• Oromoon manni yoo gubate manni gubate hin jedhani gabbate ykn bishaantu keessa yaa’e jedha malee.

  • Oromoon dubartii takka yoo ulfoofte dubartiin ulfoofte hin jedhu garaatti hafe jedha malee.

  • Nama dubartii nama biraa gudeede irratti qabame tokko gudeede hin jedhan hammate jedhan malee.

  • Jaarsa dogoggoreen doggorte hin jennu hin mucucattan jennaa.

  • Oromoon saree maraate takkan maraate hin jedhuun waan saree kaastee jedhuun.

  • Oromoon dubartiin yoo ulfi irraa jige garaa gahee hin jedhan irraa bahe jedhu.

  • Oromoon daa’ima battaluma dhalattee duuteen hin duute hin jedhu, ni deebite jedha malee.

  • Haati ilma naafa deesse nafa koo hin jettu bittirrisaa ykn sirrigaa kiyya jettiin.
    Namni yoo deege deege hin jedhaniin garuu ulee darbe jedhu.

  • Oromoon nama qaroo dhabeeyyi ta’e tokkoon ballaa/jaamaa hin jedhan qara jedhan.

  • Daa’imni tokko ibbidi gube hin hin jedhamu daaraatu dha’e jedhaan.

  • Nama tokko budaan yoo nyaatte, hawaasni Oromoo garuu budaan nyaatte hin jedhu, ijatu arge jedhaan.

  • Oromoon manni gubate hin jedhu bishaantu keessa yaa’e jedha

  • Oromoon saree ni guddifna hin jedhu ni xiffeessina jedha.

  • Hindaaqqoo cuuccitti yoo dhufan dhumaa dhumaa jedhama malee guddadhaa hin jedhamu.

  • Shamarran durbummaa hin qabneen oromoon durbummaa hin qabdu hin jedhuun “uumaa dhabde” jedhaan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *