Koleejjii Tiriinitii Aayarlaand Dabliin jirutti gargaaraa pirofeesraa kilinaal saayikoolojii fi niyuuroosaayikoolojii kan ta’e Saayiman Makaartii-Joons akka armaan gadiitti ibsa.
Ergasii danuu wanti geeddaramee hin jiru. Ni jaallannas ni jibbinas. Ni gargaarra ni miinas. Harka gargaarsaaf ni hiixanna, harkaanis nama waraanna.
Yeroo ofirraa ittisuuf jechaa namni wal miidhu ni hubanna. Garuu yeroo namni tokko nama isa hin miine miidhu “akkamiin kana goota?” jenne gaafanna.
Dhalli namaa yoo waa godhu ykn itti gammaduufi ykn ammoo miidhaa ofirraa hambisuufi. Hedduu jeenyaaf nama miidhuun, miidhaan isaanii akka deebi’ee nutti dhagaa’amu taasisa. Miira kana ammoo hin jaalannu.
Kanaaf, namootni maaliif nama isaan hin miine miidhu isa jedhuuf sababa lamatu jiraachuu danda’a – miidhaan nama sanaa itti hin dhaga’amu (hin gaddisiisuun) ykn ammo miidhaa nama sanaa ni jaallatu (itti gammadu).
Sababa biraa kan ta’uu danda’u nama sana akka nama isaan miidhuu danda’utti yaaduu kan jedhudha.
Namni qaama ykn qabeenya namaa miidhuu hin daandeenye, iddoo ykn maqaa hawaasa keessatti ofiif kennite miidhuu danda’a.
‘Seedistii fi Saaykoopaatii’
Namni miidha namarra geessisuun ykn nama salphisuun gammachuu argatu seediisti jedhama.
Namotni seedistii ta’an yeroo namni miidhamu miirri itti dhaga’ama. Miirri isaanii kun garuu kan isaan gammachiisudha.
Takka takka hanga miidhaan sun dhaabbattuutti gaammadanii boodarra deebi’anii gaabbu.
Ilaalchi bal’aa namoota seediistii ta’anii kan wal qabsiifamu namoota nama ajjeesaniifi dararanii waliini. Ta’us garuu guyyaa guyyaan amallii seedizimii xiqqaata ta’uus hedduu ta’e jira.
Namootni seedistii kan guyyuu nama miidhuu irraa ykn miidhama namaa irraa gammachu argatan jiru.
Namootni akkanaa yeroo hedduu fiilmii ajjeechaan itti baay’atu ilaaluu jaallatu, lolli isaanitti tola, dararaas ammo akka waan addaatti ilaalu.
Namootni akkanaa hedduu miti garuu muraasas hin jedhamani.
Barattoota yuunivarsitii keessa %6 kan ta’an nama biraa miidhuun akka gammadan ni amanu.
Seedistoonni guyyuu namoota intarneetii irratti nama arrabsan ykn mana baruumsaatti ijoolle qoccolan ta’uu danda’u.
Akka seediistotaa, saayikoopaatonni nama isaan hin miine gammachuu argachuuf jecha qofa hin miidhan (kan itti gammadanis jiru).
Saayikoopaatonni waa barbaadu. Wanta barbaadan argachuuf yoo nama miidhuun isaan gargaara ta’e, dhimma hin qabani ni miidhu.
Kan isaan akkas ta’an, sababa akka nama kaanii gaddi ykn gabbiin ykn sodaan danuu waan itti hin dhaga’ameefi.
Wanta namoota biraatti dhagaa’amu hubachuu danda’u, garuu ofii miirri akka sanaa itti hin dhaga’amu.
Yeroo nama saayikoopaatii ta’e agarruu adda baasuun nu barbaachisa. Hedduun keenya nama tokko fuula isaa agarree ykn xiqqoo wajjin haasofnee adda baasuni dandeenya.
Garuu saayikoopaatonni kana akka beeknu beeku. Kanaaf yeroo namni arguun akka nama gaariitti isaan ilaaluuf, uffannaa irraa jalqabee akkaata of dhiyeessan irratti hedduu hojjatu.
Gaarummaan isaa namootni hedduu rakkoo saayikoopaatummaa hin qabani. Namoota %0.5 qofatu saaykoopaatii jedhamu danda’a.
Ta’us garuu namoota mana hiidha jiran keessa dhiirooti %8 fi dubartoonni %2 saayikoopaatotadha.
Garuu namootni saayikoopaatonni hundi kan miidha geessisan miti. Saayikoopaatonni nama waliin ta’uu hin jaallanne (anti-social) gammachuu kan argatan qorichoota sammuu hadoochan ykn wantoota ciccimoo balaarra isaan buusuu danda’an goochuuni.
Amallii akkanaa maalirra eessa dhufa?
Namootni tokko tokko maaliif seedistii akka ta’an eenyuyyu hin beeku.
Namootni gariin amala yeroo adamoo akka ajjeesnu nu gargaarudha jedhu, kaan ammoo amala namootni aangootti akka ba’aniif isaan gargaarudha jedhu.
Filoosoofarii fi dippiloomaatiin Italii Nikooloo Machivelii yeroo tokko “nama osoo hin taanee, yerootu hokkora uuma,” jedhee ture.
Kanumaan walqabaatee ammo saayinsiin sammuu seediizimiin amala yeroo hamtuu of olchuuf jecha uumameedha yaada jedhu dhiyeessa.
Yeroo hanqinni nyaata wayii uumamu, hammi hormoonii serotonin (hormoonii gammachuu fidu) ni xiqqaata. Kun ammoo akka miidhaa gessisnu godha, sababiinsaas yeroos miidhuun gammachuu wayii waan uumuufi.
Saayikoopaatummaan amala yeroo keessa baramu ta’uus danda’a.
Qorannoon tokko tokkoo saayikoopaatummaa wal-hormaata waliin wal qabsiisu. Naannoo ykn haalaa cimaa keessatti osoo hin hafiin saayikoopaatonni dandeettiin wal-hormaataa isaanii olaanaadha. Qorannoowwan biroo garuu yaada fallaa himu.
Dhugumaan, saayikoopaatonni addunyaa dorgommiin itti baay’attuu fi tasgabbii hin qabne keessatti milkaa’oo ta’uu danda’u.
Daandeettiin saayikoopaatootaa akka isaan salphaatti nama to’achuu danda’an isaan taasisa.
Sodaa dhabuu fi salphaatti murteessuu danda’uun isaanii milkaa’ina yeroo gabaabaaf isaan gargaara.
Amallii kun gariin kan dhalootarra dhaalotatti darbu ta’uu danda’a. Kanaaf namootni tokko tokko uumamumaan amala akkanaa qabachuu malu.
Inni biraan ammoo maatiin ijoollee isaaniirra miidhaa geessisan ijoolleen amala akkanaa akka qabaatan gochuu danda’u.
Haaluma wal fakkaataan ammoo namni amala akkanaa qabu amala wal fakkaata akka qabaannuuf nu barsiisu danda’a.
Sodaa fi namuumma mulquu
Seedizimiin miidhamaa fi salphina namaatti gammaduu of keessatti qabata.
Nama tokko akka namaa hin taanetti ilaaluu ykn namummaa irraa mulquun akka hameenya irratti rawwannuuf ni eeyyama jedhama.
Qorannoon akka agarsiisutti yoo namni tokko safuu hawaasa tokkoo cabse, sammuun keenya akka namaa gadiitti isaan ilala.
Kunimmoo namoota safuu cabsan kana adabuu nuuf salphisa.
Yoo nama tokko akka namaatti ilaalla ta’e isaan hin miinu jedhanii yaaduun waan gaarii fakkaata. Garuu ilaalchaa rakkoo guddaa uumuu danda’udhas.
Ogeessii xiinsammuu Pool Biluum hammeenyii keenya inni hammaatan nama akka namaatti ilaalurra madda jechuun falma.
Namootni tokko tokko sababuma nama tokko akka dhala namaa miidhamuu, salphachuu fi dararamuu hin barbaannetti waan ilaalaniif miidhu.
Fakkeenyaaf paartiin Naazii lammileen Jiwiish nama osoo hin taane hantuuta ykn injiraanii jechuun namummaa irraa mulqe.
Ta’us garuu `Naziin Jiwishoota kan salphisaa, dararaa fi ajjeesaa ture sababa akka dhala namaa gocha kanaan salphaatu fi miidhamutti waan isaan ilaaleefi.
Gaarummaatti inaafuu
Hawaasa adamsee jiraatu keessatti namni bineensa guddaa ajjeese, gochi isaan miseensi hawaasichaa foon gahaa akka argatan kan taasisu ta’ullee maaliif bineensa guddaa ajjeese jedhamee qeeqamuu mala.
Gochi akkasii amala namootni oolaantumma barbaadan agarsiisan yoo ta’u guutuu addunyaarra waan jirudha.
Garummaan nama tokkoo yeroo dabalaa deemuu nam isa biraaf oolaantumma argachuuf rakkisaa ta’a.
Akka bareessan Fireench Voltarii jedhuutti ciminni diina gaarummaati.
Haa ta’u malee gaarummaatti inaafuun nama sana salphiisuun kuni waan gaarii dhokataa qaba. Sunis gaarummaa hojjatuun nama sana erga gadi buusnee booda ergaa/gocha isaaniif yaadni keenya qajeelaa ta’a.
Gaarummaaf garaa jabaachuu
Fakkeenyaaf barsiisonni barataan tokko akka cimaa ta’uuf itti hammaatu. Amala kana hedduun keenya beekna ta’a.
Namootni tokko tokko waan barbaadan ta’uuf jecha ofittille ni hammaatu.
Filoosoofar Fireedriik Niicheen hammeenyaan miidhamuun jabina, ogummaa fi obsa nu keenna jedha.
Ta’us garuu guddinaaf jennee ofii keenyaa fi nama biraa miidhuu qabna?
Lakki. Amma hammeenya namaan miidhamuun yeroo dheeraaf fayyinaa qamaa fi xiinsammuu irratti miidha akka qabaachuu danda’u beekna.
Bu’aan ofiifiis ta’e nama biraaf gaarummaa ooluun qabu guddaa akka ta’es baramaa dhufeera.
Ilaalchi guddachuuf rakkachuu qabna jedhuu gaaffii kaasa. Gochooti gaarii kan akka jaalalaa, ijoollee horachuu fi galma ofii ga’uus gara guddinaatti nama geessuu danda’a.
Karaa hammeenyaan barsiisuun gara aangoo qisaasessuufi seedizimii ofittummaan guutetti geessu danda’a.
Jireenyi hamaa ta’uu danda’a, dhugaan jiru hamaa ta’uu danda’a, garuu nuti hamaa ta’uu filachuu dhiisuu dandeenya.