Yaa ummaa keenya Ati nuu dhaga’ii

Yaa Waaqayyo egdee, tiksitee, galgalaa nuuf barrisistee, guyyaas nagaan nuu olchitte yeroo isaan amma irraa keenye kanan kan nu geesse galanni sif haa ta’u. Yaa uummaa keenya dhalottaa hangaa har’aattis waan gaarii hin hojeenne, hojeennes hin qabnu, Yaa ummaa keenya hangaa yoo natti kan nu jiraachiste, jireenya keenya gara fulduraas sittu beeka, yaa ummaa keenya mana kee keessa deddebinees sin galateeffanne, ni bannee malees galuun keenya yoom akka ta’ee hin beeknu, yaa Waaqayyoo keenya ati waan gaarii akka hojeennuf kan nu uumtee bakka nutti jiruutti ayyannaa kee nuuf baay’isii.
Yaa ummaa keenya barri keenya bara dhumaa ta’ee, abdiin qabnu hunduus yeroo hundaa guyyaa kee eguu qofadha. Yaa waaqa keenya, ammas ati waan hunduummaa ni beekta, sin baqannees miti, sin dhokannees miti, nutti waan gaarii hin qabu, akkamiin maqaa kee waamannu. Yaa waaqa ati qulqulloota keef abdii kan ta’ee, egumsaa keen kan isaan tiiksiitte kan sif dadhabammu tokkoo iyyuu hin jiruu, dhiphuu nu mudattee hundaaf ati furmataa nuuf ta’u. Yaa ummaa keenya, ati nurraa addaa hin ba’iin.
Abdiin keenya sidha yaa waaqa. haadha kee dubroo maariyamiif jedhii, qulqulloottaa bartootta keef jedhii, warreegamtoottafi ergamoota keef jedhii ati nuu dhaga’ii. Akka hojii keenyatti miti akka garuummaa keetti. Yaa waaqayyo, ati obboloottaa, obbolletti keenya hundaa biyyaa keessafi biyyaa bakkee gaadadoofi dhiphinni cunqursaafi rakkinii, yaado gargaraan rakkaattaan hundaaf furmaata kan keenu si qoofadha. Yaa waaqa keenya ati ayyaanna kee baay’isiifi ati nageenyaa kee bakka jiraan hundaatti keennif. Yaa umma keenya bahuuf galuu keenyaa hundaatti rakkinaa foonii, rakkinaa lubbuu ati nu bararii. Abdiin keenya dhugaan si qofadha. Yaa waaqa keenya kanneen dhukkubsaatani ciisan marraaf fayyinaa kee ladhuuf, kanneen dararamaan hundaa bilisaa bassii. kanneen yaadoon guutaaman hundaaf furmaata ta’ii. Yaa waaqa kenya kan nama eguu hin jiruu egumsii kee nuf haa baay’attuu. yaa waaqayyo, biyyii lafaa silas biyyaa keenya miti biyyaa kolu galtumaan irraa jiraanudha, yaa waaqayyoo, osoo nutti mana keetti deebinnee sin galaffattin akka banneen nun hambisiin. Yaa waaqa keenya ati ayyannaa kee nuuf baay’isi. Jaajjabbeessumaan kee nurraa adda hin bahin. Yaa waaqa, obdiin kee hawwinnee, yaa waaqa keenya sirraa addaan banee fagannee. Hangaan gara keetti deebinuutti egumsaa keen akkaa yeroo hundaa si galateffannu nuu taasisi. Yaa waaqayyo keenya, Yaadoo biyyaa keessafi alaa nurratti wal ga’ee; kan qabnee, kan dhisnuu waalale, maaloo ati gaariifi yaraa addaa bastee kan beektu nagaa kee nuf baay’isii, arrarraa kee nuuf hedduummesssi. Yaa waaqa nutto biyyaa lafa irraatti badhadhumaas hin barbaanu, garuu kan itti jiraanuuf ati nuuf keenni. Osoo fiignuu mootummaa kee bara baraa akka nutti hin dhabnees nu tiiksii. Egumsaa kee nuuf heddumeessi. Yaa ummaa keenya addunyaa guutuu bitnee mootumaa kee dhabnaa tannaan maal bu’aan keenya, umuriin keenya dheeraatte dheeraatte galmaa gaarii hin qabnuu tannan maal bu’aan keenya. Yaa ummaa keenya harkaa keenya sitti bal’isnaa ati ayyannaa kee nuuf baay’isii. Buruquu foonii, dhangala’uu dhiigaa, cabaa lafee ati nu bararrii.
Yaa Waaqayyoo nuu nama gatti hin qabnee kana, osoo nutti garuumaa hin qabattin maqaa kee isaa qulqulluu waamne akka si kaadhannu kan nuu taasistee, galanni oqubaan barabaraa sif haa ta’u. Yaa ummaa keenya kadhattaa keenya kanan hir’isnee itti nuuf guutte, kan dogogorree sireessitte, arjumaa keen nuu dhaga’uun feedhaf eyyamaa kee nuf haa ta’u. Nuu kakastee kan na jalqabsiistee Jalqabsistee kan nuu xumursistee galanniif ulfinni sif haa ta’u! Hanga barbaraatti, Ameen!
YAA ABBAA KEENYA….
BIYYII KEENYA SAMMII

  • Biyyi keenya sammii haatti keenya maariyaam (2x)
  • Maaf jaalalaa dhabnee keenya miti addunyaan
  • Maalif nagaa dhabnee keenya miti addunyaan.
  • Kan lapheen hin yaadne bakka nuuf qoophesse
  • Kan ijaan hin argamnee mootummaa nuuf tolchee
  • Ummataa qulqulluu taasisuun filaatee
  • Ijoolleen waaq tokkoo maalif gargar taatee (2x)
  • Kayyoo dhumaa tokkoof tikseen nun nu waame
  • Kan Aphiloos kan Keeffa maalif waalin jennee
  • Nutti ergamni keenya kan duuka bu’ootta
  • Dhallonni hin qajeellu lallabaa adda addumaan(2x)
  • Kan Yaa’iqoobif Esaa’uu wal dhabdee hangafummaa
  • Ni madeessaa turee gadamessaa Ribqaa
  • Dammen yoo baay’aatte jirmii isaa tokkichaa
  • Nu’ittif kan du’ee nutti kan laallabnuu(2x)
  • Yaada tokkoon garuu, tokkoon walli haa gallu
  • Baay’ee akka taannuf magaala Waaqatti
  • Dubroo Maariyaamin hundumtuu maarsinne
  • Keenna haa fuudhannu afuurra qulqulluu (2x)
  • Galanni Waaqayyof haa ta’u! Ameen!

Sirnaa qidaasse kan egaallee eenyu?

Sirnaa qiddaasse jalqabaa irraatti egaalle, Gooftaa keenya Iyeessus Kiristoos. Guyyaa gaafa kamisaa galgallaa sirnaa qurbannaa raawwattee.

  • Wangellaa qulqulluu Maatiwoos 26:26-28 =>Utuu nyaachaa jiranii, Iyesus buddeena fuudhee, eebbisee cabsee bartoota isaatiif kennee, “Fudhadhaa nyaadhaa, kun dhangaa kooti!” jedhe.
  • Wangeellaa qulqulluu Luqaas 22:14-38 => Yeroon itti irbaata Faasikaa nyaatan geenyaan, Iyyessuus ergamooota isaa wajjiin maaddiitti taa’e. Inni isaaniin “Dhiphachuu koo fuul dura irbaata Faasikaa miilanaa isinii wajjiin nyaachuudhaaf garaa koo guutuu hawweera…….”
  • Wangellaa qulqulluu Maarqos 14:17-25 =>Yommuu galgalaa’e Iyyeessus bartoota isaa kudha lamaanii wajjiin in dhufe. Maaddiitti taa’anii nyaachaa utuu jiraniis Iyesuus, “Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa, inni tokko, dabarsee na kennuuf jira” jedhe…..
  • Wangellaa qulqulluu Yoohannis 6:53-59 =>”…..Iyesuus immoo “Dhuguma, dhuguman isiniin jedha, isin foon ilma namaa yoo nyaachuu dhaabaattan, dhiiga isaas yoo dhuguu dhaabattan, jireenya of keessaa hin qabdan. Eenyu illee foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa isa dhumaatti du’aa isa nan kaasa. Foon koo dhuguma nyaata, dhiigni koos dhuguma dhugaatiidha. foon koo kan nyaatu, dhiiga koos kan dhugu ana keessa ni jiraata, anis isa keessa nan jiraadha. Abbaan inni jiraatan akka na erge, ani immoo sababii abbaatiif akkumaan jiraadhu, namni foon koo nyaatu immoo sababii kootiif ni jiraata. Isa kana buddeenni, inni waaqa irraa gad bu’e; akka isa abaabiliin keessan nyaatanii, booddee immoo du’anii miti; buddeena kana kan nyaatu bara baraan ni jiraata” jedha.
  • Ergaa qulqulluu Phawulos gara warra Qorontoos isaa tokkooffaa 11:23-26, => Barsiifni ani isinitti dabarse, isuma ani gooftaa biraa fudhadhe ture. Innis, Iyesuus Gooftaan halkanuma itti dabarfamee kenname sanatti buddeena fuudhee, Waaqayyoon galateeffatee, buddeenicha cabsee, “Inni isiniif cabe kun dhagna kooti, kanas seenaa kootiif godhadhaa!” jedhe. Erga nyaatanii booddees akkanuma sanatti xooficha fudhatee, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa, dhiiga kootiin dhaabatuudha; yeroodhuma isa keessaa dhugdanitti seenaa kootiif godhadhaa! jedhe. Yeroodhuma buddeena kana nyaattaniiti, yeroodhuma xoofoo kana keessa dhugdanitti hamma gooftaan deebi’ee dhufutti akka inni [namootaaf] du’ee ni labsitu.

Sirnaa qiddaassee amma kana qoophessaan Qulqulluu Abbaa Baasiliyoos Zeqisarriya.

Seenaan Akkamitti hubatamaa?

  1. Seenaan Maali?

Namni waa’ee Seenaa yoggu gaafatamu ‘waan darbe tokko kan qoratu’ jechuun qofa ibsuu ni mala. Seenaan garuu waa’ee isa darbe qofa osoo hin taane isa darbe sana kan amma jirufi isa fuula-duratti dhufutti kan walitti hidhudha. Kanaafuu, Seenaan mudannoo darbe kan itti qorannu, bara keessa jiraannuuf barumsa kan itti fudhannu, akkasumas jireenya (kaayyoo) keenya fuula-duraaf wabii gaarii kan itti arganudha (Gizaw, 2005:43). Haala wal-fakkaatuun hayyuun Seenaafi Barsiisaan Yunivarsiitii Finfinnee Prof. Shifarraaw Baqqalaas: ‘seenaan kan darbe qofa miti; battaluma kanattillee kan hojjetamaa jirudha. Kanaafuu, seenaan akka bishaaniiti- kan darbe, kan jirufi kan dhufullee hunda walitti makata; kanneen sadan adda baasnee ibsuun ulfaata’ jedhu. Kanas ta’e sana garuu, dur eenyu akka turre, har’a eenyu akka taanefi akkamitti akka har’a keenya fakkaanne, borus maal ta’uuf akka dandeenyu kan nuuf ibsu seenaa dha.

2. Faayidaan (Galmi) Seenaa Qorachuu Maalii?

Seenaan baroota sadeen kan wal-quunnamsiisudha: kaleessa, har’afi boru. Dhaloonni haaraan har’aa seenaa irraa baratee yaada bareedaa akka burqisiisuuf, rakkoolee jiraniif furmaata akka soquuf, jabaatee hojjetee muuxannoo mo’achuu akka horatuuf isa gargaara (Mangistuufi Asaamminoo, Seenaa Bataskaanaa-2ffaa, f.3). Keessumaayyuu seenaan baroota darban keessa raawwate tokko bifa isaa jijjiiree mudachuun waan hin oolleef, kan mudatee darbe sana beekuun qorumsa dhufu hundarraa of-eeguuf fayyada. Kanaafuu seenaan darbe hunduu dhaloota amma jiruuf (fuul-duratti dhufuuf) barumsa, hubanoofi of-eeggannoo uumuuf gumaacha guddaa qaba. Seenaan waa’ee mudannoowwan darban adda addaa akka hubannu, kanneen tibbanaas akka qalbeeffannu, ijo dubbii tokko bu’uura isaarraa kaafnee akaa xiinxallu, mudannoos ta’e murtoo jireenya keenya keessaa haala amansiisaa ta’een (logically) akka simannu nu taasisa. Kanaafuu seenaan dhaloota odeeffannoo gahaa qabu (well informed), kan ofitti amanu (selfconfident) fi murtoo sirrii kennuu danda’u (decision maker) uumuuf shoora guddaa qaba.

‘Oolmaa keenya kaleessaa gamaaggamuun, har’a oogummaan jiraachuufi boruuf qophii gahaa gochuuf kan nama gargaaru seenaa dha; dame beekumsaa dogoggora darbe sirreesuuf, jalqabbiiwwan miidhagoo jajjabeessuuf, jijjiirama amalaas fiduuf gargaarudhas (Mangistuufi Asaamminoo, Seenaa Bataskaanaa-2ffaa, f.2). Namoonni seenaa darbe dagatan deebisanii dogoggoruun isaanii hin oolu. Warri seenaa yaadatan tokko tokkommoo irraa barachuuf otuu hin taane madaa durii tutuqanii caalaatti dhiigsuuf, aaloo bahuuf, ibidda jibbaa qabsiisuuf itti gargaaramuuf carraaqu- kuni duubatti hafummaadha malee tarkaanfii ammayyaa miti. Faayidaan seenaa inni ijoon garuu mudannoo dabaa abaaruufi irraa baratanii akka lamuu hin deebine dhorkuuf; isa gaariimmoo jajuuf, dabalanii simachuuf ture. Kan nama gaddisiisu garuu namni seenaa irraa barachuu hin dandeenye. Beektonni seenaa Bernard Shaw fi Hegel taajjabbii isaanii: ‘seenaa irraa kan barannu yoo jiraate sanyiin namaa seenaa irraa barachuu dadhabuusaati’ jechuun ibsu. Walumaagalatti qabxiilee kanneen hubachuun bara kana biyyaa keenya keessatti gaaffilee ‘walitti-dhufeenya sabni Oromofi Bataskaanni Ortodoksii qabaniin’ wal-qabatanii gaafataman hubachuuf (deebisuuf) nu gargaara. Haaluma kanaan ‘faayidaafi kaayyoon seenaa qorachuu maali?’ jennee haagafannu:

  • Seenaa dogoggoraa uumamee ture dabaluuf mo seenaa irraa barannee waan fooyya’e tokko hojjechuuf?
  • Namoota durii seenaa gurraacha galmeessisanii darban kaafnee abaaruu mo yaada wayyaa qabu haaraa maddisiisnee seenaa gaarii galmeessisuuf?
  • Seenaa jallatee darbe caalaatti jallisuuf mo yaada qajeelaa kenninee akka sirraa’u gumaachuuf?
  • Akka warra durii yaada boodeetti hafaa hordofnee badii dabalataa fiduuf mo akka dhaloota barate jaarraa 21ffaa fageessinee yaaduudhaan beekaafi ammayya’a ta’uu keenya mirkaneessuf?
  • Namni tokko ‘beekas’ kan jedhamu seenaa waan barateef mo beekumsa argate kanarratti hundaa’ee seenaa furmaata qabeessa hojjetee darbuuf yoo carraaqedha? kkf.

3. Bu’uuraalee Seenaa Hubachuuf Gargaaran

3.1. Yaroo, bakkafi mudannoo

Seenaa tokko sirriitti hubachuuf waa sadii beekuun murteessaadha: yeroo (time) fi bakka (place) seenaan suni itti raawwate, akkasumas mudannoo raawwate (event). Kanneen sadan irraa foxoqsanii seenaa dhugaatti hubachuun soba; yakkadhas. Seenaa waggootiin hedduu dura ta’ee darbe tokko yoggu dubbisnu haala hawwaasummaa, dinagdee, siyaasaafi aadaa yeroo sanaa irratti hundoofnee hubachuuf yaaluu (haala qabatamaa barichaa keessa ofcuuphuu) qabna malee qabxiilee kanneenirraa adda baasnee akka bara keenyaatti hiikuu hin qabnu. Fkn: seenaa bara mootota durii raawwate tokko ilaalcha har’a qabnuun hubannee guutummaa guutuutti ‘gaariidha’ ykn ‘dogoggoradha’ jechuun ibsa beektota seenaan ‘Anachronism’ jedhama; mudannoo seenaa keessaa tokko yeroo isa hin ilaallatiin keessa ukkaamsuu jechuudha. Har’arra dhaabbannee nama waggoota heduun dura jiraatee darbe fokkuuf ‘ebaluun akkana gochuu hinqabu ture’ jechuun kan fudhatama hinqabnes kanaaf dha. Yaada kaleessaafi yaada har’aa, dhaloota duriifi kan ammaa wal-bira qabnee madaaluun dogoggora; namni dhuunfaanillee ilaalchaan bilchaachaa waan deemuuf guyyaa hunda walqixa (dhaabbataa) miti. Har’i kaleessa irraa baratee boruuf karaa soquu qaba malee yakkuufi itti murteessuudhaan bu’aa hin argatu. Kana jechuun garuu seenaa keessatti dogoggorri hin jiru jechuu miti; toleeras, badeeras jechuuf garuu murtiin isaa akkas salphaa miti jechuuf malee. Yaada irratti kennuu yoo barbaannes ilaalcha har’afi asitti osoo hin taane yaadaan duubatti deebi’anii bakka isaan turan dhaabachuudhaan ta’uu mala. ‘Seenaa darbe waliin gamnoomaan araaramu malee doofummaan itti hin bu’an;… isa fuula-duraa malee kan darbe sirreessuu hin dandeenyu.’ (Gizaw, 2005:230, 251).

3.2. Madda sirrii gargaaramuu (Source)

Maddi odeeffannoo seenaa hedduudha: kan barreeffames, kan hin barreeffamnes ta’uu ni mala. Kanaafuu, namni seenaa dhugaa qoratufi barreessuuf fedhu tokko madda sirrii filachuu isaa mirkaneeffachuu qaba. Namni burqaa qulqulluurraa hin waraabne bishaan carii fida/dhuga jechuun soba. Bakka booruu irraa waraabanii seenaa boora’e barreessuun yakkamaa seenaa nama taasisa; dhaloota dhufus dhukkubsachiisa. Seenaa keenya keessatti madda dhabuu, kan jirus seeraan gargaaramuu dadhabuu, ykn kan fedha-ofii waliin deemu qofa filachuun ni mul’ata. Akka hayyoota Seenaatti maddi odeeffannoo seenaaf filatamu yoo ulaagaalee armaan gadii guuta ta’e dha:

  • B a r a se e n a a n s u ni r a a w w atetti y o o b a rr e effa m e ta’e (= yoo yeroon seenesichi itti jiraateefi seenaan suni itti raawwate walirraa fagaachaa deeman, amanamummaan madda odeeffannoo seenaa sanaa hir’achaa dhufa). Fkn: namni raawwii sana ijaan arge (eye witness) fudhatama guddaa qaba ; qaamaan bakka sanatti waan argamee hubateef. Odeeffannoon dhageettii-dhageettiidhaan darbu garuu guutummaa guutuutti soba jechuu baannullee dhugaan isaa qaqal’achafi dabaa deemuu isaa shakkii hin qabu.
  • M u u x a n n o o k allattii ( Dir e ct E x p erie n c e) : kunis ofiin dhimma sana keessatti hirmaachuun waan argamuuf amanamaadha. Fkn. Namni waraana keessatti hirmaate tokko kaan caalaa waa’ee waraanichaa yoo seenesse irraa bareeda; kan awwaaletu mardoo hima jedhu mitiiree.
  • Maddawwan dur – durii (Ancient Archives ) : isaan kuni barreeffamoota, hafteewwan meeshaa, wantoota bakkeewwan seen-qabeeyyii keessatti mul’atan hunda dabalatu. Afaan hin qaban malee ogeessa sirriitti isaan dubbisufi hiika sirrii kennu argannaan akka namaa soba hin beekan.
  • Eenyummaa s eenessitoota : namni seenaa barreessu tokko ofii oogummaa isaa qabaachuu qaba; eebbifamuu isaa osoo hin taanee beekumsaan. Dhimma barreessu sanaafis yeroodhaan dhiyoo (occasion proximate) ta’uu qaba. Kanaafuu, ‘eenyummaa barreessaa sanaa beekuun dhugaa seenaa sanaa madaaluuf karaa nuuf saaqa’ (Edward Kar, 1961). Fkn: namni seenaa Itoophiyaa barreessuu fedhu tokko lammii biyyaa ta’uun isaa waa’ee uummata seenaa barreessuuf sana sirriitti akka beeku isa taasisa; garuu qomoo isaaf jecha dhugaa akka hin jallisne of-eeggachuu qaba. Hunda dura sammuu aantummaarraa, ilaalcha dhuunfaafi hawwii keessasaa jirura fagaachuu qaba. ‘Namni seenaa barreessuuf yaadu tokko mana kitaabaa otuu hin seeniin dura ejjennoofi hawwii keessasaa jiran hunda ofirraa darbachuu qaba; ta’uu baannaan madaallii dhugaan deemuuf rakkata’ (Hobsbawm, 1990: article-3).

3.3. Ilaalcha Keenya Sirreessuu

Madda odeeffannoo seenaa waliin kan wal-qabatu qabxiin biraa ilaalcha nuyi barreessitoota warra lixaaf (foreign writers) kenninudha. Kuni namoota warra adii qofa kan ilaallatu miti; lammii biyyaa ta’aniis achitti waan barataniif ykn kitaabota isaanii dubbisanii yaada warra lixaa fe’amanii (baatanii) waan dhufaniif daawitii ormaan seenaa isaanii warra ilaalanis ni dabalata (Messay, 2006). Kan barreessitoota biyyaatiin barreeffame hundi sirriidha jechuu osoo hin taane ‘biyya keessa waan ta’aniif qofa’ tuffannee kaan jajna taanaan jecha ‘warqeen of-harkaa qaban hundi dhagaadha’ jedhamu nu yaadachiisa. Ilaalchi orma caalchifachuu akkasii kuni beektota seenaatiin ‘Euro-centrism’ jedhama (Messay, 2006:816). Akka jecha Gabra-Hiwot Baayikedany ibsanitti (2003:3-5), seenaa dhugaa barreessuun salphaa miti-kennaalee sadii gaafata: laphee dhugaa hubatu, sammuu loogummaa malee murteessufi dandeettii ifaan ibsuu (oogummaa, qooqa). Barreessitoonni biyya keenyaa hedduun isaanii garuu kanneen sadan dhabuudhaan dhimma guddaa dhiisanii isa xiqqaa barreessu, dhugaaf dhaabachuu dhiisanii oduu baraaf bitamu, seenaan barreessanis isa dubbisuuf ifa miti. ‘Seenaan ulfa dha-barreessaan seenaa tokko madda tokko ofii akka hubatettifi akka fedhetti akkasumas akka sadarkaa xiinxalasaatti waan hiika itti kennuuf oogummaa deessisuu gahaa qabaachuu qaba’ (Gizaw, 2005:79).

3.4. Miiraan oofamuu irraa of-eeguu

Seenaa hubachuufi barreessuun ‘dhugaaf bitamuu’ barbaada; deeggarsaanis ta’e jibbiinsaan guutamanii seenessuun adeemsa ammayaa miti. Namoonni tokko tokko garuu dhugaa ture dhiisanii fedhafi hawwii isaanii barreessu; miiraan oofamuu (sensual) jechuun kana. Seenaan ofii qabatamaa (objective) dha; garuu barreessitoonni yeroo hedduu dhiibbaa siyaasafi fedhii dhuunfaa (subjective) itti makuun ni mul’ata (Kim, 2010:1). Waan isaan yaadan tokko namni akka isaaniif fudhatu yoggu barbaadan dimshaashaan ‘seenaan akkana jedha’ jedhu; kitaaba kamifi fuula kamirratti akka jedhu garuu nuuf hin caqasan. Yoo caqasanimmoo yaada kitaabichi jedhu akka jirutti barreessuu dhiisanii jechafi hiika mataa isaanii itti kennu; ‘akkas jechuusaati’ jedhanii (distorted interpretation) kan barreessaan suni jechuu barbaade gara hawwii isaaniitti harkisuuf carraaqu. Adeemsi akkanaa kuni madda seenaa xureessuu (abusing historical sources) dha. Kaanimmoo filanoo dhuunfaa irratti hundaa’anii mada odeeffannoo seenaa keessaa kan barbaadan (yaada isaanii kan deeggaru qofa) fudhatu, kaan (kan yaada isaanii falmu) tuffatu; kunis dhugaa seenaaf bitamuu osoo hin taane fedhafi hawwii keenyatti harkisuudha. “Seenessitoonni haaraa dhufan heduun seenaa miirawaa (emotionally-bound) barreessu; kan isaan ‘Itoophiyaa’ jedhanis ishee ofii arguuf barbaadan dha” (Triulzi, 2002:279).

4. Yaada Xumuraa

Seenaa dhugaafi qabxii ‘bishaan fuudhu’ uummataaf dhiyeessuun wareegama barbaada: ofmo’uu, warra aangoo qaban falmuufi madda sirrii soquu nu gaafata. Namni seenaa barreessu yoo dhugaa mul’ise seenaa biraa hojjeta; yoo garaa guuttachuuf jecha dhugaa hir’ise garuu lafarratti seenaan, samiirratti Waaqni isa gaafata. Kanaafuu, seenaa barreessuufi hubachuun of-eeggannoo cimaa barbaada. Seenaan dhaloota jirufi dhufu qajeelchuuf (kallattii qaroominaa agarsiisuuf) malee isa darbe aaloo bahuuf hin barreeffamu-kuni adeemsa jaarraa 21ffaa miti. ‘Dogoggora seenaa keessaa dogoggoraan aaloo bahuun badii dachaadha’ (Gizaw, 2005:116). ‘Seenaan darbe sirrii miti’ kan jedhu yoo jiraate, oogummaafi wabii qabatamaan serreessuuf carraaqa malee barreeffama arrabsoon guutameefi humnaan adeemuun badii biraa hojjechuu dha. Tolaas ta’e badaa warra seenaa hijjetee du’e (reeffa) waliin wal’aansoo wal-qabuun qaroomina miti-isaan kana booda maaliif akka kana hojjetan deebii nuuf kennuu hin danda’an; ‘du’aa hin komatiin’ kan jedhamuufis kanaaf. Dhaloonni amma jirus badii akaakileefi abaabilee isaa duriif akka ‘hoolaa warajoo’ itti darbee komatamuufi lubbuu kennuu hinqabu; seenaa sana keessatti gahee waan hin qabneef. Amma kan nurraa eegamu ‘dhaloonni fuula-duraa akkamitti haa qajeelu?’ isa jedhu deebisuu dha. Qomoo kamirraayyuu hadhalannu, amantaa kamiyyuu ha hordofnu, seenaa hubachuun walnu dhabsiisuu hin qabu. Akka biyyaatti adda-addummaafi seenaa wal-nudhabsiisu caalaa tokkummaafi seenaa walitti nu hidhu qabna. Oduu tibbanaafi olola baraaf jennee seenaa micciiramaaf hin saaxilamnu. Garuu, kaan miidhaa isaa yaadee yeroo hunda boo’aa (crying victim), kaanimmoo biyya nagaatti hin farrisiinaa jedhee marmaratee yoo ciise (denial) yoomuu walii hin gallu; sunis qabbanaa’ee, kunis dammaqee marii waliiniif qophaa’uu qaba. Seenaan kamiyyuu dogoggora malee akka hin hojjetamu-xuriifi booruu qaba; kunimmoo seenaa addunyaa hunda keessa kan jiru malee nuun qofa kan mudate miti (Gizaw, 2005:103). Akka amantaattis yoo ilaalle, kan seenaa hojjetan namoota malee ergamoota waan hin taaneef ‘maaliif dogoggoran?’ hin jedhamu. Seenaan Itoophiyaa waa’ee isa darbee sirriitti ifa baasuu qaba; garuu qorannoo cimaafi sammuu qajeeltoorratti hundaa’uu malee dhiibbaa siyaasaan, aantummaa ykn ilaalcha dhuunfaarratti hundaa’uu hin qabu (Triulzi, 2002:287-288). Akkasumas, seenaan keenya dirree wal-quunnamtiifi walii-galtee malee meeshaa wal-dhabbii ta’uu hin qabu. Baroota dheeraaf gaariis ta’e badaa waliin dabarsineerra; waliin nyaannee dhugneerra; fuudhafi heerumaan maatii tokko taaneerra. Wal-diiguun caalaatti numaan miidha; diinotaa keenya tokkummaa keenyaan mo’atamanii turanimmoo gammachiisa-‘walii-galan, alaa galan’ jedha mitiiree Oromoon?!

Madda Odeeffannoo (References)

1. Hobsbawn, Eric J (1990). Nations & N ationalism Since 1780 . Cambridge University Press.

2. Kim, Ji Yang (2010). National Historiography of Ethiopia . Term paper, AP World History Class, Korean Minjok Leadership Academy International Program.

3. Messay Kebede (2006). Gebrehiwot Baykedagn, Eurocentrism, and the Decentering of Ethiopia. Journal of Black Studies, Vol.36, No.6, pp.815-832.

4. Triulzi, Alessandro (2002). Battling with the Past: New Frameworks for Ethiopian Historiography. In: Remapping Ethiopia: Socialism & After. Ohio University Press.

5. ግዛው ዘውዴ (2005 ዓ.ም)፤ ታሪክ፣ ትርክና ታሪካችን፤ አዲስ አበባ፡፡