisa.
Hirriba sa’aatiidhaan rafuun akka ganama yeroodhaan kaatanii, boqatanii irra deebii keessaniif qophii gootan isin fayyada.
Yookiinimmoo
MALA QO’ANNAA (STUDY STRATEGIES)
- Sagantaa qo’annaa dhaabbataa ykn murtaawaa ta’e gochaalee adda addaa walmakuun baafachuu. fkn: yeroo qo’annaa, bashannana, ispoortii fi kkf.
- Guyyaa barumsa eegalte irraa kaasii qo’adhu.
- Kitaaba kan kee boqonnaa hundaa fi fuula hunda qabxii ijoo irratti xiyyeeffadhuu dubbisi.
- Yaadannoo gabaabduu yeroo qormaataa dubbiftu qopheessi.
- Wayta qu’attu sammuu keetiif boqonnaa gahaa kenni. fkn: hirriba ga’aa argadhu.
- Bakkaa fi yeroo mijaawaa qu’annaa qabaadhu. fkn:Mana kitaabaatti dubbisuu
- Meeshaalee qu’annaaf si gargaaran hunda walitti qabadhu. fkn: kitaabilee, galmee jechootaa (dictionary) kkf.
- Daree barnootaa keessatti barsiisaa kee sirritti dhageeffadhu.
- Wanta dubbistu qomaan yaadachuuf yaalii godhi akkasumas waan beektu waliin walqabsiisi.
- Guyyaa tokko keessatti koorsilee hedduu hin qu’atin.
HUB:Mala qu’annaa SQ3R(Survey, Question, Read, Recite, Review) tti fayyadami. Kunis:
S-Survey (irra butuu):guduunfaa(summary), yaada ijoo, matadureewwan dubbisuu
Q-Question : of gaafachuu, walgaafachuu, gilgaala hojjechuu
R-Read: wayta si’aayina qabdu dubbisi, qajeelfamoota(principles), yaad-hiddamoota(theories), gabateewwan, giraafiiwwan, fakkiiwwan) dubbisi
R-Recite:qomaan dubbisuu(qubeewwan, tartiiba guyyootaa ta’iinsotaa, bara, walaloowwan, keeyata, seerota, foormuloota kkf)dubbisi
R-Review: keessa deebii(mata dureewwan ijoo)
Hub: Dogoggora barattoota gurguddoowwan kan jedhaman kan akka _boru qu’adha jechuun yeroo laachu, osoo hin hubatin qomaan dubbisuu, daree barnootaa hafuu kkf fa’a.
. “Nan qu’adha x2 garuu qabxiin naa hin dhufu ” kan jedhan barattoota hedduudha. Qu’achuun qofti bu’aa hin qabu garuu malleen qu’annaa saayinsaawaa beekuun murteessaadha