Kan silaa waliin tahee
Waliin tolu deemsisaa
Dhahee wal balleessuudhaaf
Dirreerra wal fiigsisa
Yoo harki mirgaaf bitaa
Waliif tahe diina
Ormi waliitti yaa’ee
Haratee nu ciniina
Hanga yoomii wal jibbina
Wal ilaalla akka alagaa
Hanga yoom adda baana
Wal qoonnee baddaaf lagaan
Diinni nun baasne adda
Ija tokkoon nu laala
Nu balleessuuf wal waama
Inni dhihoof halaalaa
Wal qoqqooduun haa hafu
Kanaafuu yaa qomoo
Dhiigni keenya tokko
Inni bahaaf dhihaas
Hundumti Oromoon