jaalallee keef kennaa(gift) kennitee beektaa?. Yoo Kennite ta’e kennichi gatiin isaa mi’aa(qaalii)dha moo Bushaadha(Salphaadha?)? Kennaan kee jaalala kee guutummaatti ibsuu ni danda’aa?. Yoo obsaan dubbistan waa irraa hubattu jedheen yaada. Jaalalleewan lamatu ture. Lamaan isaaniyyuu baayyee wal jaallatu. mucaan isheen durbaa jalallee ishee isa dhiiraa kanaan bayyee boonti turte. hiriyoota ishee dubraa fi dhiratti waa’ee isaa yeroo mara baayee najaallata, anis baayyeen isa jaalladha jettee itti himti turte. Osuma akkanatti jiranii guyyaa tokko bara dhalootaa ishee(birth day) kabajachuuf hiriyoota ishee mara wamte. Isaanis kennaa barbaadan bitanii fidanii jalallee ishee irraa kan hafe hundinuu kennaniifii jiru. Kan haga ammatti hin lannee jaalallee ishee qofa ture. Dubbi koo keessatti jalalleen ishee kun baayyee soressa ture. Hiriyaa isaa kanaaf wanta kamiyyuu nama bituu danda’uudha. Kana ilaaluufis hiriyyoonni ishee marti ariitiin eegaa jiru. Isheenis kennaa hiriyaan ishee kan isheen bayyee jaallattuufi kan isheen hiriyoota isheetti himaa turte ariitiin fuula hiriyoota ishee dura dhaabbattee eegaa jirti. Innis battaluma lafaa ka’ee kennaa waraqaadhaan marame itti hiixatee akka isheen bantee agarsiiftu itti hime. Keennaan kun maal ta’a jettanii tilmaamtu???. Kennichis gaafa waraqaan irraa banamu wanni isheefii hiriyoonni ishee argan nama dinqa. Kennichi DAABBOO ture. Isheenis kana ta’uu gaafa hubattu bayyee naate, Battaluma sana bayyee waan arteef daabbocha fuula hiriyaa ishee kanatti rukutte. Lamata jaalallee koo akka naan hin jenne, aniis kanaan booda sin barbadu ittin jette. Innis aaruun isaa hin olle. Aarus garuu daabboo hiriyaan isaa fuula isaatti rukkutte lafatti ilaalee hin dhiisne. Gadi jedhee lafaa fudhee achuma fuula ishee fi hiriyoota ishee duratti daabbocha cabse. Iji duraan daabboo argee amanuun itti cime amma immoo yeroo lammaaffaaf waan keessa daabbo jiru amanuun baayyee itti jabaateera. Kan keessa daabootii ba’es furtuu konkolaataafi qubeelaa gaa’ila ittin godhatan ture. Maal godha garuu gaafa naamaaf hinlaanne bukkee nama dabarsa jedhu mitiree? Innis baayyee waan aareef “osoon hin turin bagan sibare” ittiin jedhee furtuufi qubeelaa isaa fudhatee qajeele. Isheeni gaabbiin gumbii guuteef kaleessi harra hin ta’u wan jettu fakkaatti yaada isheetti.waa otoo hin hubatiin ariifachuun waa gaarii balleessuu danda’a.