Haalli har’aa hin amanamu

  • Har’a qabxii argachuu barbaaddu yoo dhabde boru kan caalu ni galmeessita. Deddeebi’ii qormaata hojjedhu, kayyoo kee hin fannisin
  • Har’a hiyyeessa yoo taate boru ni sooromta
  • Har’a uffata Ga’aa hin qabdu yoo taate boru hafaa qabaachuuf jirta
  • Har’a miila qullaa deemta yoo ta’e boru kophee jijjiirtee kaawwatta.
  • Har’a waan ittin konkolaataa yaabdee deemtu hin qabdu yoo ta’e boru namni konkolaataa kee yaabee adeema
  • Har’a waan nyaattee bultu hin qabdu yoo ta’e boru warra waan nyaatanii bulan hin qabne hedduu soorta
  • Har’a nama si jaallatu hin qabdu yoo ta’e boru baay’ina firoota keetiif dhiphatta.
  • Har’a gargaarsa dhabde yoo ta’e boru garuu gargaarsa goota
  • Har’a gaara dhiibda yoo ta’e bor dirreetti baata
  • Har’a guyyaan yoo sitti dukkanaa’e boru halkan siif ifa
  • Har’a gurguddoota hin beektu boru garuu sumaatu nama guddaa ta’a
  • Har’a utuu biyyi kolfuu boossa boru immoo utuu biyyi boo’uu kolfita
  • Har’a dheebuudhaan rakkata boru garuu kattaan taliila siif taanaan warabbatta
    An kaniin jedhu haala keessa jirtu itti gammadaa wal’aansoo qabi mo’ichi nama wal’aansoo qabu bira jira moo’ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa obsaan argama
    Waan dubbistanif galatooma

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *