Addooyyeen, aadaa Oromoo keessatti, sirna ittiin durbi lama umurii isaanii guutuu obboleetti walii ta’uuf waada itti walii galani.
Hiriyummaan uummata Oromoo biratti aadaa kabaja guddaa qabu. Aadaa hiriyummaa Oromoo keessaa tokko addooyyee yoo ta’u kunis shamarran Oromoo biratti baay’ee beekamaadha. Addooyyen aadaa ittii shamarran Oromoo jaalala dhugaa, kabajaafi maalummaa hiriyummaa ittiin agarsiisani. Addooyyeen aadaa dubri umrii fi naannoo jireenyatiin walitti dhiyaatan lama hanga waliin jiranitti wal jaalachuu fi waliin dhaabbachuuf waadaa waliigalani. Waadaan walii galan kuni kakuu hiriyummaa isaanii cimsu ta’a. Haalli kakuun kun itti raawwatus seera mataa isaa qaba. Dura jarri lamaan quba moggee wal qabatanii akkana jechuun kakatu:
Dubree A: Addooyyee Addooyyee
Dubree B: Oo koo!
Dubree A: Yoon lammata maqaa kee dhaye maqaa koo duuti haa dhooftu.
Dubree B: Koollee duuti haadhooftu.
Kakuu kaan booda hiriyoonni lamaan addooyyee jedhanii wal waamu; maqaa isaanitiin lammata wal hin waaman. Naannoo muraasatti, hiriyoonni lamaan maqaa biraa walii moggaasuun isaan wal waamu. Fakkeenyaaf, Arsiitti kumuudee, Hanguggee, Bilillee faa walii moggaasuun wal waamu. Waadaa walii galan kana eeguuf jecha dubara moggoo taatellee maqaa ishiitiin hin waaman.
Addooyyee lamaan yeroo gammachuus ta’ee gaddaa waliin dhaabbatu. Yeroo boqonnaa isaanii guyyaa Dilbataa waliin dabarsu, dhimma qaban hundarratti wajjin mari’atu. Dhimmi gaa’ila raawwachuu yoo isaaniif dhiyaate, waa’ee gurbaa isa fuudhaf gaafatee iyyaafatanii irratti mari’atu. Mariin waa’ee hojii isaa, amala bayeessa qabaachuu isaa, harka qalleessa ykn sooressa ta’u isaarratti ta’uu mala. Haaluma kanaan ulaagaa kaadhimummaa guutuufi guutuu dhabuu isaa mirkaneessu. Kana malees, gammachuu warra isaaniirratti wajjin hirmaatu. Yoo warri isaanii sirna adda addaa godhatan nuffii tokko malee wal gargaaru. Haaluma kanaan gaafa rakkoos walirraa hin baqatan.
Hunda caalaa ammoo cidha waliirraa hin hafan. Qophii cidha wliirratti hirmaatu. Addooyyeen heerumaaf qophooftu maal gochuu akka qabdu gorsu, akka ishiin haala gaariin mana horattu yaadaan gargaaru. Kana malees, waan misirroon fudhattee heerumtu dhalee fi dhangaa adda addaa qopheessanii mi’a manaa fi uffata bitaanii walii gumaachu. Bakka tokko tokkotti ammoo, heexoo dubarri heerumaaf kaatu dhugdu waliin dhugu; sirba cidhaa jala bultii waliin sirbu. Dhumarratti, gaafa heerumaa baye-bayee fi taritaarii baafachuun booyanii fira boochisu.Walumaagalatti, addooyyeen haala shamarran jireenya keessatti gaddaa fi gammachuu irratti waliin dhaabbatani jaalala waliif qaban ittiin ibsatani.