Jaalala bituu hin yaalin jaalalli siin haabitu malee.
Yeroo wal fakkaataa keessatti nama lama yoo
jaallatte filannoonkee isa duraa osoo hin taane isa
boodarra jaallatte ta,uu qaba.sababni isaas osoo isa
duraa dhugaan jaallatte ta,ee isa lammaffaa onneenkee
hin keessumsiisu ture.
★Jaalala jechuun:-
-Bareedina barbaaduu miti
-Faayidaa barbaaduu miti.
-Ejjaa(fedhii foonii) barbaaduu miti.
-Yeroo fayyaa qabaniif yeroo gammachuu qofa wal
haammachuu miti.
-Waan jaallatamteef jaallachuu miti.
-Namnumti wal jaallataaf jaallachu miti.
-Waan sibiteef atis guyyaa eegdee liqii deebisuu miti.
-Bifa nama sanaa ilaaluu miti.
-Qabeenya bor badu ilaaluu miti.
★Jaalala dhugaa jechuun
-Waan hundarraa qulqulluu kan ta,e
-Fakkeessu osoo hin taane dhugaa.
-Dhugaa jaalalaatiif jecha hiyyeessa jaallachuu.bor
wajjin horatu.
-Yeroo gaddaa, gammachuu ,rakkinaa wal bira
dhaabbachuu.
-Kan ofiif hin arganne nama sanaaf hawwuu.
-Obboleessakeetiif dabarsitee lubbuukee kennuu.
-Rakkinni har,a obboleessake(jaalallee) irra ga,e bor
akka sirra ga,u beekte har,a rakkina isaa hirmaachuu.
-Nama jaallatteef kabaja,iftoomina kennuu dha.
Kana hunda cabsitee jaalalatti deemta taanaan
jaalalichi hundee hin qabu bor buqqa’aa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *