Jechoonni humna cimaa qabu, fayyisuus ajjeesuus ni dandahu.

Mee jechoota kurnan anaan waa baay’ee na yaadachiisaniif na cimsan, na gammachiisanis yennaan isaan dhagahu hiikkaa duubasaanii hiriirsisan hubadhee ajaa’ibsiifadhun isinii hira.

  1. Yoo ta’ehoo: Baay’een keenyi fuulduratti tarkaanfachuurraa wanti duubatti nu harkisuyoo jiraate sodaadha, sodaa baay’ee of keessaa qabna sana karaan itti mo’achuu dandeenyu tokko jedha kanaani, waan sodaannu sana ‘yoo ta’ehoo maalidharee’ jennee yaaduun ulfaatina waan sodaanne sanaa salphisuu fi waan sodaannu sana ammumaa itti karoorfannee tarree waanammumaa itti karoorfannee tarree waan sodaannuu keessaa baasuu dandeenya.
  2. Dirqama: namni kamuu waa barbaade gochuu ni dandaha, namni kamuu garuu wanta nan godha jedheef kutannoon inni qabu murteessaadha. Waa gochuuf dirqama jennee qabanne galmaan geenya. Fakkeenyaaf wanta nyaannu yoo hin qabaatiin nyaannu malee waan hin jiraanneef bakka lixnu lixnee waan nyaannu barbaaddanna. Milkaahuu keenya, fayyaakeenya, nama gargaaruu fi gocha keenya mara dirqama yoo jenne huma milkeessina. Kanaaf jechi kun, jijjiiraman bor fiduu barbaaduuf wantootan har’a akka dirqamaatti fudhachuu malu na yaadachiisa.
  3. Amantii: Amantii yennaan jedhu amantii ofirratti qabnu, amantii boru irratti qabnu, amantii milkaahuu wantootaa irratti qabnu. Waan itti hin amanne irratti hin milkoofnu, hin dhamaanus. Waan itti amanne irratti garuu wanti duubatti nu dhorku dhiballee, moo’annallee. Kanaaf ofitti haa amannu, waan gochuu dandeenyu irratti haa amannu, boru guyyaa gaarii akka agarru haa amannu yennas boru gaarii ta’ee arguu barbaadnu sanaaf kutannoon hojjechuun nuu salphata.
  4. Jaalala: marti keenyu waan jaalannuuf dursa kennina, ittis milkoofna. Waan goonu mara jaalalaan gochuun waa mara sana irratti akka gammannu, namoonnis akka gammadan, akka milkoofnus nu gargaara. Mee waan goonu hammam jaalanna? Hammamoo gocha keenya mara keessatti jaalala calaqqisiisna?
  5. Jijjiiruu hin dandahu: Eeyyee waa baay’ee gochuu dandenya, garuu wantoonni nu gochuu hin dandeenyes danuudha. Fakkeenyaaf du’aa kaasuu hin dandeenyu, gaara dhiibuu hin dandeenyu… isa jirurratti hojjechuu, dhagaa dandeenyu darbachaa garuu gaara biraa hojjechuu dandeenya. Amantiidhaan waan jedhamu jechaa hin jiru. Kana amannee fudhachuun ba’aa guddaa humnaa olii of baachifnee akka hin deemneef nu gargaara. Waan jijjiiruu hindeemneef nu gargaara. Waan jijjiiruu hindandeenye osoo hin ta’iin waan jijjiruu dandeenyu irratti akka xiyyeeffannuuf, waan hin jijjiiramnerra, waan jijjiiramurratti yoo dhamaane jijjiirama waan fidnuuf. Waan hin jijjiiramnerratti yeroo gubuunillee hin barbaachisu.
  6. Xiyyeeffannoo: Namni waan baay’ee qabatee deemu tokkollee dhaba, namni waa tokko irratti xiyyeeffatu garuu waa xiyyeeffate sanarratti namni isa caalu hin jiraatu. Waan kumaatamaan of dhiphisuurra waan tokko irratti xiyyeeffachuun milkaahoo nu godha.
  7. Tokkoffaa (best jechuu barbaadeeni): Waa hojjennu mara bilcheessinee hunda caalaa gaarii akka ta’u goonee hojiin keenyi akka jaalatamu, sadarkaa qulqullina wanta sanaas akka nuyi dursinuufi, nuun akka hiikkaan qulqullinaa kennamuuf nu gargaara. Nan fiiga yoo ta’e tokkoffaaf fiiguu jechuudha, nan sirba yoo ta’e sirba namni gurra irraa fageessuu hin barbaanneefi afaanirraa hin buufanne sirbuu fi kkf.
  8. Madaala: As kanatti ‘balance’ jechuu barbaadeeni. Jireenyi gaarummaaf of jaalachuu qabdi, kennuuf fudhachuu qabdi, adiif gurraacha qabdi, iyyaaf calleensa qabdi, gaddaaf gammachuu qabdi. Hunduu garuu bakkatti nu barbaachisan qabu, bakkattimmoo nu hin barbaachifne qabu. Namni yeroo hunda jaalala namaaf kennuNamni yeroo hundaa jaalala namaaf kennu ofiisaaf jaalala hin kennu taanaan ofii du’aa deema, namni of qofarratti xiyyeeffatu hammamuu milkaa’us gammachuu dhaba. Kanaaf waanneen akkasii madaala qabsiisanii deemsisuun ogummaa jireenya namni hundi barachuu maludhaan jedha ani … kan itti fufe
  9. Jalqabi: yeroo baay’ee jalqabuun ni cimti, haa jennuutii konkolaataa dhiibuun dirqama sitti ta’e, jalqabarra humna qabdu maraan dhiibdeemayyuu sochoosuu dadhabuu dandeessaa… erga eegaltee garuu humni ati baastu humna sichii konkolaataa sanaa itti fufsiisuuf barbaachisu qofadha. Baay’een keenyi waa baay’ee yaadna, garuu hin eegallu, haa eegallu. Eegallii malee itti fufinsi hin jiraatuhoo!
  10. Gurguri: Baay’een keenyi waan qabu dubbachuu dhiisuudhaan waan gaarii ta’ee nutti mullachuu mala. Akka amala gaariitti waan fudhatamuuf. Gariin jeenya ammoo hojiin keenyi qofti haa dubbatu malee an waanan qabuuf dandahu dubbachuun of tuulummaa yookiin of jajuu fakkaata jennee yaadna. Dhugaan jiru garuu nu dubbannees ta’e hojjennee, dibannees ta’e uffannee of hin gurgurru taanaan wanti gochuu dandeenyu baay’ee xiqishuudha yookiin hin jiraatu. Haalatti nama waaliin walii gallee waan qabnu gurgurannu beekuun nurra jiraata. Waa’ee gurgursa cubbuutti nu galchuu dubbachaa hin jiru, waa’ee gurgursa waandubbachaa hin jiru, waa’ee gurgursa waan guddaa akka hijjennu karaa nuuf saaquu malee! Uffata xuraahaallee uffannee namni akka nama qulqullina isaa sirriitti nama eeggatuutti nu ilaalu eeguun fafa waan ta’eef. Osoo hin himatiin yookiin hin agarsiifatiinis namni akka nuu baru eeguun gowwummaa waan ta’eef. Har’aaf jechoota kanan qaba.
  11. Mukti firii baay’ee baatuu fi beekumsan namni sammunsaa guutame tokkodha. Lamaan isaaniyyuu gad of deebisu. Kanaaf gaafa sitti ho’ee akka of jajuu wayi taatu sammukee keessa waa jirachusaa mirkaneeffadhu.
  12. Waan beektu hunduma dubbachuun sirraa hin eegamu ta’a, waan dubbattu beekun garuu dirqamakeedha.
  13. Nama hasaakeetif gatii hin kennine jalaa cal jechuun deebii sirridha. Kanaaf nama yeroo baay’ee haasaa keetin barsiisuf dhamaatee garu haasankee bu’a buusuu dide, altakka takka immoo callisunke isa barsiisa waan ta’ef caluma jedhi
  14. Waa’ee wanta hin beekne tokkoo dhaga’uudhaf malee haasa’udhaf hin ariifatin.
  15. Namni baay’een sibeeku danda’a kan si hubatu garuu xiqqoodha. Kanaaf warra si hubataniif iddoo kenni.
  16. Waaqayyon sodaachun jalqaba ogummaati isa amanachuun immoo qajellumma barabaraati kanaaf gooftakee abdii godhadhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *