Waraanni Somaaliyaa uggura hoteelaa al-Shabaabiin sa’aatii 30’f ture xumura itti tolchuu hime.

Waraanni Somaaliyaa hidhattoota al-Shabaab hoteela magaalaa guddoo biyyattiitti argamu ugguranirraa ari’uun injifachuu hime.

Uggura hoteelaa sa’aatii 30’f tureen yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamaniiru.

Miidiyaaleen biyya keessaa garuu lakkoofsi namoota du’anii kana akka caalu himu.

Hidhattooti al-Shabaab gaafa Jimaataa Hoteela Hayaat Mogaadishuu jiru keessa seenuuf dura meeshaa dhohu hidhani.

Eegasiimmoo humnaan hoteelicha to’atanii keessummoota hoteela keessa turan uggurani.

Gareen finxaalessituu Islaamummaa garee al-Shabaab haleellaa kanaaf itti-gaafatamummaa fudhateera.

”Humnoonni nageenyaa uggura kana xumura itti tolchaniiru. Hidhattoonni ajjeefamaniiru. Sa’aatii tokko darbe keessatti dhukaasi keessaa dhagahame hin jiru,” jechuun qondaalli maqaan hin dhahamne AFP’tti himan.

Hoteelli Hayaat tarkaanfii humnoonni nageenyaa gaafa Jimaataa galgalaafi Sambata fudhataa oolaniin haalaan miidhame.

Viidiyoowwan dhohinsaafi aara mataa gubbaa hoteelichaa keessaa yoo bahan mul’isa.

BBC’n haleellaan kuni dhaabachuu isaa qaama walabarraa mirkaneessuu hin dandeenye.

Qondaalli poolisii Rooyitarsitti akka himanitti, gaafa Jimaataa galgala boombiin lama konkolaataarratti hidhame hoteela akka seenaniif dhimma itti bahameera.

”Tokko bakka dhorkaa [danqaa] hoteelicha cinaa dhahe, tokko ammoo balbala hoteelichaa dhahe,’’ jedhan.

Haleellaa jalqabaa booda, websaayitiin al-Shabaabitti hidhata qabu hidhattooti isaa ‘’humnaan erga seenan’’ booda haleellaa raawwachaa jiraachuu hime.

Hoteelichi bakka hojjettoonni mootummaa federaalaa itti walgahaan akka ta’e ibse.

Humnoota nageenyaa Somaaliyaa naannoo Hoteela Hayaat

‘’Hanga yoonaa, namoonni 12 gara caalu namoota nagaa ta’an du’aniiru,’’ jechuun qondaalli tikaa, maqaa duraa qofa himan, Rooyitarsitti gaafa Sambataa dubbatan.

Gara jalqabaa hidhattooti al-Shabaab namoota lakkoofsi isaanii hin beekamne ugguran karaa gamootti ol bahan waan dhoosaniif humnoonni nageenyaa hoteelicha seenuu rakkatanii turan.

Hospitaalli Mogaadishuutti argamu AFP’tti akka himetti, yoo xiqqaate namoonni 40 ta’an haleellaa hoteelichaan miidhamaniifi haleellaa mortaaraa bakkee magaalattii biraatti mudateen miidhaman wal’aanaa jira.

Al-Qaayidaa waliin hidhata jabaa kan qabu al-Shabaab yeroo dheeraaf mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin wal waraanaa tureera.

Gareen hidhattootaa kunneen irra caalaa Kibba fi gidduugaleessa Somaaliyaa to’atanii jiru.

Haa tahu malee, dhiibbaa mootummaa irraan gahaa jiru hanga magaalaa Mooqadishootti babal’ifataa jira.

Dhiyeenyas hidhattootni garee kanaa daangaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti dhukaasa bananii ture.

Kun ammoo al-Shabaab tooftaa haraa diriirsaa jiraachuu hin hafu jechiisiseera.

Haleellaan Jimaataa dhaqqabe erga pirezidantiin haaraa biyyattii Hasan Sheek Mohaammad aangoo qabatanii haleellaa jalqabaa magaalaa guddoo biyyattiitti dhaqqabedha.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *