Haadha manaafi abbaa manaa tokkotu wajjin jiraachaa ture. Haati manaa kun, “Otuun abbaa manaa koo dhiisee deemee akkam ta’aa laata?” jettee teessee yaadde. Akkam akka aaru baruu barbaadde. Gaaftokko yommuu inni manaa ba’u xalayaa barreessitee minjaala bakka ciisicha isaanii jirurra keesse. Xalayichis akkas jedha;
“Siif obseen dhadhabe. Anaafi ati walii galuu hin dandeenye. Kana booda obsa koo fixadheera. Si wajjin gubachaa jiraachuu hin fedhu. Nagaan turi, ani deemeera.” jettee ofiisheemmoo siree jala seentee dhokatte.
Abbaan manaa yeroo ol seenu haati manaasaa hin jirtu. Kutaa ciisichaa isaaniitti yommmuu ol lixu, xalayaa isheen barreessitee minjaala irra keesse sana argee dubbisuu jalqabe. Erga dubbisee fixee booda gammachuudhaan ol utaale. Bilbila isaa saffisaan fuudhee nama tokkotti bilbile. “Helloo damma
koo eessa jirtaa? Uffee…isheen siin jedhe sun ni sokkiteem. Eessatti wal agarraa? Baga narraa deemte. Duruma iyyuu sitti himeera anatu dogoggore, jalqabuma si fuudhuun qaba ture. Ariifadhuu bakka dur wal agarru sanatti koottu damma koo. Bye” jedhee bilbila cufee kutaa ciisichaa keessaa ba’e.
Haati manaa isaa waan kana hundaa siree jala ciistee afaanshee ukkamsitee dhaggeeffachaa turte. Waan gurrishee dhaga’e kana amanuu dhadhabde. Hirqinfattee boosse. Imimmaan fuulasheerra dhangala’e. “Dhiira amanuun kanumaa?” jettee gaddaa fi aariidhaan gubatte. Siree jalaa baatee kutaadhuma ciisichaa sana keessa fajajjee dhaabatte.
Yeroo abbaan manaa ishee balbala mooraa banee gadi ba’u, kutaa ‘saaloniitti’ achi dabartee waraqaa wayii kan abbaan manaashee barreessee kaa’ee ba’e argite. Waraqichas fuutee dubbisuu jalqabde. Akkas jedha;
“Atillee na dhokachuuf yaaddee, ani garuu miila kee siree jalatti argeera. Nan sobe eenyuuf iyyuu hin bilbille. Daabboo
bituufan deebi’ee gadi ba’e. Tapha fokkisaa akkasii dhiisii ka’i irbaata nuuf qopheessi. Sin jaalladha” jedhee barreessee deeme.
“Otuu hin hubatiin, qubaa hin gubatiin” jedhu biyya keenyaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *