SANGAATU JIRA!
👉Guyyaa tokko namicha tokkotu hiriyyaa isaa hidhamee ture tokko gaafachuuf mana hidhaa deeme. Achi ga’ees akka carraa namni inni beeku tokko hidhamee arge.
“Maal aboo, anoo akka ati hidhamte hin dhagenyee. Waaq si haa hiiku! Maal hammam sitti murteessan?” jedhee gaafate.
Namichis “Waggaa lama natti murteessan!” jedhe.
“Ofii maal balleessitee hidhamte?”
“Mee dhiisi! Finyoo meetira sadii hatte jedhanii na hidhan.” jedhe
“Maal namana, finyoo meetira sadiif waggaa lama sitti murteessuu? Bar kun ajaa’iba!” jedhe.
Namtichi hidhame sun xiqqoo ture maal jedha sitti fakkate:
lakki “Fiixee ishee irra immoo sangaatu jira!” jedheen! Jedhama.