Ergamaa Qulqulluu Faanu’eel

Haadhi keenya qulqulleettii Dubroo Maariyaam waggaa 3 booda gara mana qulqullummaatti yemmuu fudhatamtetti, lubni Zakaariyaas waa’ee nyaata isheef baay’ee yaadda’ee ture. Yaaddoon Luba Zakaariyas yeroo gabaabaa booda ni murame. Kunis, osoo mariirra jiranuu ergamaan Waaqayyoo Qulqulluu Faanu’el, xoofooo fi hibistii/bexela samii qabatee dhiyaate. Lubni Zakkariyaas ergamichi xootoofi hibistii qabatee dhufe kana kan fide isaaf se’ee fudhachuuf itti adeemnaan, ergamichi jalaa fagaate. Sana booda, itti aanaan isaas yemmuu ergamcharraa hibistii kana fudhachuuf jedhu, ergamichi kan jalaa fagaatu ta’e. Booda irra wanti Waaqayyoo hin beekkamu, mee daa’ima kanaaf ta’innaa laata jedhanii yemmuu dubroo Maariyaam kophaatti gatanii jalaa, ergamichi koola tokko afee koola tokkoon ammoo golboobee, dheerina nama tokkoon laffaraa ol fuudhee obaasen. Hibistichas soore.
• Haati keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam gara mana qulqullummaa kan seente Muddee 3 yemmuu ta’u, ergaman kunis, hibistii fi xoofoo samii kan fideef guyyuma kana.
Ergamaan qulqulluu Faanu’eel namootaaf gufuu kan ta’an Seexannaa ari’uudhaan, hanga Barbaanositti kan fageessudha. Mootiin Sooriyaa Walde Adeer Israa’eliin yemmuu of jala oolchu, Raaja Eelsas ta’ee ijoollee Israa’el baraaruuf Qulqulluu Faanu’eel, macca isaa waliin isaan keessa qubateera (2Mot 6:14. Kanaanis, ija diinaa balleessee, Eelsafi ijoolle Israa’eliif gonfoo moo’annaa itti uffisee, ija isaanii jalaa dhokateera. Ergamaan kunis, (1Mot 19:15) irratti akkuma dubbisnu, raajicha Eelsaa hirriba keessaa damaqsee bixxillee nyaadhu kan jedheenidha.
• Ayyaanni yaadannoo ergamaa qulqulluu Faanu’eel kan kabajamus, Muddee 3 fi Caamsa 3 dha.
Galanni Waaayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa ergamootaatiin nutti haa araaramu; sugni ergamaa qulqulluu Faanu’eel nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti Ameen!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *