Namoonni hundi ilaalcha mataasaanii qabu. Tarii akkas jedhanii yaadu taʼa:

‘Ilaalcha gaarii qabaachuuf jecha rakkina koo maaliifan dhoksa?’

‘Hamma fedhe ilaalcha gaarii yoon qabaadhe iyyuu haala koo jijjiiruu hin dandaʼu.’

‘Akkanumaan abjoochuu mannaa dhugaa jiru fudhachuun qaba.’

Yaadawwan kun dhugaa fakkaatu taʼa. Taʼus, ilaalcha gaarii qabaachuun faayidaa hedduu qaba. Kana fakkeenyaan ibsuuf, haalawwan armaan gadii ilaali. fkn 1:

Rabbumaa fi Lalisaan bakka hojii isaaniitti hojii garaa garaa irratti cimanii hojjetu. Hogganaan isaanii hojii isaanii erga ilaalee booda, dogoggora guddaa isaan hojjetan tokko tokko itti hime.

Rabbumaa: “Hojii kana irratti yeroo fi humna koo gubeera; garuu sirriitti hin hojjenne! Matumaa waanan milkaaʼu natti hin fakkaatu. Hamma fedhe jabaadhee yoon hojjedhe iyyuu, buʼaan isaa nama hin gammachiisu. Kana booda itti dhiisuun qaba.”

Lalisaa: “Hogganaan koo wantoota gaarii ani hojjedhe tokko tokko natti himeera; taʼus dogoggora gurguddaa muraasa hojjedheera. Barumsa gaarii yeroo itti aanutti hojii koo fooyyeffachuuf na gargaaru argadheera.”

MAAL SITTI FAKKAATA?

Jiʼa jaʼa booda hojjetaa dandeettii qabu kan taʼu eenyu sitti fakkaata? Rabbumaa moo Lalisaa dha?

Ati hogganaa utuu taatee namoota kana lamaan keessaa eenyuun qacaruu barbaadda? Yookiin isa kamtu akka itti fufu barbaadda?

Wanti si aarsu yeroo si mudatu, ati isaan keessaa akka isa kamii goota?

Fkn 2:

Siifanii fi Siddisee miira kophummaatu isaanitti dhagaʼama. Lamaan isaanii iyyuu miira kana dandamachuuf wanta garaa garaa godhu.

Siifan of irratti xiyyeeffatti. Namoonni dursanii yoo waa ishiidhaaf godhan malee namootaaf waa gochuu hin barbaaddu. ‘Namoota deebisanii homaa naaf hin gooneef jedhee yeroo koo maaliifan guba?’ jettee yaaddi.

Siddiseen galateeffatanis galateeffachuu baatanis namootatti gaarummaa argisiisuu fi isaaniif waa gochuuf carraaqqii guddaa gooti. Jireenya ishii keessatti seera isa wanta namoonni akka nuu godhan barbaadnu nus akka isaaniif goonu ajaju hojii irra oolchiti. Akka ilaalcha Siddiseetti deebiin namootaa maal iyyuu yoo taʼe, wanta gaarii gochuun nama kiisa.

MAAL SITTI FAKKAATA?

Dubartoota kana lamaan keessaa eenyuun michuu kee godhachuu barbaadda?

Lamaan isaanii keessaa walitti dhufeenya namootaa wajjin qabutti kan gammadu eenyu sitti fakkaata?

Kophummaan kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, akka Siifan moo akka Siddisee goota?

Namoota haalli isaanii kan Lalisaa fi Siddisee wajjin wal fakkaatu beekta taʼa. Ati iyyuu akka isaanii akka taate sitti dhagaʼama taʼa. Taanaan, ilaalchi kee jireenya kee irratti jijjiirama akka fidu akka hubattu hin shakkisiisu. Akka Rabbumaa fi Siifan yoo taate hoo? Deebiisaa sinuumaafan dhiisaa.

 

One thought on “Jireenya kee keessatti namaafis ta’e ofiif ilaalcha akkamii qabdaa? ilaalcha kee yoo gara ilaalcha sirriitti jijjiirte bor fudhatama argattaa.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *