1.Tilmaama : Waan qabatamaa hin taane akka yaannutti tilmaamun jaalala balleessa. Dubartii wayii biratti yeroo baay’ee waan agarteef qofa kun girlfriend isaa ta’uu hin ooltu, narratti michuu biraa baafate jettee murteessuf hin sardamin.

2. Diddaa : Wantoota xixiqqoo wal diduu. Waantoota xixiqqoo yoo waldidan yeroo sanaaf salphaa fakkata. Lakki yoo inni tokko jedhe sammuun keenya galmeessaa deema. Dhumarratti gara dubbii ijoo ati dhimma kiyya hin qabdu jedhuutti dhufa.

3. Shakkii : Akka nama hin amanneetti guddachuu dandeessa. Isa guddisa keetii garuu jaalallee keetirratti calaqqisiisuu hin qabdu. Ofii dhoksaatti waan biraa waan dalagduuf isa/ishii akkasitti hin yaadin. Hin shakkin jechuun 100% amani jechuu osoo hin taane shakkiin kee sun waan qabatamaa irratti haa hundaa’u.

4. Wal cufuu : Jaalala keesatti wal lolun ykn walitti muufachuun waanuma jiru, haa ta’u malee namoonni tokko tokko lola isaanii walitti dubbachuudhaan baafatu. Kun immoo wal cufanii eenyu akka dura haasofsisu akka adurreef hantuutaa wal eeggatu. Abbaan dura haasofsise gadaantummaadha jedhanii yaadu. Kanaaf yoo wal lolan wal cufuun amala taanaan ammuma wal lolan jaalalli badaa deema. Sababa lolaa osoo hin taane sababa wal cufuutin jechuudha. Kanaafuu wal hin cufiinaa.

5. Hinaaffaa : Jaalala balleessuu keessatti hinaaffan hangafa. Ammuma of mimmiidhagsanii manaa ba’an tokko mataa dhukkubsachuu hin qabu. Oolman ishiin dhiira waliin qabdu jiraachuu danda’a. Ta’us garuu gara waan biraatti yaaduun hin barbaachisu. Waan ofii keetii akkas gootuf ishiis/isaaf akkasitti hin yaadin.

6.Sammuu namaa keessatti waa dubbisuuf yaaluu (mindreading) : Jaalalewwaan tokko tokko waan ati yaaddu nan beeka sammuu keessatti waliin jedhu. Kana garuu kan beeku Rabbi qofa. Kanaaf waan namni tokko hin dubbatiin dursanii akkasitti yaadda ykn akka sana gochuuf ati jedhanii abbaa dursanii lafa kaa’uun deemee deemee walitti bu’iinsa guddaa fida.

7.Dabsuu/Dalga hubachuu : Kallattiin hubadhu Waan barbaade yoo jedhe/jette akkasumatti hubadhu malee kallattii biraatti hin hikkatin. Yoo si galuu baate gaafadhu malee hiika mataa keetii itti hin kennin.

8. Dorgomsiisuu : Hiriyaa ofii nama biraa waliin wal dorgomsiisuu. Hiriyyaan kee nama biraadha, siif adda. kanaaf nama biraa waliin madaalchiftee karaa kamiinuu olaantummaa ykn gadaantummaan itti akka dhaga’amu hin godhin. Siif jaalallee kee kan caalu dachee kanarra hin jiru.

9. Daangaa ce’uu : Ammuma fedhe jaalallee walii ta’an, ammuma fedhe abbaa warraaf haadha warraa walii yoo ta’aniyyuu jidduu isaanii daangan jiraachuu qaba. Utaalanii waan dhuunfaa isa tokkoo keessa seenun hin barbaachisu. Dhimma hojii isaa/ishii murteessuu irraa of eeguu. Dhimma maatii Isaa/ishii keessa seenurraa of eegun murteessadha.

10. Too’achuu : Hiriyaaa keenyaa to’achuuf yaalii gochuu. Hiriyaan jaalalaan to’atama ykn to’atamti malee qamaan too’achuun dhumarratti lola fiduu danda’a.

11. Miiran murteessuu : Miiran hoogganamuun wantoota jaalala keenya miidha irraan ga’an keessaa tokkoodha. Waanuma hunda miira keessa seenanii murteessurra tasgabbaa’un barbaachisaadha. Namni rakkoolee isaatti furmaata barbaadu dhiisee hadhaa rakkoolee irradeddeebi’uun itti xiyyeeffatu Waan guddaa yaadu hin danda’u. Rakkooleetti garmalee yaadun dhiphinna dabala. Dhiphinni dandeetti yaaduu dadhabsiisa.Dandeettin yaadu yoo dadhabee waan guddaa akka hin yaanne nama taasisa.Akka kanatti rakkoolee keessaa bahuu dhiisuu fi dhiphinni karaa “Waan Guddaa Yaadu” keessatti gufuu namatti ta’u.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *