Hennaan yeroo taateen (gochi) wayii itti raawwatameefi raawwatamu kan ibsuudha. Yeroo raawwii waan tokkoo adda baasee kan ibsuudha.

2. Hennaa ammaa
3. Hennaa dhufu
Haata’u malee, Hennaa darbeefi Hennaa ammaa keessatti gosoonni hennaa sadi sadi yommuu argaman, hennaa dhufu keessaatti ammoo lamatu argama.


Taatee ykn gocha yeroo darbe keessa raawwatame mul’isa.
Fkn: Rabbirraan walgahii deeme.
Dheengadda M.B deemeen ture.


Gochoota yeroo darbe raawwatame keessaa isa dursee raawwatame ibsa.
Fkn: yommuun ani dhufu, isaan deeman.
Yeroo barattoonni dhufan, ani galeera.
Gochoota kanneen keessaa gochi dursee raawwate kan mallattoo qoodduu booda dhufaniidha. Isaantu #raawwima_darbeennaa jedhama.


Hennaan kun faallaa hennaa Raaw. Darbeennaati. Gochoota raawwataman keessaa kan as aanu jechuudha.
Fkn: gochoota hennaa raaw. Darbeennaa jalatti kennaman keessaa qoodduu duuba kanneen jiran ykn akka ciroo hirkataatti kanneen tajaajilan #hennaa_tarsiqaa jalatti ramadamu.


Gocha ykn taatee amma raawwatamaa jiru mul’isa.
Fkn: Daa’imti nirafti.
Siifan gaazexaa dubbisti.
Hennaan kun yaada haqaa (waan akka walii galaatti dhugaa ta’es) ni addeessa.
Fkn: Saanni nimar’atti.
Bishaan dhangala’oodha.


Gocha yeroo darbee eegalee haga ammaatti raawwatamaa jiru ibsa.
Fkn: kaleessaa eegalee rooba cimaatu ture.
: waggaa darbee kaasee magaalaa Siree keessa jiraadheera.


Gocha amma raawwatamaa jiru ta’ee, kan yeroo hinbeekkamneef itti fufee raawwatamaa jiru ibsa.
Fkn: Mootummaan biqiltuu dhaabaa jira.
Biqilaan kitaaba dubbisaa jira.


Gocha fuulduratti raawwatamuunsaa hin-oolle ibsa.
Fkn: Ani rafuufan jira.
Roobni roobuuf jira


Gocha fuulduratti raawwatamuu malu ibsa. Gochi kun raawwatamuu ykn hafuu danda’a.
Fkn: Tolaan nidhufa ta’a.
Manni barumsaa ni banama ta’a.
_______________________________
akkaa seeraa afaan kanneen birootti hennaan bakkaa gurguddoo sadiitti qodamee sana bodaa damee afur afur ofii jala qaba 1.hennaa darbennaa keessaatti a. simple past isaa jennuun sana hennaa darbennaa kan yeroo isaa hin ibsamne sa’aati isaa ,gocha tokko qofa …. Tolaan mana barumsaa deeme. Tola went to school inni biraa immoo ,hennaa rawwimaa darbennaa ..past perfect tense inni kun gochii tokkoo gochaa tokko dursee rawwatamuu ibsaa .when I arrived there , they had already left. hennaa tarsiqaa .past continuous tense dha moo past perfect continuous tense dha. past continuous .yeroo beekameef kan itti fufinsaa qabu .I was studying all day. past perfect continuous gochii tokkoo rawwachuu duraa kan itti fufinsaa qabu . I have been playing before rain started.