Category Archives: Raajota qulqulloota

Milkiyaas

Milkiyaas jechuun ‘kan Waaqayyoof ergamu/ergamaa koo’ jechuudha. Qomoo Aseer irraa dhalate. Zakkaariyaas waliin ta’uudhaan uummata tajaajilaa mana qulqullummaaf kakaasu turan. Umurii ga’eesuummaa irraa eegalee raajii dubbachuun ummata barsiiseera. Raajii isaas kan dubbate bara 470 fi 440 Dh.K.D dha. Kunis bara Iziraafi Nahimiyaan itti (Milk. 2:10).
Guyyaan yaadannoo isaas Amajjii 08 dha Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugm isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Zakkaariyaas

Zkkaariyaas jechuun ‘Waaqayyo ni yaadata’ jechuudha. Ilma Barakiyuu kan ta’e Dh.K.D bara 520 kan jiraatedha. Raajicha Haagee waliin mana qulqullummaa ijaarsa isaa akka xumuran kan kakaasedha (Izra. 5:1). Dubbiin raajii isaas waamicha gara Waaqayyoo deebi’aa kan jedhu keessatti argama. Raaja Zakkaariyaas yeroo hedduu waa’ee gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos raajii dubbateera. Kanneen keessaas muraasni. (Zak. 6:12, 9:9, 11:13, 12:10, 13:7)
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Haagee

Haagee jechuun “gammachuu koo” jechuudha. Bara 520 Dh.K.D Yihudoota Iyyarusaaleem jiranitti raajii dubbateera. Isaan erga boojiidhaa deebi’anii booda mana qulqullummaa ijaaruuf eegalanii turan. Mormiin warra Saamraawiyaanotaa irraa waan isaan dhaqqabeef garuu addaan kutaniiru. Kunis osoo hin xumuramiin waggaa 16 ta’e. Raajichi Haageenis namoonni mana qulqullummaa akka ijaaran isaan kakaasaa tureera.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti; Ameen!

Sofooniyaas

Sofooniyaas jechuun ‘Waaqayyo dhoksee’ jechuudha (Sof.2:3). ‘Waaqayyo kabaadha’ jechuudhas. Hizqiyaas akaakayyuu isaati. Sofooniyaas Yihudaa qofa irratti osoo hin taane murtee biyya lafaa irratti dhufuuf jirtu hunduma dubbate. Kan jiraates bara 640-609 Dh.K. D dha. Waa’ee gammachuu Iyyaruusaaleem ishee haaraas raajii dubbateera (Sof. 3:9).
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa
araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Inbaaqoom

Inbaaqoom jechuun ‘beekaa, hayyuu’ jechuudha. Dhaloonni isaa qomoo Simi’oon keessaati. Shuummoo affeelee warra haamaaniif laaqana yoo deemu ergamaan Waaaqayyoo, “Wanta qabatte deemtu kana Daani’el isa boolla keessatti gatameef gara biyya Baabiloonitti geessi,” jedheen. “Daani’eel eessa? Baabiloon immoo hin beeku,” jedhee ergamichaaf deebise. Ergamaan rifeensa mataa isaa qabee geessee boollicha raajichi Daani’eel keessatti darbame osoo hin baniin seenee nyaachisee osoo hin baniin bahe gara biyyaatti deebi’eera. Israa’elootas barsiisaa tureera. Innis Waaqayyo Teemanii ni dhufa, qulqullichis tulluu Faaraanii biyya Yihudaatis,” jedhee raajii dubbateera. Kan raajii dubbachaa tures bara 609-606tti Dh.K.D.
Ayyaanni yaadannoo isaa Caamsaa 24 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!33

Yoonaas

Yoonaas jechuun ‘gugee/garraamii/’ jechuudha. Innis kan jiraate bara Iyyoorbi’aam lammaffaati. Iyyoorbi’aam Sooriyaanota ari’ee akka daangaa Israa’el deebisu raajii dubbateera. Sagaleen Waaqayyoo, cubbuun jiraattota magaalaa Nanawee baay’achuu isaa agarraan gara raajicha Yoonaas dhufe. Sagaleen Waaqayyoo Yoonaas magaalaa Nanawee dhaqee akka lallabu itti hime. Yoonas garuu amala namoota biyya sanaa waan beekuuf magaala Nanawee dhaquu dhiisee gara Tarsees iddoo jedhamutti Waaqayyoo jalaa baqachuuf ka’e. Doonii gara Tarsees geessus yaabbatee gara tarseesitti qajeele.
Yeroo kana Waaqayyo danbalii hamaa galaana irratti akka ka’u ni godhe Dooniin raajichi Yoonaas fa’a yaabbatanis gamanaafi gamas raafamtee caccabuuf geesse. Hundumti isaanii sodaatanii iyyan. Akkuma isaanittis waaqa isaanii waaman. Ba’aan akka isaan irraa hirdhatuufis meeshaalee qaban hunda gara bishaaniitti baasanii darban. Yemmuu kuni hundi ta’u Yoonaas gara keessa doonichaatti hirribni hamaan fudhatee of gatee rafaa ture. Qajeelchaan doonichas gara Yoonaas dhufee, “Atihoo of gattee rafteetta! Ka’iiti akka hin banneef Waaqa kee waami ” Jedheen. Isaanis wanti hamaan kun saababa eenyuun akka nu argate koottaa ‘ carraa haa buufnu jedhanii yemmuu carricha buusan ba’e. Isaanis yemmuu sana Yoonaasiin, “Wanti hamaan kun akkamiin nu argate? Eessaa dhufte? Maal hojettas, biyyi kees eessa,” jedhanii jabeessanii gaafatan. Innis, “Ani biyya Hibruuti. Waaqa lafaafi galaana kana uumen waaqeffadha” jedheen.
Kanaafis, maal akka balleese gaafatan. Isaanis, “Kunoo danbaliin nu balleessuf ta’a maal wayya,” jedhanii isa gaafatan. Innis “Balleessaan kuni hundi kan isin argate sababa koon waan ta’eef gara galaanatti na darbadhaa,” jedhe. Isaan garuu jabeessani yabalanii ba’uuf yaalanille hin dandeenye. Booda garuu “Yaa Waaqayyoo ati akka barbaadde godhi! Situ beeka, cubbuu namicha kanarraa nu qulleessi,” jedhanii fuudhanii bishaanitti Yoonaasiin darban. Yemmuu kana danbaliin ka’aa ture ni dhaabate.
Waaqayyo immoo qurxummii guddaa Yoonaasiin akka liqimsuuf ni qopheese. Yoonaasis guyyaa sadiifi halkan sadii garaacha qurxummii guddaa sana keessa lubbuun isaa osoo hin ba’in bule. Yoonaasis garaacha qurxumichaa keessa taa’ee galata Waaqayyoof ni dhiheessa ture. Waaqayyo immoo kadhannaa isaa ni dhagahe gara dachee gogaatti baasee akka Yoonaasiin tufu Waaqayyo ni ajaje. Yoonaasis qurxumicha keessaa tufamee gara lafa gogaatti ni bate. Sagaleen Waaqayyoo ammas yeroo lammaffaaf gara Yoonaas akkas jdhee itti ni dhufe. Akkanas jedheen, “Yoonaas ka’iiti gara magaala guddittii Nanawee deemi! Waanan ani siin jedhus lallabiif,” jedheen. Yoonaas akka Waaqayyoon abboomametti ka’ee gara Nanawee ni adeeme. Nanaweenis magaalaa guddoo keessi ishees guyyaa sadi deemsisa ture. Yoonaasis, “Nanaween guyyaa sadi booda ni baddi ni garagalti,” jedhee lallabuu eegale. Uummanni Nanawees Waaqayyotti ni amananuun sooma labsa. Xiqqaa hanga guddaatti akka sooman ni ta’e. Mootiin biyya isaanillee dubbii kana ni dhagahe. Innis teessoo isaa irraa gadi bu’ee uffata bututtuu uffatee daaraa irra ni ta’ee ni gadde. Innis labsii ni baase. “Namni hundi loowwan illee osoo hin hafiin bishaanillee akka hin dhugne, hundi isaa gara Waaqayyootti haa iyyu,” jedhe. Waaqayyo immoo deebi’uufi gadduu isaanii ilaalee ni mararfateef, fi balleessaa jedhe sanas osoo itti hin fidiin hafe.
Waaqayyo dhiifama warra Nanaweetiif kennuun isaa garuu Yoonaas hin gammachiifne ture. Innis, “Raajaa sobaa naan jedhan badiin isinirra ni gaha jedhee lallabeen ture. Osoo homtuu hin ta’iin yoo hafu namoonni raajaa sobaa naan jedhu” jedhee sodaatee lole. Gara Waaqayyoottis “Anas du’a naaf wayya amma na ajjeesi” jedhe. Yoonaasis magaalitti keessaa gara alaatti (cinaatti) ba’ee waan ta’uuf jiru mana godoo (kabaa) kaneenatee ilaala ture. Waaqayyos buqqee halkan tokkotti magarsee kabaa (godoo) Yoonaas gaaddiddeesse. Yoonaasis ni gammade. Yemmuu bari’u garuu buqqee sana Waaqayyo rammoo ishee nyaatu qopheessee ni gogse. Yoonaasiin ho’i aduu mataa isaa hadooche. Kanaanis, Yoonaas nyaatamun buqqee sun baay’ee isa marare. Yoonaasis yemmuu goguu buqqee sana argu ammallee du’a naaf wayya jedhe ofitti aare. Egaa Waaqayyo Yoonaas barsiisuudhaaf halkan tokkotti buqqee daraarse, booda immoo barii ni gogse.
Waaqayyos Yoonaasiin akkas jedhee komate, “Ati buqqee kanaaf na loltaa?” jedheen. Innis “Eeyyee,” jedhe deebiseef, Waaqayyos, “Atillee buqqee itti dadhabdee hin dhaabneef, buqqee halkan tokkotti daraarte waan dhabdeef na lolta, ani egaa uummata Nanawee kan bitaaf mirga isaa hin beekneef baay’inni isaas uummata kuma 120 ol kan ta’an kanaaf yoo isaan na kadhatan akkamittin hin naaneeree?” jedhee deebiseefi.
Soomaafi gaddi namoota Nanawee bara gooftaan fooniin lafa kana irra deddeebi’aa barsiisaa turetti illee yaadatameera. barsiisaafis yaadannoo kabajaatiin ooleera.
“Namoonni Nanawee guyyaa murtiitti dhaloota si’anaa wajjin ka’anii ni dhiyaatu. Ittis ni murteessisisu. Isaan lallaba Yoonaas dhaga’anii yaada garaa isaanii geeddarataniiru; amma garuu, kunoo, inni Yoonaas irra caalu as jira. (Mat. 12:41)”
Kakuu haaraa keessatti Yoonaas halkan sadiifi guyyaa sadii garaacha qurxummii guddaa keessa buluun isaa fakkeenya gooftaan keenyaa Iyyesuus Kiristoos ilma namaaf jedhee foon uffatee lafa kana irratti dhalatee fannifamee, lubbuu isaa dabarsee kennuun halkan sadiifi guyyaa sadii awwaala keessa bulee booda du’a moo’atee ilma namaa hundaaf fayyina badhaasuu isaa kan ibsu dha. Kunis wangeela irratti, komiin ka’eera, “Uummani kun mallattoo barbaadu innis mallattoo Yoonas malee hin kennamuuf” jedhameera.
“Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture hunda ilmi namaas akkasuma guyyaa sadiifi halkan sadii garaa lafaa keessa turuuf jira” (Mat 12:40).
Ayyaanni yaadannoo boqonnaa isaas Fulbaana 25 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Abdiyyuu

Abdiyyuu jechuun ‘tajaajilaa Waaqayyoo’ jechuudha. Elizaabeel yemmuu raajota Waaqayyo ajjeesisaa tunetti, raajota Waaqayyoo 100 fuudhee shantama shantamaan hiree holqa keessa kan dhokse dha. Osoo looniif bakka margi jiru barbaadu. Eeliyaas dhufuu isaa waan argeef, dhufaati raajicha Eeliyaas mootichatti himi jedheeti himeefi jira (1Mot 18:3). Murti Edomiyas irratti ta’uuf jirus kan barreesse isadha. Innis raaja isaa kan barreesse bara kufaatii Iyyarusaleem naannoo 848-589tti dha.
Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Iyyuu’eel

Iyyuu’eel jechuun ‘Waaqayyo Waaqa’ jechuu dha. Innis qomoo Roobeel irraa dhalate. Abbaan isaa Baatu’eel jedhama. Kan tajaajiles Yihudaafi Iyyaruusaleemitti yoo ta’u, kitaabni raajii isaa bara kam akka barraa’e wanti beekamu hin jiru. Raajii Iyyuu’eel irratti kan ibsame Waaqayyo bara dhumaatti warra foon uffatan hundumaa irratti afuura isaa akka dhangalaasuuuf abdii kennuu isaati (Iyu.2:28). Kitaabni isaas uummatichi dheekkamsa Waaqayyoo jalaa akka deebi’an, gaabbii akka galaniifi akka soomanis gochuufi. Raajii isaa kan barreesses isuma.
Ayyaanni yaadannoo isaas Onkololessa 21 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Mikiyaas

Mikiyaas jechuun ‘kan akka Waaqayyoon eenyuudha’ jechuudha. Innis kan dhalate magaalaa Mirshet jedhamtu Iyyaruusaalem irraa 32km fagaattee daangaa Filisxeem irratti gara kibbaan kan argamtuudha. Gosti isaas Niftaaleem. Kan jiraates jaarraa 8ffaa Dh.K.D dha. Ergaan isaas Iyyarusaaleem, Samaariyaa fi Yihuudaa hundaaf ture. Innis akkuma raajicha Amoos namoota sobaan uummata miidhan irratti murteesseera. Raajii isaas kan dubbate bara 740-695tti DH.K.D. Isas wanti adda isa taasisu, waa’ee mootota kaabaafi kibba Israa’el bakka tokkotti waan barreessefidha.
Guyyaan ayyaana yaadannoo boqonnaa isaas Hagayya 22 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen!

Naahoom

Naahoom jechuun ‘qoricha’ jechuudha. Qomoo Zaabloon irraa dhalate. Yeroo boojii Faarsi Baabiloon sana waa’ee meeshaa mana qulqullummaafi waa’ee Israa’elootni dhiibamu gaddee gara Iyyarusaalem deebi’uuf qannoonaa yoo galu, hundumaa ol dubbiin foonummaa ifeefii, “Baabiloon si kan si baraaru hin jiru ana garuu gooftaan samiirraa bu’ee na fayyisa,” jedhee dubbateera. Abdii kanaanis gara biyya isaatti deebi’ee madaa gaddaa kanarraa waan fayyeef abbaan Hiriyaaqoos, “Qoricha Naahoom,” jedhee dubroo Maariyaamiin fakkeessee dubbachuun isaa kanaafidha.
Ayyaanni yaadannoo isaas Muddee 5 dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa taa’u. Hanga bara baraatti. Ameen!