Qubee Afaan Oromoo


QUBEE: jechuun barumsa afaan Oromo keessatti mallattoo adda addaa yoo sagaleewwan garagaraa barreessinu kan walitti dhufee bakke tokko dhaabbatu jechu dha. Afaan Oromo qube (Laatinii) 26(digdamii-jaha) fi qube cimdii 5(shan) itti fayyadama. Qube cimdii kan jennu quboota lama addaan ba’u kan hin dandeenye, sagalee biraa kennuu dhaaf akka qube tokkotitti kan lakkaawwamani dha.
Gosoota Qubee Afaan Oromoo(Types): Qubeen Afaan Oromoo akkaataa sagaleen itti uumamu irratti hundaa’uun bakka saditti(3) qoodama.

    1. Dubbachiiftuu Afaan Oromoo(Vowels)
    2. Dubbafamaa Afaan Oromoo (Consonants)
    3. Qubee Cimdii(Dachaa) Afaan Oromoo(Double consonants)

1. Qubee Dubbachiiftuu Afaan Oromoo

Sagaleen hafuuruma sombaa dhufuun qoonqoo keessatti uumama. Sochiin arrabaa fi hidhii hagas hin barbaachisu. Afaan Oromoo Keessa Dubbachiiftuu gosa 5(shan)nitu Jira. Isaanis Qubee:

1. Qubee Gurguddaa (Capital Letters)
AEIOU
2. Qubee xixiqqaa (Small Letters)
aeiou

2. Dubbifamaa(Consonants)

Isaan kun haafuura fi,sochii qoonqoo, arraba, ilkaanii ykn hidhiitiin uumama. Yeroo hedduu dubbachiiftuu of biraatti barbaadu. Afaan Oromoo Dubbifamaa Heddu qaba. Isaanis akkuma Qubee Dubbachiiftuu bakka Lamatti hiramu.

1. Qubee gurguddaa (Capital letters)
BCDFGHJ
KLMNPQR
STVWXYZ
2. Qubee xixiqqaa (Small letters)
bcdfghj
klmnpqr
stvwxyz

3. Qubee Dachaa

Qube cimdii kan jennu quboota lama addaan ba’u kan hin dandeenye, sagalee biraa kennuu dhaaf akka qube tokkotitti kan lakkaawwamani dha. Afaan Oromoo Keessatti Qubee Cimdii 7(torbatu) Jira. Isaanis:

1. Qubee gurguddaa (Capital Letters)
CHDHNYPHSHTSZH
2. Qubee Xixiqqaa (Small Letters)
chdhnyphshtszh

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *