Heloo yaa ilmottii koo
Tokkittii koo yaa garaa
Akkam jirta nagaadhaa
An kunoo nagaan jiraa

Akkam jirta ilmoo koo
Akkam jiruun jireenyi
Ija kee arguun hawweem
Na daangessus fageenyi

Hireen hir’uun kan keenya
Nurraa sittisuu darbee
Gaaga’amni jireenyaa
Erga kokkee si qabee

Gafati biyyaa baatu
Wanta qabdu fudhattee
Fagaattee adeemuudhaaf
Garaa kan kee kutattee

Siif haa darbu jedheetan
Kophaa koo taa’ee boo’ee
Imimmaan koo facaasaan
Mana cufadhee hoo’e

Imimmaan koo gaafasii
Addaan hin cinne ammallee
Ijaan arguufan hawwa
Fuula kee isa magaalle

An kunoo nagaan jira
Maalan ta’a galatasaa
Yaaddoo kan kee qofaafan
Imimmaan koo xuruursa

Tokko lama utuun jedhuu
Guyyaanuu wal lakkaa’ee
Utuu walirra bu’uu
Ji’aa fi waggaa ta’e

Kunoo akkuma qoosaatti
Waggaan kun hundi darbee
Dullumnis natti dhufnaan
Humni koo na dadhabe

Maaloo yaa ilmoolee koo
Ija koo yaa baatirii
Kottuu ijaan na argi
Utuun-seenin qabirii

Booda erga barfatee
Nan argattuu ilmoolee
Yeroo xiqqoodhaaf ta’us
Kuttoo na argi malee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *