—
Gaafan qullaa deemu
Ati uffattee deemta
“Maraatuu” naan jechuu malee
Maafan akkan maraadhe
Na gaafattee beektaa?
Maal taate jetteettaa?
Ani afuuffee miti
Kan qilleensaan guutame
Ani hattuu miti utuu waan namaa hawwuu
Kan sammuu fuudhame
Ani albaadhessa miti
Kajeeltuu waan raqaa
Ani maraatuudha
Maraatuu ilma haqaa!
Jireenyaan wal dhabee
Jiraa hin jirre ta’ee
Dhugaafan maraadhe
Dhugaafan raata’e!
Sobatuu hiita’ee akka tulluu guddaatti
Ol jedhee dhaabbate
Biyyimmoo itti yaa’ee galgalaafi ganama
Ho’asaa qaammate
Sobaaf walga’iin taa’amee
Hiriirri ba’ameefi
Cidhi itti godhamee – itti shubbifamee
Harki dhahameefi!
Namni soba kabaje
Namni soba faarse
Qumbii itti firfirse
‘Ixaana’ itti aarse!
Dhugaanimmoo haqaaqamee
Karaarraa jaallate
Akka muka qiinqaniin nyaateetti
Soofamee qallate
Ni ukkaamame – ni sakaalame
Dhoksaatti affeelamee
Dhoksaatti akaa’ame
Dukkana walakkaa
Gorduuba kaa’ame!
Aarsaa dhugaaf ba’etu
Jallinaan qorqame
Kan kabajni maluuf
Kabaja dhorkame!
—
Hammeenyiifi gidiraan
Kokkeettii na qabe
Biyya abbaa koorrattan
Abbaa ta’uu dhabe
Galaana imimmaanitu
Jiraa na awwaale
Madaan koo baayyannaan
Hooqqachuu wallaale..
Waa’een maraatummaafi
Waa’een caba kootii
Gaaffii deebii dhabe
Gaaffii saba kooti!