▬▬▬▬▬▬▬

  1. “Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. “
    — (Thomas Takias)
  2. “Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i!”
    — (Jecha warra Ingilizii)
  3. “Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.”
    — (Wiiliyaam Sheekispir)
  4. “Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha.”
    — (Maaksim Troobey)
  5. “Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.”
    — (William Shekispir)
  6. “Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru.”
    — (Jecha warra Morookoo)
  7. “Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha.”
    — (Jecha warra Arabaa)
  8. “Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha.”
    — (Jecha warra Chaayinaa)
  9. “Daandii bakka yaadde si geessitu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin!”
    — (Jecha warra Ingilizii)
  10. “Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwu immoo nama ogeessadha.”
    — (Jecha warra Aayilaandii)
  11. “Namni dogoggora isaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.”
    — (Maataammaa Gaandii)
  12. “Nama tokko dogoggora isaa irraa deebisuun hojii guddaadha.”
    — (Abrahan Liinkan)
  13. “Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu.”
    — (Abraham Liinkan)
  14. “Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.”
    — (Rey Liiman Wiilber)
  15. “Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu.”
    — (Maaliif Waaltoo Imarsan)
  16. “Maallaqni:
    √ Nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu!
    √  Qoricha malee fayyaa hin bitu!
    √ Hordoftoota malee hiriyaa hin bitu!
    √ Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu.”
    — (Heenriik Ibsan)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *