Jaalaleewwa lamatu turan. Isaanis akka ajaa’ibaa kanatti wal jaalatu. Wal malee hin deeman, hin taa’an, hin nyaatan. Sababuma kanaan maqaa masoo “roomi’oo fi juuleeyti” jedhu argatanii jiru.
Osoma akkanatti jiranii ija namaa keessa bu’an se’aa ani isaanoo wal dhaban. Wal dhabaniis araaramuu dadhabanii gargar bahan. Martuu jireenya dhuunfaa isaanii geggeessuu jalqaban. innis gara magaalaa biraa deemee; isheenis gara magaalaa biraatti deemtee jireenya dhuunfaa isaanii geggeessuu jalqaban. Turtii waggaa lamaa booda isaan lachanuu gara magaalaa duraaniitti deebi’an. Akkuma deebi’aniin wal argan. Aariin warra lachuu irraa baddee waan jirtuuf; akkuma wal arganiin akkuma duraa jechuun yeroo jaalalaan waliin turan sanitti naga bareedaa fi hoo’aa tahe wal gaafatan. Haaluma kana fakkaatu keessa osoo jirai dargageesichi ishee waliin buluu akka barbaadu itti hime. Isheenis gaafii isaa osoo hin didin tole jettee fudhatte. Isaan lachanuu gammadanii wal qunnamtii saalaa osoo geggeessani lafti isaanitti barite. Bariisaa ganamaan osoo isheen hiribaa hin ka’in dargageesichi biraa deemee bilbileefii akkana jedheen
:

“si jazbaa wayii; na dhageessaa si jaaladhen si waliin bule sitti hin fakkatiin, fedhiin koo waan natti baay’ateef ofirraa sitti fincaa’uuf malee…” jedheen bilbilaan.

isheenis “jazbaan si caalu eessa jira; anis si jaaladheen seetaa kan si wajjiin buleef HIV waan na qabee jiruuf si balleessuuf malee…” jetteen jedhama.

Jarana gochaa akkanaa kana irraa rabbi nu haa baraaru!!
Garuu osoo si tahee maal goota?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *