Namoonni hedduun ammoo hiriyummaadhaan, jaalalaan yeroo murtaa’e erga dabarsaniin booda gara bulti ijaarratanii waliin jiraachuutti cehu.

Seenaan jaalalaa fi bultii ijaarrachuu cimdiiwwan lamaan seenaa isaanii BBC’f qoodan kunneenii ammoo kanarraan adda. Inumaa waan hin baratamnee fi asoosama fakkaatu. Garuu seenaa dhugaati.

Maaltu ta’e?

Cimdiiwwan Lamaan walfuudhanii mana ijaarrachuuf bu’uura kan ta’eef abjuudha. Abjuun halkan tokko abjootame akkamiin cimdiiwwan kunneen walfuusise?

Seenaan isaanii akka isaan dubbatanitti isiniif qopheessine itti dhihaadhaa.

Maqaan kiyya Solomoon Dibaabaati. Ogummaa Gaazexeessummaatin waggootaaf hojjechaan ture. Amma Magaala Finfinneetti Gulantaa Hooggansaa irrattin hojjechaa jira.

Akkaataan ani bulti ittiin ijaare kan namoota biroo irraan adda. Naannoo ani dhaladhetti ‘Hiikee’ yookan ‘Abjuu’ kan jedhamudha.

ALI walakkeessa bara 2011 ture hojii ooleen galgala manakoo galeen rafe. Halkan keessa abjuu tokkon arge. Bakki isaa naannoo Fantaallee kana natti fakkaata. Utuman bishaan daakaa jiruu namni wayii gateettii kiyyarra nayaabbate.

Lagni ani daaku sun bishaan isaa dabalaatuma deeme. Silaa bishaan kun dabalaa jira na nyaachufi maaf narraa hin buutu jedheen hiriyoonnikoo qarqara dhaabbatanii jiru isaaniti iyye.

Hiriyoonni kiyya ammoo ‘keessaa baasi, keessaa baasi Abaaboodha’ naan jedhan.

Gaafan Abjuu kana keessaa deebi’ee hiriibaa dammaqu halkan naannoo sa’aatii saddeetii ta’eera. Naannoo keenyatti abjuun akkanaa hiiknisaa maal akka ta’e waanin beekuuf yeroo balleessuu hin barbaanne, maal gochuu akkan qabun yaade.

Moobaayilii kiyya baneen halkanuma sana Facebook koorra seenee maqaa Abaaboo jedhu kanaan soqe. Yeroon maqaa kanaan soqu Facebook kiyyarratti namoota maqaa Abaaboo jedhaman 13 naaf baase. Abaaboo ishuma jalqabarra jirtuufan waanin arge kana barreessee ergeefi.

Ganamasaa isheen ergaa sana dubbistee waliin haasa’uu jalqabne. Beeki sandura eenyu akka taate, eessa akka jiraattu, akkaawuntiin sun kan dhugaa moo kan sobaa haa ta’uu waanin beeku hin turre.

Gaafni sun guyyaa Roobii ture. Eessa akka jiraattu, akka hin heerumne eenyummaashii akkasumas kan kiyya haasofne. Akka carraa ta’ee isheenis hin heerumne.

Namni ergaan abjuudhaan argame ergameefi kun Abaaboo Abbabaati. Isheen ammoo Magaala Naqamteetti barumsa Koolleejjii irra kan jirtu ture.

Abaaboon akkamiin waan abjuudhaan arge jedhe kana amante?

Ani Maqaan kiyya Abaaboo Abbabaa yoo ta’u, Solomoon wajjin kan walitti nufide ergaa abjuudhaan arge jedhee inni gaafa sana naaf barreesseeni.

Ganama naannoo sa’aatii afurii ni taha Naqamteetti warra mana irraa kireefadhee jiraadhu wajjin mooraa keessatti bunni danfee osoo dhugaa jirruun Facebook kiyya bane. Yeroon banun ergaa kana arge.

Waan inni naaf barreesse kana akkuma qoosaadhaaf naaf erge wayiis natti fakkaate. Achumaan ergaa waliif barreessuu jalqabne. Waan inni haasa’u dhugaa akka ta’e sirrumatti natti hime.

Guyyuma sana bilbila waljijjiirrees bilbilaanis haasofnee dhugaasaa akka ta’e nahubachiisuuf yaale.

Animmoo namni takkaa qaamaan na argee hin beekne akkamitti abjuudhaan na arguu dandaha kan jedhu bitaa nagale.

Gaafa inni dubbicha jabeessun harmee mana naaf kireessaan sana gaafachuuf murteesse. Mana isaanii deemeen akka ana ta’e osoon itti hin himin nama wayiitu abjuu akkanaa arge jedhe hiiknisaa maali jedheen gaafadhe.

Deebiin isaanii gabaabaa ture ‘Walfuudhu’ abjuun kun hiiknisaa kanuma’ naan jedhan. Amma dubbiin kun gara dhugaa fakkaachuutti naharkaa deeme. Waan inni jedhus amanuuttin ka’e.

Imala Gara Finfinne

Roobii kana dubbannee Jimaata Finfinneetti nawaame. Keessi kiyya waan amaneef hin shakkine. Nama abjuudhaan narge kanan arga jedheetuman bariidhaan Naqamteerraa ka’ee Finfinneettin qajeele.

Yeroon gara Finfinnee deemu sana yaada lamatu sammuukoo keessa ture. Yoo inni dhuguma ta’e anis yaada heerumuu kana waan qabuuf natti tola, yoo inni nasobemmoo achuma gaheen mana firaa bulee deebi’a kan jedhu ture.

Buufata Konkolaataa Finfinnee

Cimdiiwwan lamaan guyyaa tokkoon dura ergaa karaa Facebook waliif barreessaniin alatti qaamaan lachuu wal hin beekan. Lamaan isaanii keessayyuu miirri shakkii tureera.

Bakki isaan itti walarguuf walbeellaman ammoo Buufata Konkolaataa Finfinnee (Awutoobistaraa) dha.

Wanni Facebook kun silaa hin beekamu tarii nama biraa taatii laata jedhee shakkaatuman gara Awutoobistaraa deemee. Yeroon toora sana gahu naaf bilbilte. Bilbila dubbisaa ijaanimmoo nan barbaadaa ture.

Akka tasaa dubartii guddoo furdoon tokko ammoo bilbila haasaa gara kiyyatti as cehaa turte. Nan bade, ishee kanaa jedheetan baayyeen rifadhe. Dubartiin sun bilbila haasaa nabira darbitee deemnaan naasuun narraa deeme.

Gara keessaa Seenuuf jedheen toora karraa yoon gahun sagalee ‘Sool’ jedhun dhagahe. Yoon ilaalu ishuma ani facebook dhaan argedha. Nan gammade.

Guyyaa sana nulachuu miira wal wallaalchisaa keessa turre. Galgala sana teenyee waan baayyee haasofne. Sanbooda nulachuu wal amanne jechuuun waan gaafasii yaadata Solomoon.

Qubeelaa guyyaa lammaffaatti…

Bariituusaa isheen gara Naqamteetti deebi’een uffataa fi meeshaa kiyya fudhadhee deebi’a naan jette. Mucayyoo tana keessi kiyya jaalateera. Yoo deemtee achumaan haftehoo jedheen sodaadhe.

Booda qubeelaa siifgodheen deemta jedheen. Isheenis baayyee gammadde. Piyaassaa deemneen qubeelaa biteefii achuma mana Warqii sana keessattin qubatti kaa’efi. Warruma suuqichaatu harka nuuf rukutee achumatti xumurre.

Kun kan ta’e Facebook dhaan walii barreessuu jalqabnee guyyaa sadaffaatti, erga qaamaan walarginee immoo guyyaa lammaffaatti jechuudha.

Qubeelaa ergan godheefiin booda gara Naqamtee deebitee meeshaa fi uuffata fudhattee deebitee waliin jiraachuu jalqabne. Walbarree torban osoo hin guutin walfuunee waliin jiraachuu jalqabne jechuudha.

Maatii fi hiriyoonni maal jedhan…

Abaaboon qubeelaa erga godhatteen booda wanti hunduu dhugaa akka ta’e guutumatti waan amanteef bilbilumaan maatisheetti himte.

Maatii kiyyatti kanin hime ergan guutuutti amaneeyi. Abbaankoo erga itti amantee haa ta’u naan jedhe. Hiriyoonikoos gaafan qubeelaa godhadhee Naqamteetti deebi’u amanuu dadhaban. Hedduun isaanii waan kun dhugaadha jedhanii hin amanne ture. Baayyee shakkan.

Garuu Abjuun sun dhugaa ta’ee nuti walfunee bulti eebbifamaa qabaachuu dandeenyeerra.

Cimdiiwwan Abjuun walitti fide kun amma waggoota sadii bulti keessa waliin jiraataniiru. Mucaa tokko ‘Faaruu’ jedhamtus godhatan.

Dhaamsa…

Bultiin kennaa waaqarraa namaaf kennamu yaada jedhu sana kan keenya kanarraa ka’eetin amane. Amma nuti walqorannee, walbarree, jaalala keessa waliin turree miti kan walfuune.

Nama torbee tokkoon dura wal hin beeknetu torbee booda dhirsaa fii niitii ta’e jedha Solomoon.

Yeroo tokko tokko waan baratame keessaa bahanii ilaaluunis gaarii natti fakkaata. Bultii keenya keessa amma yoo ilaalte namni hamma keenya gammadaan waan jiru natti hin fakkaatu.

Amma anii fi isheen akka abbaa manaa fi haadha warraa mana tokko keessa waliin jiraatuu osoo hin taane akka jaalallee haaraa reefu walbareeti. Jaalalli keenya daran cimaa deeme.

Ani amma dura nama bultiin of hidhuudha, nama dhiphisa, ulfaataadha jedhee yaadu ture. Amma garuu hojiidhaa bahee hamman mana galee ishee fi mucaakoo arguttan ariifadha.

Abaaboonis akkas jechuun ibsiti. Murteema keenya lamaaniin torbeema tokkotti walfuunus amma bulti bareedaa jaalalaan guutame dabarsaa jirra.

Namooota yeroo dheeraa fi ulaagaa baayisuutti amananiifis kunis akka jiru bulti keenyarraa kan baratamudha jechuun xumurte

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *