Abjuu jechuun maali?. Abjuun suuraa yookaan fakkii galma jireenya keetii isa yeroo mara
sammuu tee keessatti argamuudha. Fakkiin kuni yeroo sitti mul’ata. Deeddeebřee yaada kee
keessa dhufa. Akkasumaas, yeroo mara xiyyeeffannaan kee isa irratti ta’a. Fedhin kee fakkii
sadarkaa jireenya keetii isa suuraan sammuu tee keessatti sitti mul’atu sana qofa irratti
fulleeffata.
Abjuu tee hin gatin
Jireenyi kee murtii mataa keetii qofatti haajama. Abjuun kee ammoo, murtii jireenya kee
keessatti murteessituuf bu’uura taati. Kanaafuu, abjuu tee hin gatin. Abjuu teetitti abdii hin
kutin. Hubadhu, abjuun tee daandii galma jireenya keetitti si geessan keessaa isa tokko.
Kanaaf, abjuu tee dhugoomsuuf kutannoo si barbaachisa. Akkasumaas, ofitti amanamummaa
gahaa qabaachuu si gaafata. Yaada namaa hin dhagahin. Yaadni namaa gufuu abjuu kee akka hin dhugoomsine si taasiisan keessaa ishee jalqabaati.
Abjuun kee galma qabaachuu qaba
Milkaa’ina abjuu keetii mirkaneeffachuuf galma abjuu keetii beekuu qabda. Galmi abjuu tee
dhugoomfachuuf uulaagaalee si barbaachisan keessaa ishee jalqabaati. Inni biraa, abjuu
barreeffadhu. Isa barreeffatte sana ammoo bakka yeroo hunda sif muľ’atutti maxxanfadhu.
Akkasumaas, abjuu tee bifa suuraatin kaafadhuu iddoo yeroo mara sif muľatutti
maxxanfadhu.
Niin danda’a jechuun of amansiisi
/miirri-gadi-aantummaa-ilaalcha-namoonni-biraa
sirratti-fe’an-osoo-hin-taane-ilaalcha-atummaan-ofirratti-feeteedha/
Abjuu tee dhugoomfachuuf, ati akka danda’aa taate if beekuu sirraa eegama. Yeroo hedduu
namoonni ati hin dandeessu siin ja’u. Ati ammoo, namoota kana akka dandeessu gootee itti
agarsiisuu qabda. Hubadhu, namni kan si jajbeessan, kan si dinqisiifatan gaafa ati finxee
milkaa’inaa irra geeyse qofa. Kanaafuu, hanga galma abjuu keetii irra geeysee abjuu kee
dhugoomfatutti yaada namootaaf bakka hin laatin. Kutannoon abjuu tee qofa irratti
xiyyeeffadhuu qabsoo tee hanga dhumaatti itti fufi.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *