Namootni baay’ee jireenya isaanii dhiphuu fi yaaddoon kan guutedha. Kunis wantoota garaa garaa irraanu mudaachu danda’a isaanis kannenn akka jireenya keenyaa keessatti dhiphuu  naquu , jireenyaa keenyaa irraatti gungumuu,  jireenyaa keenyaa irraatti baay’ee yaaduu, eeyyeen garuu jechuu, dursitee sammuu kee amansiisuu, yaadota dhibaa’ummaa jireenya keenya keessaatti madisiisu, gara fuulduraatti tarkaanfachuu fi abdii godhaachu dhabu fi kkk..  Namootni akkasii wantoota armaan gadii kan yoo gootan jireenya keessan gammachiisuu dandeessa.

Namni tokko jireenya gaammachuu qabu jiraachuf, jalqaaba of ta’un kan jalqaabati. Namni of ta’e  jireenya gaammachuu qabu jiraata. Kanaf namin of ta’e waan qabun gammadde isaa qabu olitti jiraata,  kun kan ta’u waan har’a jiraanu dhiisne isaa bori yaada gaafa deemne jireenyi keenya    gammachuu ni ta’a.

Yeroo siif kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuudhaan, namoota jireenya of gammaachiisan keessa hin jirree wajjin akka itti jiraattan amaleeffachuu!. Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, waan abdii qabu haasa’u, isaa bori irraa barnoota fudhaachu, isaa har’a jabinaan hojjecha, isa bori karooran deemun, jireenya keenya keessatti gammaachu guddaa nuf keenna.

Kanaf jireenyi keenya akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’uf murteessan mataa ofii keenyaati kanaf jireenya keenya gammaachun geggeessuf ha caraaqnun dhaamsakooti.

1.GUNGUMUU DHIISI

Gumgumin jireenya keenyaa irraatti miidhaa garaagaraa irraan gaha, jireenyi keenyaa maf akkasi hin ta’u, darbees jireenya xiqqoo oso jiraanu jireenya ofii jiraachuu hin dandeenye yaadudha, kanaf iddoo jiruuf waan jirutti gammane jiraane garuu waan guddaa irraa akka gahaamus hubbane, gungumu dhiisne ciminan hojjechudha.

Haalota jireenya keetii teessee yeroo gungumtu jireenyi kee ciraa iyyuu ittuma si aarsee badaa ta’a deema. Namni kamtuu jireenya biyya lafaa kanaaf Haala mijataa uumee yeroo hunda gammachuutti jiraatu dhibuu danda’a. Waan jireenya keef si barbaachusu hunda dhabuu dandeessa. Garuu Isa qabdutti gammadde jiraachuu akka dirqama filannoo hin qabneetti fudhadhu.

          hin yaadni

hin yaadni akka malee

Hin booyin koolfi malee

Hin jaejjaarini hubbaadhu malee

Hin amanini jaaladhu malee

Hin jibini sababa malee

Hin bareesini beektuu malee

Hin oddeesini agartu malee

Hin sobini dhugaa malee

Hin taini hojjeedhu malee

Hin dhaabin argadhu malee

2.BAAY’EE YAADUU DHIISI

Jireenya Kee keessatti waan gaarii yaaduu osoo hin eegaliin dura waan hamaa Fi gadhee ta’e sammuu kee keessa barbaadiitii sammuu keessaa haqi.

Yeroo wantoota hamaa ta’a sammuu keetii yaaddu humni kee fii yaadni kee hunduu isa irra ta’a. Yeroo akkanaa kana saammuun kee maal akka yaaadaa jiru deftee hubachuudhaan ofii keetti deebi’uutu siif ta’a.

3.EEYYEE ‘GARUU’ JECHUU DHIISI

Eeyyeen erga jettanii kaatanii deebistanii yaada ‘negative’ garuu jettu taanaan kun mallattoo nama dadhabaati. Namootni yeroo baay’ee haasaa keessan keessatti eeyyee garuu jettan waan qabdu caalaa qaawwaa keetu sitti mul’achaa jira jechuudha.

Fakkenyaaf namni tokko hojii kee idilee kana ni jaallattaa yoo siin jedhee si gaafate atimmoo eeyyeen garuu miindaa isaatu xiqqaadha jetta taanaan kun jireenyi kee gammachuu akka dhabu godha. Kanaaf iyyuu jireenyi nama kamii iyyuu bu’aa ba’iin guutamaa waan ta’eef kana beektee isa qabdutti gammaduu akka qabdu sammuu keetti himi.

Yeroo hunda dhamaatii jireenya kee irratti xiyyeeffatta tanaan gammachuu argachuu hin dandeessuu. Gammachuu sammuu keenya keessatti kan ummamu waan ta’eef. Kanaafuu yeroo hunda haasaa kee keessatti EEYYEE Jedhiitii gara fuulduraati maal sirreessuu akka qabdu qofaa haasayi.

Eyyee Bakka sirriitti Yeroo sirriitti Gochi sirrii tokkichi kun waantota haqa Armaan gadii  kana raawwachuu danda’a.Kolfi tokki ka’umsa Obbolummaa dhugaa ijaaruu  danda’u ta’uu danda’a.

Jechi tokkichi lola hamaa dhaabuu danda’a.

Ilaalchi tokkichi waardiyyaa Hiriyyummaa dhugaa ta’uu danda’a!

Namni tokkichi jireenyake jijjiiruu danda’a.

Ejjennoonke tokkichi Gonfoo siif ta’u danda’a.

Gochi tokkichi jecha dhibba caaluu danda’a.

Sagaleenke tokkichi Addunyaa jijjiiruu danda’a

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *