Kutaa 9ffaa
Taphinni ijoollee gosoota afoolaa keessaa isa tokko. Ummaatni Oromoo ol-adeemaasaa/daa’imman isaa taphoota adda addaatiin aadaa, seenaa , duudhaa, safuu fi jireenya hawwaasummallee barsiifata. Taphinni ijollee yeroo baayyee galgalaa fi yeroo boqqonna yommuu maatiin walitti qabamu taphatama. Taphinni ijoollee gosa baayyee qaba; naannoodhaa naannoottis garaagarummaa qabaachuu mala. Akkuma gosaan garaagara ta’ees ergaa/barnoota garagara dabarsa.
Taphni ijoollee haala jiruufi jireenya saba tokkoo dhalootaa dhalootatti ergaa bifa tapha fakkaatuun akka darbuuf fala dha’amedha taphni ijoollee isa tokkodha. Itti dabalees haala tapha kanaa keessatti ijoolleen yeroo umrii ijoollummaasaanii keessatti hawaasummaa, dandeettii waa xiinxaluufi jaalala biyyaas ta’e kan waliisaaniis akka dagaagfataniif gargaara. Kana qofas osoo hin taane, akkaataa umriisaaniitti safuu, seenaa, haala uumamaa, mirgaafi dirqamasaaniis ta’e kan warroota umrii isaan caalanii akka baraniif isaan gargaara.
Gosoota tapha ijoollee
Kan Golee maali?
Taphni Kan Golee maali? jedhamu naannoo Wallaggaa Dhihaatti tapha beekamudha. Namoota lamaan taphatama. Tokko ni gaafata tokko deebii kenna. Gaaffii fi deebiin kuun saffisaan gaggeeffama. Gaafataan gaaffii dogoggorsiisaa/dogoggoraa giddun gaafata. Gaafatamaan gaaffii kanaaf deebii sirrii yoo kennuu baate ni mo’atame jechuudha.
Gaafataan “Kan golee maali?” jedhee irra deddebiidhaan gaafata. Gaafatamaanis “Meshalee mana keessaa kan qophii nyaataf tajaajilan” saffisaan maqaa dha’uudhaan deebii keenna. Gaaffiin doogoggorsiisaa giddun gaafatamus “Akkon kee maali?” kan jedhudha. Gaafatamaan deebii “nama/abbalu” jedhu akkaa kennu eegama. Dogoggoran deebii maqaa meshalee yoo deebise garuu ni mo’aatame jechuudha. Taphicha irra deddeebiin dheerassanii tapachuun ni danda’aama.
Kan Golee Maali?
FKN. Gaafataa Gaafatamaa
Kan golee maali? Eelee
Kan golee maali? Gemmii/Sumsuma
Kan golee maalii? Okkotee
Akkoon kee maalii? Nama
Akkon kee maalii? Jabanaa X
Tapha ijoollee Oromoota Sayyoofi naannoosheettimmoo
Tokkeen maali?
Tokkeen tokkichuma
Lameen maali?
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Sadeen maali?
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Arfan maali?
Arfan mucha saawwaa
Sadeen germmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Shanan Maal?
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Ja’an maali?
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Turban maali?
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Saddeet maali?
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Sagal maali?
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Kudhan maali?
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Digdami maali?
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Soddoma maali?
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Afurtam maali?
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Shantam maali?
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Jaatam maali?
Jaatam bulchaa horaa
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Torbaatam maali?
Torbaatam dhaaba manaa
Jaatam bulchaa horaa
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Saddeettam maali?
Saddeettam dame qilxuu
Torbaatam dhaaba manaa
Jaatam bulchaa horaa
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Sagaltam maali?
Sagaltam gama gaangoo
Saddeettam dame qilxuu
Torbaatam dhaaba manaa
Jaatam bulchaa horaa
Shantam walakkaa dhibbaa
Afurtam barruu daduu
Soddomee dhaaba soddaa
Digdama boolla saddeeqaa
Kurnan yaa’ii Sayyoo
Sagal dhala dullachaa
Saddeettan dhala leencaa
Torban torbee sanbataa
Ja’an jabbii qaraxaa
Shanan quba harkaa
Arfan mucha saawwaa
Sadeen gemmoo ibiddaa
Lameen mucha reettii
Tokkeen tokkichuma
Jechuudhaan namoota lama gidduutti bifa gaaffiifi deebiidhaan taphatama. Akkaataan gaaffiisaa namni gaafatu sun yeroo hundaa tokkeen maali jechuun hanga dhumaatti itti fufa. Inni/isheen deebisu/tu ammoo guddaarraa gara xiqqaatti deebisa/ti. Kanumaan namni deebii kennaa ture dhumarratti akkana jechuun xumura.
Gabaa abbaa qalqal dhaqeen
Soba qalqala tokkoon gale
Jaartii cuuraa affeellattee
Ilkaaniif cuuraa dadhabdee
Dhagaa cuffatteen dhufe jechuun xumurama.
taphni ijoolleee iddoodhaa iddootti garaagara ta’uu danda’a.
kutaa 10ffaan itti fufa….