Namni kaayyoo guddaa
maraataa fakkaata.
Yeroo karaa deemus
kophaa dudubbata.

ilkaan isaatiin seeqee
sammuun dhukkubsata.
Garaan isa ciinca’ee
madaa kulkulfata.

Miilli isa sorooroo
keessa isatuu okkola. 
Qaamaan as ta'ee
yaadaan gaara oola. 

Addunyaa naanna'ee
hundumaa xiinxala. 
Abjuudhaan herreegee
bu'aasaa ilaala. 

Gaddaan facaasee
gammachuun hammachuu.
Har’a sakaalamee
boru tarkaanfachuu.

Kaayyootu na godhe
akka ani daangaa hin tarre.
Har’a qofaaf nyaachuu
garaankoo hin barre.

Qorri diilallaa'ees
qaama koo na hubu. 
Ciniinnadheen obsa
abidda na gubu. 

Rakkadheera jedhee
harka koo hin laadhu. 
Natii tole jedhees
kaayyoo koo hin dagadhuu. 

Abjuu guyyaa keessaa
Mul’ata isa boruu
Abdii hin kutatiin!
Ormi haa ololuu!!
Jabaadhu qeerransoo
Kan waaq jedhe hin ooluu!!
❤❗️Anaf guyyaan jira ❗️❤🙏

       

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *