1) Namoota dhihoo keenya jiran waliin hariiroo cimsachuu:
#Yeroo qobaa keenya taanu (manatti yeroo keenya dabarsinu)kanatti: namoota keenya jennuun waliin jechuunis kan akka miseensa maatii, jaalallee ykn hiriyoota keenya biroo waliin bilbilaan ykn ergaa vidiyootin haasa’uun dhiphina nu mudachuu danda’an nurra hir’isa.
2)Namoota naannoo keenya jiran kan akka ollaa harka qalleeyii, namoota daandiirra jiraatan akkasumas maatii keenya fi kkf waan qabnuuniifi dandeenyun gargaarun, miira gaarii ofitti uumuun ni danda’ama.
3)Sodaa fi yaaddoo qabdu namoota naannoo kee jiran waliin haasa’i.
#NB: Yeroo weerarri akkasi ka’u ykn balaan akkasi nama tokkoo darbee addunyaa mudatu sodaa fi yaaddoon madaalawaa nama kam keessattuu akka uumamuu danda’u ifadha. Kanaafuu, yaaddoo fi sodaa qabnu waliin haasa’uun dhiphina nu mudachuu danda’u nurraa hir’isuurra darbee yaada jajjabinaa argachuufi wantoonni ati gootu ammoo isa biraaf hubannoo uumuu mala.
4) Kunuunsa ofiif gochuu:
# Hamma danda’ame nyaata madaalawaa fi gahaa nyaachuu
#Sochii qaamaa gochuu, Hirriba gahaa argachuu
5)Miira rakkisoo ofirraa dhabamsiisuu yaaluu:
NB: Yeroo hunda jireenya keenya keessatti wantoonni to’achuu dandeenyu akka jiran hunda, wantoonni to’achuu hin dandeenyes jiraachuusaanii beekuun, waan gochuu dandeenyuufi of eegannoo nurraa eegamu hunda ba’achuu.
6) Madda Odeeffannoo keenyaa to’achuu:
# Kun amansiisummaa odeeffannoo argannuu fi yeroo akkamii argachuu akka qabnudha
NB: Waa’ee COVID-19 kana odeeffannoo walitti fuufinsa qabu ykn addaan hin cinne argachuuf yaalii taasisuu dhaabuu, guyyaatti yeroo 1-2 odeeffannoo wayitaawaa fi sirrii argannaan gahaadha fi hamma lubbbuun darbe yeroo yerootti baruuf carraaquu hir’isuu, sababni isaas ammuma sa’atii sa’atiin odeeffanne sodaan keenya dabala.
7) Yaada keessan wantoota guyyaa guyyaatti gootanirra kawwachuu:
Fkn: wantoota mana keessaa qulqulleessuu, nyaata bilcheessuu, Sochii qaamaa gochuu, Wantoota gargaraa dubbisuu, barreessuu, karoora gargaraa baafachuu, Taphoota(game) garagaraa taphachuu, fakkiiwwan kaasuu fi kkf
😎 Yoo danda’ame guyyaatti al-tokkoos ta’u gara alaatti ba’uun qilleensa fudhachuu fi yeroo keessan naannoo magariisaatti dabarsuu, keessumaammoo yoo dallaa bal’aa qabaattan.
9) Tasgabbii fi dhiphina malee of eegannaa barbaachisu hunda gochuu
10) Hunda caalammoo guyyaan kun akka darbuufi bor wanti gaarii akka jiru yaaduu fi amantii cimaa qabaachu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *