ABCD…

Qawween koo boraatiin koo
Kan rasaasa liqimsu
Yaada garaa koo keessaa
Danda’ee naaf hin ibsuu
Rasaasa itti guuttadhee
Gaafan banu cancala
Biyyi’o gurra qabtee
Fiigee lixa daggalaa
Wal caccabsee gulufa
Wanta qabu harcaasee
Qawween nageenya hin fidu
Nagaa dhahee mancaasee
Allaattiin waaqarra kaattu
Bineensi bosona kessaa
Sagalee qawwee kootii
Hin jaallatu ni dheessa
Ati garuu qubee koo
Qubee koo quba jabduu
Nagaa buusuufis taanaan
Gita tokkoyyuu hin qabdu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *