Moggaasa maqaa Jimmaa fi seenaa Mootii abbaa jifaar
Oromoon kibba lixaa kutaalee guguddaa afuritti qoodamee naannawa har’a godinoota Jimma, Wallagga bahaafi Shawaa Lixa keessa bal’inaan jiraatu. Tokko tokkoon miseensota gurmii kanaas hortee tokkorraa akka maddaniifi naannawa amma jiraatu kanatti dhaloota hedduun duraa kaasee akka qubatan amanama.
Kanaafuu seenaa walfakkaataa waloo yaad-himaafi gurmaa’ina tokkorratti bu’uureffamee darbaa dabarsaadhaan har’a gahe akka qabaniifi burqaa hortee tokkorraa madduusaanii akkasumas daangaa qubsumaa tokkorra akka jiraachaa turan seeneffama.
Gosootni Oromoo hedduun adeemsa lafa babal’ifannaafi godaansaa mata mataasaanii akka qaban seenaan yaad-himaafi afoolawwan garaagaraatiin bocamee dhalootaa dhalootatti darbu ni addeessa. Isaan keessa Oromoon Maccaa isa tokko.
Akka qorattoonni seenaa adda baasanitti Oromoonni ilmaan Maccaa ta’an kunneen dhuma jaarraa 16fatti naannawa Odaa Bisil jedhamu kan Godina Shawaa Lixaa har’aa keessatti argamurraa laga Gibee ce’anii gara kibba lixaatti godaananiiru. Yeroo kana ilmaan Maccaa kanneen dursanii sabaafi sablammoonni kanneen akka Kafaafi Innaariyaa akka jiraachaa turan qorannaan ni mul’isa.
Jalqabarratti horteen Maccaa gosootaafi balbala hedduu of keessatti kan hammateedha. Adeemsa lafa babal’ifannaafi godaansaa gara kibba lixaatti taasifame kanaan caaseffamni ganamaa horteefi dhaalaa dhaaltoorratti hundaa’e turtii keessa bifasaa jijjiirrachaa, bal’inaanis hammachaa michooma har’a ittiin beekamu tokko jedhee eegale.
Booddee dhuma jaarraa 19fa duula babal’ifannaa fi gita bittaa mootii Minilik lammaffaan gaggeeffameen Oromoon kibba lixaa kun kolonii mootummaa giddugaleessaa Itoophiyaa jalatti akka kufu taasifamuusaatiin, itti aansees duula walitti baqsuu aadaalee biyyoolessaa (‘National Assimilation Process’) waggoota saddeetiif gaggeeffamaa tureen walqabatee gurmaa’insi gosaa hiika siyaasaa horachaa dhufe. Haaluma kanaan maqoonni gosaafi balbalaa ykn aanaatis mallattoo kutaalee ykn godinoonni Naannawa kana keessatti argaman ittiin waaman ta’aa dhufe.
Seenaa dhugaa kan abbaan ofiif dhugeeffateedha akka xinsammuu saba keenyaatti. Warri seenaa kalaqaa kana omishee gabaadhaaf dhiheessu caalaatti aadaafi dhugeeffannoo doomsuufi dabsuurratti xiyyeeffatu. Seenaa mataduree koo kan har’a kanaan isiniif qooduuf abbale kana namooti armaan olitti tuqe kunneen warra ukkaamsan keessaa tokko waan ta’eefi.
Walakkeessa lammaffaa jaarraa 20fatti Oromoo kibba lixaa ilaalchisee qorannaawwan hedduun haa godhaman malee seenaa dhugaa lafarra jiru ifoomsuu garuu tasumayyuu hin dandeenye. Iddoosaa kan haguuge seenaa dharaafi afanfaajjiidha.
Oromoo hortee Maccaa kanneen naannawa laga Gibeetti hundaa’an keessaa mootummoonni shanan Gibee hangafa. Mootummoonni kunneen kufaatii mootumma Oromoo Walloo booda mootummaa Oromoo isaan jajjabaafi kanneen sirna Gadaa cimaadhaan bulaniidha. Isaanis mootummaa Jimmaa, Gommaa, Geeraa, Guumaafi Limmuu jedhamuun beekamu.
Oromoo Jimmaa
Akkuma matadureerratti tuqame jimmi gosoota afran hortee Maccaa naannawa sana jiraatan keessaa isa tokko. Maqaan Jimma jedhu lafaafi ummata irra jiraatu ibsa. Lafti kun lageen guguddoo lixa biyyattiitti argaman lama gidduu kan jiru yoo ta’u, laga Gibeerraa gara dhihaafi baha laga Gojab gidduudha. Lafa amma bulchiinsa godina Jimmaa jennuun jechuudha.
Akkaataa yaad-himni seenaa naannawichaa afoolaan galmaa’e bal’inaan himamutti maqaan Jimma jedhu maqdhaala nama bara durii nama yeroo jalqabaatiif achi qubateefi jiraatu kan Jimmaa Sirbaa jedhamurraa akka fudhatame seenhimi kun addeessa.
Haata’uutii maqaan Jimma jedhu bara alanaa maqaa waloo gosoonni Oromoo Gibee hunduu ittiin waamaman yoo ta’eyyuu hundeensaas gosoota shanan hortee nama Jimmaa Sirbaa jedhamu kan jaarraa 19fa keessa jalqaba achi qubate kanarraa argaman ittiin moggaafamaniidha. Jimmaa Abbaa Jifaar jaarraa 19faa. Gosoonni shanan kunneen Qoree, Harsuu, Laaloo, Biloofi Baadii jedhamu.
Gosoonni shanan kunneen jalqaba jaarraa 19fa irratti walcimsuudhaan mootummaa “Jimmaa Kakaa” jedhamu kan maqaa hoogganaasaanii Jimmaa Abbaa Jifaar jedhamee waamamuun mogga’e hundeeffatan.
Kana malees gosoonni afran biroo Hagaloo, Sadacha, Hariiroofi Baatuu jedhaman kan gara boodaa dhufanii naannawa ollaa mootummaa Jimmaa Kakaa qubatan ammoo mootummoota xixinnoo Geeraa, Gommaa, Guumaafi Limmuu hundeeffatan. Akka kannan Jimma dabalatee jarri kun walitti dhufuudhaan mootummaan shanan Gibee kan jaarraa 19fa hundeessan.
Jimmaa Abbaa Jifaar
Akka seenaan himutti Jimmi Abbaa Jifaar mootummoota shanan Gibee keessaa dhuma jaarraa 18fafi jalqaba jaarraa 19fa keessa hundaa’an keessaa isa cimaadha. Jimmi bara mootii Abbaa Jifaar Abbaa Magaal (1830-1855 bulchan) kan Abbaa Jifaar tokkoffaa jedhamanii beekamanitti mootummaa cimaa taate. Abbaan Jifaar gootummaafi beekumsa waraanaatiin beekamu.
Jimmiifi Oromoo shanan Gibee dameewwan guguddaa sadi keessatti walumaagalatti jijjiirama ajaa’ibsiisaa keessa dabruudhaan eenyummaa hardhaatiif bu’uura kaa’aniiru. Kunis hawaasi duraan tikfatee bulu gara qonnaafi qonna gartokkeetti ce’e. Sirna Gadaa duraan ittiin bulan dhiisanii sirna bulchiinsa siyaasaa mootii hundeeffatan, akkasumas amantii Islaamummaa fudhatan.
Ce’umsi horsiisee bultummaa irraa gara dinagdee qonnaa omisha gabaa bunarratti hundaa’etti taasifame sababa ijoo geeddarumsa hawaasa shanan Gibee biratti jalqaba jaarraa 19farratti mul’ateedha.
Yaadannoon mootii Jimmaa kan dhumaa ta’an Abbaa Jifaar lammaffaa ( bara 1878 hanga 1932) hawaasa Jimmaa LAM hardhaa bira jiru ammayyuu kichuudha. Jimmi bara mootii Abbaa Jifaar lammaffaa mootummaa cimaafi badhaadha ture. Kanuma waliinuu Abbaan Jifaar mootummaasaanii kana “Giddugala Qo’annoo amantaa Islaamaa” gochuu carraaqqii bal’aa taasisaa akka turan himama.
Naannoon kibba lixaa Oromoon Maccaa irra qubate kun dhuma jaarraa 19fa irratti humna waraanaa mootii Minilik lammaffaa ajajaa waraaanaa Raas Goobanaa Daaceetiin hoogganamuun gara mootummaa giddugaleessaa Itoophiyaatti akka makamtu dirqamte. Abbaan Jifaaris duula kana humnasaatiin akka mo’achuu hindandeenye waan hubataniif karaa nagaatiin mootichatti harka laachuuf waliigalan.
Haaluma kanaan mootii Minilikiif gibira kaffaluuf Minilikis walabummaa mootummaa Jimmaa akka hin sarbine waadaa walii seenan. Hanga bara 1932 du’aan addunyaa kanarraa boqotanittis birmadummaa kana tursiifataniiru. Abshaalummaan siyaasaa isaan asirratti calaqqisan Oromoodhaaf dhakaa bu’uuraati.
Hardharra teenyee gaafa ilaalluu barri mootummaa Abbaa Jifaar kun mootummaa bara gaarii kan Jimmi mootummaa walabaa fi badhaadhaa itti turte ta’uu hubanna. Akkasumas Jimmi giddugala daldalaa ijoo biyyattii kan taateefi sochii diinagdee waliigalaa biyya keessaafi sarara daldalaa karaa fagoo kan “Long Distance Trade” jedhamee beekamuun walqunnamsiistu akka taate seenaan ragaa baha. Daldalli kutaalee Kaaba biyyattii waliin taasifamus Jimmaan keessa darbeetu gama kutaalee Kibba biyyattii kanneen akka Kafaa, Maajii, Gimiraa, Kuulloofi Iluu Abbaa Booraatittis dabra.
Bunni, Xirinyiin, Ilkaan Arbaa, Warqeefi Gabri akka meeshaalee ijootti naannolee kanneen irraa sassaabaman gara giddugala gabaa guddoo Jimmaa kan taate Hirmaataatti fidamu. Haaluma walfakkaatuun achirraayis daldaltoonni shaqaxaalee kanneen bituudhaan gara kutaalee biyyattii garaagaraattifi akkasumas alergiidhaaf geejjibsiisu.
Meeshaaleen biyya alaarraa galfaman kanneen akka daawwitii, meeshaa waraanaa, faayaalee garaagaraafi kanneen biroos gara Jimmaatti galfamu. Kanarraa kan ka’e jimmi biyyoota akka Arabaa, Hindii, suudaan, Masriifi biyyoota Awurooppaa muraasa waliin hariiroo diplomasii cimaa waan uumteef godaantota biyyoota kanneenii fi dhiibbaa aadaa hedduu irraa dhaaltee jirti.
Jimmi mootummaa of dandeesse taatee kan isheen turte hamma bara 1932ti. Akkuma mootiin Abbaa Jifaar lammaffaan du’aan boqotaniin Ilmi ilmasaanii Abbaa Joobir jedhaman Gonfa dhaalanii turan. Booddee Atsee Hayilasillaaseen akkuma aangootti dhufaniin mootummaa Jimmaa kan Abbaa Joobiriin hoogganamu kana mootummaa giddugaleessaa faana waltumsuu didde himannaa jedhuun Abbaa Joobir aangorraa fonqolchuun kallattiidhaan itti waamamnisii isaaniif akka taatu labsame. Haala saniin mootummaan guddaan Oromoo isa dhumaa kan ta’e jimmi diigamee Kutaa biyyaa Kafaa jedhamu jalatti “Awuraajjaa” ykn koonyaa taatee akka bultu taasifame. Ishiidhuma wajjiin mootummoonni Gibee naannawa sana turanis achi jalatti hammatamuudhaan bulchaa kallaattidhaan Finfinneerraa muudamuun akka bultu godhamee kolonii nafxanyaa jalatti deebitee kufte.
Eenyummaa Sabummaa
Eenyummaan sabummaa Oromoota Jimmaa akkasumas naannawa sanaa akkaataan itti bocamee fi eenyummaa Oromoota kallattiiwwan biroo jiran faana tokkummaafi addaaddummaa inni qabu ilaalchisee Hayyoonni qorannaa hedduu taasisaniiru. Gama biraatiin seenaan dabaa gita bittootaan jaarraa hedduuf oofamaa ture garaagarummaa kana daran bal’isuudhaan ilmaan Maccaa kanneen orma godhanii dhiheessuudhaan tokkummaa saba keenyaafi eenyummaa sabboonummaa warra Jimmaa kanas awwaaluuf shira guddaa xaxaa turaniiru.
- fakkii:Mootii Abba jifaar .
Abbaan Jifaar garuu mootii abshaala turan. Shira diinni sabboonummaa Oromoo Jimmaa kana awwaaluudhaaf xaxaa turan tooftaa qaroomina guddaa qabuun injifatanii bira dabran. Otoo akkas ta’uu baatee hardha lafaafi namas achii qabna jedhee Oromoon hin yaadu ture. Tooftaalee isaan itti fayyadaman keessaa isaan guguddoo hardhas mootiin Jimmaa argame qabatamaan hojiirra oolchaa jira. Abbaa Jifaar sadaffaan. Abbichuu jechuu kooti.
Duraan dursee Abbaan Jifaar sirna Gadaa dimokraatawaa Oromoonni shanan Gibee ittiin bulaa turan diiguudhaan mootummaa giddugaleessaa Jimmaa cimaa ijaaruu danda’aniiru. Isa kana Oromoon baay’een ija farrummaatiin ilaaluun hinhafne. Inni tokko tokko sadarkaa nafxanyummaatti kan isaan farrajus hindhabamu. Haata’uutii ummata saanii dhumatii jalaa baraaruuf aangoo ofii aarsaa godhanii mootummaa abbaa irree Atsee minilikiin hoogganamuuf harka laachuuf dirqamaniiru. Yeroo sanatti humna walgitu waan hinqabneef harka kennachuun ala carraa biraa hin qabanu ture. Gama biraatiin dippilomaasii gaa’elaa kan isaan hojiirra oolchan yoo fudhannee ilaalle maddisaa dannoomummaa dha. Sabboonummaa dimokraatawaa jechuu dha. Sabaafi sablammoota ollaa saanii jiranu faana nagayaan buluus kan danda’amu yoo jaalalaafi darbees gaa’elaan walitti ida’aman qofa akka ta’e bareechanii hubataniiru. Hardha warra nuti yoo xiqqaate ani hojjettuu manaatiif hinbarbaanne isaan yeroo sanatti haadha warraasaanii godhatanii jaalalaan waliin jiraachaa turaniiru. Gennoota saddeet haala kanaan fuudhaniiru. Gennee Yemittii, Gennee Limmittii, Gennee Daawurittii, Gennee Kafittii…isaan muraasa. Haala kanaan soddootaan of marsanii nageenya biyyasaanii wabii itti horan.
Tooftaalee lamman kana malees amantaa akka meeshaa ida’amuu tokkotti gargaaramanii jabina mootummaa saanii dhugoomsaniiru mootiin Abbaa Jifaar. Akkuma beekamu Oromoon Jimmaa amantaa Islaamaa hordofa. Kaayyoo Abbaan Jifaar qabataniin amantaan Islaamaa eenyummaa sabboonummaa hardha Oromoon Jimmaafi kutaalee Oromiyaa biroo keessa jiran horataniif bu’uura guddaa gateera. Jimmaan giddugala daldalaafi siyaasaa qofa osoo hintaane wiirtuu barnoota amantaa Islaamaa Gaanfa Afrikaa gochuudhaaf hojiilee gurguddaa hardha addunyaan fakkeenyummaa ol’aanaadhaan kaasu hojjetaniiru. Eenyummaan sabboonummaa sabaafi sabboonummaa amantaa kan waldhiitu osoo hin taane inumaa daran wal utubee tokkummaa sabaa, darbees kan biyyaafi akka namaatti walqixxummaan akka dhugoomu gochuuf meeshaa ijoo ta’uusaa isaan caalaa fakkeenya argachuun rakkisaa dha.
Hariiroon diplomaasii biyyoota ollaafi ardiiwwan biroo faana qaban dagaagaa akka ta’u Islaamummaan dhuka tarsiimoo saanii ta’ee tajaajilee jira. Irra jireessaan walittidhufeenya daldalaa, siyaasaa, aadaafi amantaa biyyoota Arabaa faana qabaniif Ka’umsi amantaa dha. Bara sanatti Oromoon Embaasii biyya Saa’udii Arabiyaatti akka qabaatu kan godhan mootii abbaa Jifaar lammaffaa dha. Magaalaa Qulqulluu Makkaatti muslimoonni addunyaa waggaatti al tokko bara jireenyasaanii haajjiidhaaf garas imalu. Yemmuu achi gahan lafa bultiifi tajaajila garaagaraatiif akka hin rakkanne yaaduudhaan mootummaa Saa’udii irraa cina mana amanticha kan kaa’baa jedhamutti lafa bitanii lammiin kiyya kootii sabaan otoo gargar hin bahin iddoo itti boqatu naaf ijaaraa jedhanii yeroo jalqabaatiif mootummaa biyya kamiiyyuu dura Embaasii ijaaraniiru. Kun walittidhufeenya diplomasii hardha biyyi keenya Saa’udiifi biyyoota arabaas ta’e kan Arabootaa faana qabduuf dhugaa dhakaa bu’uuraa kaa’ee dha. Kana malees lafti hardha Yunivarsiitiin Guddaan wiirtuu barnoota amantaa Islaamaa ta’e Yunivarsitiin Al’Azhar kan biyya Masriitti argamu lafa Abbaan Jifaar horii isaanii baasanii bitaniin akka ta’e gaafa hubattu hammam nama qaroominaafi badhaadhinaaf of kennan akka ta’e sirriitti hubatta.
Duula lafa babal’ifannaa sirna gabroonfataa minilikiin isaanirra gaheenis “Ummataafi amantaa kootti hin bu’in, an siifan gabbara” jedhanii kabaja amantaa isaaniitiif of xiqqeessanii eenyummaa dachaa sabboonummaa sabaafi sabboonummaa amantaa hardha ittiin boonnuuf hamilee nu dhaalchisaniiru. Hardha abbumti arge dhugaa kana haalee isaan warra nafxanyaa faana hiriirsuuf yaaduun seenaa dhugaa beekuu dhabuurraa kan madduu dha. Aadaan wal danda’uufi jaalalaan wajji jiraachuu iddoo biraatti dhabame kan inni lalisee itti mul’atu Jimma lafa mootii Abbaa Jifaaritti. Ummanni Jimmaas aadaa kana isaanumarraa dhaalan.